WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, October 25, 2009

Xalayaa deegars WBO Zoonii Kibbaatiif

Irraa: Miseensota Konyaa WBO-ABO (Jijjiiramaa)- Zooni Bahaa , KENYAA JIRRUUTI.

Akeeka: DEGARSA ARAARAA, NAGAYAA FI MOORAA QABSOO BILISUMMAA OROMOO KEESSAATTI FI TOKKUMMAAN UMMATA OROMOO JIDDUUTTI AKKA DEEBIE'UUF, AKKASUMA MURNOOTIIN DHAABA A.B.O SADEEN YEROO AMMA MAQUMA TOKKICHAAN SOSSO’AN KUN AKKA ABO TOKKICHAA fi HOGGAANSA QBO TOKKO TAHUUF, NULLEEN DABALATAA FI DEEGARSA WBO ZOONI KIBBAA MIRKANESSINA:

Jidduu kanaa WBO, Zooni Kibbaa, haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaatti baraa dheeraa keessa dabarree as genyee keessati mudatee fi kan ammaa qabsoon Sabaa keenyaa keessatti argamtu wal cinaa qabudhaan, akkaataa rakkinoota jedhamaniif murtii, ejjenno akkasuma tarkaanfi gara furmaataatti geessu fudhatu labsan ni deegarra.
Keessaafuu haalli ABO fi mooraa qabsoo Oromo keessaattii addaan fottoqinsii yeroo irraa yeerooti umamaa turee fi jiru kun, kan duraa dhaabbatamu qabu akka ta’ee fi, kanneen addaan fafaca’u keessatti gartuulee ABO tahan akka maqaa qofarratti wal qabuu dhiisani, hujii qabsoo jabeessuu fi bilisummaaf Oromoof waloon hojjatani, qabsoo dindaawaa ummanni Oromoo eegataa jirutti of deebisaniif, murtii, ijjennoo fi waamicha WBO ZK dhiheesse akka fala takkicha jiruutti fudhannee jirra.
Dhaaba ABO fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatii haalli balaan addaan galuu hogganoota jidduutti fi dhimmota dhunfaa, namtokkee sababefachuudhaan kan deddeebi’e mudatu tahe argama.

Seenaa wal diiguu fi dhaabaa akkasuma qabsoo balleessuu amma aadaa tahe kanaaf jalqaba ogguu ofirraa deebinee yaadannu, fottoqinsa duraa kan Bahaa Oromiyaa-Hararghee keessaatti bara 1978/79 dhaaba ABO fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo mudate ture irraatii lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaawaman, meeqaa fi meeqatuu wareegame?
Sadarkaa jalqabatiittii akkasumas qabenyii ilmaan Oromoo fayyaaleyyii keessattuu ilman qotee bulaa kan daangaa hin qabne yeruma sanarraa qabee qe’ee Oromoo garasiitti akka barbadaawe hafe seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ni yaadatamti.
Yeroo sanarraa kaasee hangaa kan yeroo ammaa kanneeniitti, wal dhabbiilee, finciloota, diigumsaa fi laamsha’uun qabsichaa itti fufe jechuun kan danda’amu, kana hunda keessatti lubbuu goototi ilmaan Oromoo akkasuma qabsaahota Oromoo kan silaa arraa yoo jiraataan qabsoo Saba kanaaf bu'aa qaban kanneen beeytotaa fi hayyoota tahanituu wareegamaa hin barabachifneen galaafataman. Haalota dhabbataan dhaabaa ABO, QBO fi Oromoo mudataa dhufe kana irraa muuyxanoo, gorsaa fi beekomsi HOGGANONI QABSO BILISUMMAA OROMOO HUMAA IRRAA BARACHUU HIN DANDENYEE JENNEE AR’A MIRKANIIN DUBBATUUN NI DANDA’AMA.

Sadarkaa hawaasi Oromootti garuu muuyxannoon kan hunda irraa horate osoo jiru, hogganootni qabsoo ammoo akkamiitti haalota faffakaatoo yeroo sana irraa hangaa arratti dhaabaa ABO fi QBO Oromoo naafisaa dhufe kanneen irraa waa takkaa illee ijaaraa baratu akka dadhaban kunilleen waan namaa aja'ibsisuu dha.

Yaa ummata Oromoo, mee haala ulfaataa Oromootti hudhaa tahe akkanaa kana bakka jirtani dhidhiiba. Tokkummaa fi araaraa WBO ZK akeeka kanaan alaatti falli biraa hafe jiraatu dhabuu hubattani, bakkaa iyyuutti akkumaa keenya kanaatti akeeka tokkummaa kana akka deegartan, gad jabeessitani fi dhugoomsuuf hundi wajjiin ol kaanu nu illeen waamicha Oromummaa fi miseensummaa dabarfanna.

Dhuma irratti dhaaba ABO keessattii sababaa haalaa morkaa fi olaantummaa namoota jidduutti deddeebi’e dhoohurraa dhufeen, qabsahota Oromoo keessatti ammaas bara 2008 keessaa fottoqiinsi tahee kan ABOn yoo xiqqaatte bakka sadiitti waamamu taasise jira.
ABOn tokko ture addaan caphuun amma gara ‘ABO-Qaacaa’, ‘ABO-Shanee’ fi ‘ABO-jijjiiramaa’ je’amuun yeroo amma jirru kana keessatti fuulota jirru kana keessatti qabeenyaa fi hamilee qabsahotaa barbadessuu hujii godhatuun itti fufamuun, egeree Oromoofuu yaaddessaa dhufee jira.

Tarkaanfiin Waraana Bilsimmaa Oromoo ZK haalonnii akkanaa hundi bakka iyyuutti akka dhaabbatuuf fi hundii gara qabsoo dhugaatti akka of deebifnu dhiheesse jira. Akeekni tarkaanfii waraana zoonii sanaa, haala amma Oromoo dhumti diina waliitti tahaa jiru kun hafee, gara qabsoo diina Sabaa fi biyya keenyaa irratti akka fuulleffatamuuf dhiheesse. Ejennoon waraana zoonii kanaa kun, kanaafuu faarfamaa qofa osoo hin taane, seenaa keessatti kan bakka guddaa qabu jenna.

Yaalii nagaa fi araaraa akkasumas tokkoomuu mooraa Qabsoo Oromoo fi ummata Oromoo koreen bu'uressitotaa fi gameeyyii dhaabaa akkasuma qabsoo bilisummaa Oromoo, kan akka kanneen maqaa ABOtiin gara garaatti sosso’aa jiran wajjiin araaramuu dhaan, tokkoomani qabsoof wajjiin hojjatan kan akeekatte tahuutti hubanna. Akeekaa fi yaalii ijaaraa maanguddootaa kana tumsuuf, tarkaanfi WBO Kibbaa kun fudhate, nutis KONYAAN miseensota WBO turre, kan QAMAA ABO-JIJJIRAMAA, NAIROBITTI argamnu, guyyaa arraa irraa egalle kan deegerruu, nuufis ijjennaa keenya tahu beeksifna.

Yeroo walirratti olola oomishuun qofti hujii qabsoo tahee jiru kanaatti, kan jaarmayaan qabsoo abdatamaan akka ABO fi kaan illeen akkanaatti addaan wal diigan, qabsoon bilisummaa ummata Oromoo sadarkaa hamaatti kufaa dhufe kana wajjiin, ogguu gama kaaniin biyyaa keessaatti haala ummata Oromoo laalluu, biyyaa keessatti hireen ilmaan Oromoo hidhamuu fi ajjeefamuu tahuun daranuu itti jirti.
Motummaan gabroonfataa Wayyaanee umrii waggoota digdamatti deemuuf osoo addaan hin dhaabin, Oromoo gataa osoo jiru, dhumaati ilmaan Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruuf QBO fi hoggansa dhaaba akka ABOfaa ummatni osoo akka jannata Rabbiitti eegataa jiru, maliif hoggana fi namootni Oromoon silaa of duraatti ilaalan qabsoo, dhaaba, walii isaanii fi hiree Oromootaa akka akkana godhan hedduu nama dhiba.

Yaa Oromoota, namni biyyaa tokko fi hiree tokko eegatu maalif bu’aa dhunfaaf wal dhabuu akkanaa kun hin dhaabbanne kan jedhu yaaddoo hundaati. Kanaaf, haalaa arraan dura dabre keessatii waa hubachuu dandeenyee, irraahis barachuun ammaan booda irratti ummataa Oromoo akka araarfannuu fi namuu bakka jirru qabsoo araarrii keessatti bu’ee, tokkummaa fi waloon geeygessinuuf wajjiin akka hojjannu jabesysine dhaamanna.

Qaama ABO kan tahan, gartuuwwan sadan kana tokkoomsuu irratti akka tumsinu fi bifa hundaan ammoo ammuma irraa kaafne WBO ZK cinaa akka wajjiin dhaabannu waaminsa keenya ida’anna.
Kanumaaf nuti miseensotiin WBO turre kan konyaa ABO-jijjiiramaa Nairobiitti argamnu-zoonii Bahaatti ijaaramuun beekamnu, teessuma waliigala konyaa kanaa gaafa guyyaa Onkololeessa 22, 2009 godhanneen, murtii deegarsa tarkaanfi WBO ZK kana wajjiin dhabatuu dabarfanne.

Akkasuma teessumni missensota konyaa kanaa kun akka guyyuma sun irraa kaasee, hoggana KY-ABO (jijjiiramaan) hin hogganamne murteeffatu keenya kanuma wajjiin labsanna.
Hangaa akekni nagaa, araaraa fi tokkummaa ABO, jarmayoota hafan, QBO, Oromoof dhihaate kun hujitti hiikame, mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo tokkoomuutti daandiin deegarsaa keenyaa kan Waraana bilisummaa Oromoo Zooni Kibbaa tahu mirkanessina.

GADAAN GADAA TOKKUMMAA TI!
INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!
KONYAA MISEENSOTA WBO-NAIROBI KENYA , Zoonii Bahaa.
Onkololeysa 22, 2009.

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia