WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Monday, February 20, 2012

Iyyaa Iyya Dabarsaa

Duula Oromummaa fi Gaaffii Oromoo Irratti Baname of Irraa Qolachuun Dirqama Eenyummaa fi Uumamaati!


Duulli Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) irratti bifa dhokataa fi mul’ataan qindaawee gaggeeffamaa ture, ammas itti jira. Yaaliin diinaa otoo addaan hin citiin tokkoffaa karaa mootummaa Gooleesituu Wayyaanee yeroo ta’u, lammaffaan ammoo ilmaan nafxanyootaa fi namoota isaaniif ulee ta’uuf dhaaba bixxilaa oolan dha. Qaamoti kun ummata Oromoo akka uummataatti akka jabaatee mul’atu hin fedhan. Karaa isaanii danda'ame hundaan Oromoo bittaa isaanii jala akka turu tolchuuf tattaafatu.


Tarkaanfii isaanii keessaa inni duraa dhaaba ummata Oromoo dammaqsu, ijaaree qabsootti bobbaasuu dhabamsisuu irratti bobba'uu dha. Wayyaanees ta'ee dhaabota maqaa Itophiyaa of dura qabatanii ijaaraman hundi ABO irratti duula bifa tokkicha geggeessaa turan har'a illee itti jiru. Akeeki isaanii inni guddaan ABO fi hundee Oromummaa akkasumas gaaffii oromoo irratti bobahuudha. Shirri jarri Oromoo irratti bara dheeraaf xaxaa turan osoo bakka hin gahin turulle yeroo ammaa kana garuu sababa namoota tokko tokko bolola aangoo, fi fedhii matayyaan boji’aman ofitti qabatani kaayyoo Oromummaa fi ABO irratti ololli addaan hin citne banamee jira. Ololli isaanii kunis basaasota diinaaf qaawwaa banee jira.

Wayyaaneen ummata Oromoo fi ABO adda baasuuf sadarkaa duraatti dhaaba maxxannee OPDO jedhamu ijaartu illee ummata Oromoo biratti fudhatama waan dhabeef yeroo tokko ammoo ’salaamaawii Oneg’ kan jedhu ijaaruuf yaalaa akka turte beekamaa dha. ABO garuu ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa waan qabuuf, ummatni Oromoos dhaaba kana malee gara biraa kan abdutu waan hin qabneef akeeki diinaa bakka hin gahin hafee jira.


Ammas namooti qubaan lakkaawaman maqaa ABOn dubachuu heeraa fi seera itti hin qabneen of mogaasani murna G-7 jedhamu waliin dibbee reebuuf bakka bakkatti walgahii qopheessanii turjumaana nafxanyaa ta’uuf of qopheessaa jiraachuu isaani Oromoon marti hubachuu qaba. Dhaabni G-7 jedhee of waamu akeeki isaa Oromoo walitti buusuun ilmaan Oromoo meeshaa tahanii kooraa aangootti akka deebisu kaadhimmachuu ta’uun hubatamaa dha. Akeeka isaanii kana galmaan ga’uuf G-7 namoota hagoo ofitti qabuun ABO sagantaa siyaasaa isaa jijjiirsisne jedhanii bakka bakkatti walgahii waamanii sirbuu fi olola oofuuf sagantaa baafatanii qophiitti jiru.


OPDOn Wayyaanee keessa turte, har’a OPDO G-7 taatee tajaajila haarawaaf of qopheessuun, Oromoo guddoo dinqu hin qabu. Jarri kun gaaffii Oromoo kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu haaluun, dhimma Oromoo ofumaa murteessanii gaaffiin Oromoo impayera Itiyophiyaa keessatti furama jedhani garee mirga hiree murteeffannaa Oromoo dura dhaabbatan waliin shubbisuun hiikkaa ergamummaa isaani garsiisu yoo ta’e malee kan adda biraa hin qabu. Garagarummaan jaarmayoonni Oromoo adda addaa kan hanga ammaa qaban kan toftaa dha malee kan tarsiimoo hin turre. Warri ammaa kun ammoo OPDO birallee achi taranii gaaffii mirga Saba Oromoo haaluu fi sarbuun Oromoof murteessuf yaalu. Dhaabni G-7 jedhamu Oromoo akka sabaatti jiraachuu isaatu kan mormu akka tahe beekkamaa dha.


Yaa ilmaan Oromoo! Akeeki qabsoo keeti hiree kee ofiin murteeffachu fi abbaa biyyummaa kee mirkaneessu dha. Qabsoon kee ummata kami iyyuu miidhuuf kan akeekkate osoo hin taane sirna diina kan garee bicuu Impayera Itiyophiyaa, kan barabaraan itti wal jijjiiraa as gahan fi lafa kee sirratti hawwan bakkaa kaasuu dha. Kana bakkaan gahuufis saboota Impayera kana keessa jiraatan warra mirga hiree murteeffannaa sabootaa dura hin dhaabbatne wajjin wal taanee hojjechuun akeeka keenya keessa isa tokko. Ololli sobaa har’a oofamaa fi shirri xaxamaa jiru akka naannoo wal irraa adda ta'u illee akeeki isaa waan tokko duwwaa dha. Kunis, ABO dadhabsiisuuf yaaluu fi akka hin sochoone tolchuu dha.


Egaa yaa ummata Oromoo kallacha qabsoo kee kan ati ilmaan kee itti wareegdee, qabeenyaa kee itti dhangalaaftee, dafqaa, dhiigaa fi himimmaan facaasaa har'aan geesse shira namoota aangoof bololanii fi shira diinaatin sharafamaa jira. Gochaan jara kanaa dura hin dhaabbatamuu taanaan mirga oromoon dhiigaa fi lafee ilmaan isiitiin argamsiifte illeen shakkii jala gala jira. Oromoon haga amma sochii ABOtiin kabajamee jiraachuu jalqabe dhabamee Oromoon cunqursaa daran hadhaawaaf saaxilamuuf deema. Ilmaan nafxanyootaa wal ijaaraa, warri wal dhabee ture illee araara buusanii aangootti deebi'uuf wal qopheessaa jiru.

Oromoon biyya alaa kaayyoo ABO tiksuuf tokkummaan socho’uun kan ilamaan Oromoo hedduu boonse dha. Tokkummaan Oromoo har'a ala kanatti mul’atus kan abdii namaaf kennu dha. Ammas ilmaan Oromoo bakka jiranitti sochii G-7 fi ergamtooti isaanii bakka bakkatti afaanfajjii uumuuf tattaafatan waliin fashalsuuf toftaa itti baasee socho’uun yeroo isaati. Waan taheef, osoo yeroon hin dabarre ilmaan Oromoo bakka jiranitti duula, ABO fi QBO irratti baname kana gamtaan bira dhaabbachu qabna. Duula hundee dhabama Oromummaa fi gaaffii Oromoo irratti baname ta’uu hubachuun; of irraa qolachuun dirqama eenyummaa fi uumamaati!



Injifannoo Ummata Oromoof!

Map of oromia

Map of oromia