WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Saturday, June 27, 2009

Xalayaa gara Koree yeroo

Gara Koree Yeroo ABOtti
Bakka jirutti
Miseenssota ABO Buleeyyii fi Gameeyyii Irraa
Nairoobii


Dhimmi: Hanqina Sochii Qabsoo ABO Qaama koree yeroo tiin gahaa jiruuf Deebii Atattamaa Gaafachuu ilaala.


Nuti miseenssonni ABO buleeyyii fi gameeyyiin kan yeroo ammaa koree yeroo Abo jalatti gaafatamummaa sadarkaa Birkkii irraa jalqabee hanga dirqama dame adda addaa keessatti bahaa jiru maqaan keenya armaan gadiitti tareeffame rakkoo yeroo ammaa qabatamaan qaama ol’aanaa koree yeroo ABO tiin geggeeffamaa jiru keessaa kan raga gahaa irratti qabnu ;


1.Nuti jijjiirama mooraa qabsoo bilisummaa oromoo kessati dhufe adda durummaan qooda yeroo keessaa fudhanne rakkoo kalessa bu’uureffama dhaaba kanaa irraa jalqabee jiru kan qabsoon kun umurii lakkoofsisuu malee bilisummaa sabni keenya hawwu fiduu dadhabe jenne maqisinee qabsoo kana fuula duratti tarkkaanfachiifna amantaa jedhu qabanee lafaa kaane.haata’uutii nuti har’a fedhii qabsoo saba keenyaa guutuu dhiifnaan rakkoo kaleessa qabsoo kana takaalee qabe furmaata gochuun osoo nurraa eegamuu waadaa saba keenyaa gale dagannee gochaa qaamni shanee ittiin abaaramaa ture koreen yeroo ABO haaromsuu hojii guyya guyyaa godhachuu isaa ragaan argaa waan jiruuf qabsoon bilisummaa oromoo koree yeroo kanaan geggeeffamaa jiru gara kamitti adeemaa jira isa jedhu irraa sodaan waan nutti buleef;

2.Hogganni ola’aanaan koree yeroo ABO umurii waggaa tokkoo keessatti gochaa kaleessa miseenssota dhaaba kana irraa achi qabamaa (dhiibamaa) ture fooyyeessee mooraa qabsoo bilisummaa oromooti ilmaan oromoo deebisee qabsoo kana waalttessee adeemuun hafnaan miseenssota dhaaba kanaa buleeyyii fi gameeyyii kaleessa jiruuf jireenya isaanii bosona godhachuun beelaa fi dheebuun, roobaa fi aduun itti wal jijjiiraa hadhaa qabsoo saba isaaniif jecha dhugan koreen yeroo ABO dafqaa fi dhiiga isaaniitti qoosuun mooraa qabsoo saba isaanii keessaa moggeessuuf yaalii inni gochaa jiru ragaa gahaa itti qabaachuu keenya;


3.Koreen yeroo ABO caasaa sirnaa kana Itti Aanaan Dura Deemaa irraa jalqabee hanga gaafatamtoota Birkiilee osoo fuula Nairoobii kana jiranuu kan koreen as jiru kun quba hin qabne caasaa hojii dhaabaa hojjetu osoo hin taane kan dhuunffaa isaa diriirffachuun qabeenya ummani oromoo sabata isaa irraa hiikee qoonqqoo ijoollee isaa keessaa fuudhee Qabsoo isaa finiinsuuf deeggarssa diinagdee inni taasisaa jiru namoota caasaa dhuunffaa diriirffataniif $2500/kuma lamaaf dhibba shan/sh/ 195,000/kuma dhibba tokkoof sagaltamii shan/saanduqa dhaaba kanaa keessa baasii ta’ee nama amanamaa dura deemaatiin akka nyaatamu taasifame gabaasa sobaa hojii maallaqi kun itti bahe jedhamee dura deemaaf ergame ragaaf harka keenya kan jiru ta’uu isaa;


4.Koreen yeroo ABO nama kanaan dura mormmii dhaaba kanaatiif dhaabota adda addaa jijjiirataa kallattiin mootummaa Itoophiyaatti dhaqee dirqama oromoota afaan faajjessuu fudhatee paas poortii Impaaheratiitiin somaaliyaaf keenyaa gidduu adeemee diigama oromoo tiif gahee guddaa bahaa jirutti dura deemaan koree yeroo qabeenya ummatichaa doolaara 1000/kuma tokko/ji’aan maqaa nama kanaatiin somaaliyaati ergaa jiraachuu isaa raga waan itti qabnuuf;


5.Koreen yeroo ABO xalayaa miseensota dhaaba kanaa muraasaa fi namoota dhaaba kana keessatti ijaarssa maadheetiin quba hin qabaataminiin kan ji’a afur dura kallatiin maqaa Dura Deemaa tiif GDJU tiin barreeffame sirnaan deebii itti kennuun osoo irra jiruu maal na dhibdiin off biratti qabatee isaa jiru xalayaan sun karaa hin beekamneen marsaa intarneetota adda ddaa irratti faca’uun madda ololaa taasifamuun isaa akka jirutti ta’ee namoota xalayaa kana barreessan jedhame 14 keessaa irratti tarkaanfii fudhachuuf, nama waggoota torbaaf (7) kallattiin Embaasii Itoophiyaa wajjin ta’uun ummata keenya baqattummaan keeniyaa keessa jiraatu irratti hojjechaa jiru ragaan beeknu har’a maqaa jijjiramaatiin amanamaa nama dhaaba kanaaf quuqame fakkaatee adeemaa jiru koreen yeroo kun qabatee ittiin adeemaa jiraachuu isaa waan hubatneef;


6.Wal dhabbii hogganoota gidduu jiru nuti miseenssoni dhaaba kanaa osoo hin beekin akka ummata keessatti faca’u karaa dura deemaa koree yeroo ABO tiin taasifamuu isaa seera dhaabichaa kan cabse ta’uu isaa waan hubatneef;


7.Koreen yeroo kun yeroo mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti jijjiirama labse kan inni ummataaf waadaa seene umurii ji’a sadii(3) keessatti ummaticha gara qabsoo dhugaati deebisuuf fala bu’a qabeesa ni finna kan jedhu ture. haata’u malee bu’aan yaadame sun dhufuun hafnaan yeroo ammaatti bifa caaseffama isaa irraa maquudhaan hogganii fi hogganni wal hubannoo dhabuu, gaafiiwwan ka’aniif deebiin jiru kan nama ittiin moggeessan jecha ilaalcha booddesitootaa fi shanee qabdan jedhuun amantaan akka wal irraa dhabamu taa’ee mul’achaa dhufuun isaa hamilee qabsaahota kaleessa xiiqeffatanii jijjiirama kana jijjirama dhugaa taasisuuf hojjechaa jiranuu kan tuqaa jiru ta’ee argamaa jira.


Kanaafuu koreen yeroo ABO qabxiiwwan mata duree kana irratti tuqamanii raga guutuu wajjin harka keenyatti argamu kana maal irraa ka’ee akka raawwataa jiru deebii dhugaa irratti hundaahe guyyaa torba (7)keessatti nuu kennuu dhabaanaan nuti dhaaba keenya kaleessa itti beelofnnee itti dheebonnee tokkumma qabsaahotaa fi saba keenyaa tiksuuf qabsaahaafii jiru dhabamiisa irraa oolchuuf jecha tarkaanfii koree yeroo kan irratti fudhanuuf itti gaafatami isaa kan koree kanaa ta’uu isaa akeekkachiisaati.


Gadaan Gadaa Jijjiiramaati!
Injifannoon ummata oromoof!


1.Edin Waaqoo
2.Dheeressaa Roobaa
3.Geetaachoo Guutamaa
4.Dabbasoo Quxuu
5Guyyoo Biiqaa
6.Lammii Hamdee
7.Yusuuf Huqqaa
8.Ibraahim Juwaaroo
9.Areeroo Meeggaa
10.Ibraahim Dambii
11.Diimaa Qurii
12.Bukkee Cooloo
13.Huseen Abdurroo
14.Alamaayyoo Garramuu
15.Maaruf Abdallaa
16.Halakee Koonsoo
17.Magarssaa Waaqoo
18.Dullacha Jaarsoo

Sunday, June 21, 2009

A NEW FORM OF GENOCIDE: The TPLF regime blocks food supply as millions go hungry.


Wednesday 17 June 2009

WFP concerned about the move.The government of Ethiopia has put a restriction on trucks with food supplies and prioritized trucks of fertilizers into the country as nine million Ethiopians face hunger and three months of starvation.

The Ethiopian authorities claim to be ensuring better harvest by September, but the United Nations has warned that by the end of June, it would have run out of food supply for the dependent millions in Ethiopian.

There will be no further deliveries until September or October, claims the UN World Food Program (WFP). Children, refugees and breast-feeding mothers will be among those worst hit during the hunger season in Ethiopia.

The hunger season is expected to last until September when harvest begins.
The Ethiopian government has prioritized the delivery of fertilizer, to try to increase the next harvest rather than allow more trucks of food and grains to the country.

According to WFP, there is an acute shortage of trucks, yet the Ethiopian authorities have prevented them (the agency) from bringing in its own fleet from Sudan. UN World Food Program says it has no option but to cut back on the food they provide, which has already been cut by a third since July 2008.

Currently there is little prospect of food supplies arriving at the port of Djibouti for the next five months. "We have a small refugee population here and their ration is being cut by half beginning this month. We run out of food and people will be very hungry," claims Barry Came of the World
The UN can only supply food through the port of Djibouti because Eritrea denied land-locked Ethiopia access to its ports, following a border war.
Source: Afrik.com

Map of oromia

Map of oromia