WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Friday, October 16, 2009

Itti Annaan Dura Deemaa Koree Yeroo angoo irraa of kaase

Subject: Hoggansa KY ABO keessaa of baasuu fi tarkaanfi WBO ZK deegaru ibsatu taha.
Gara: KHR-KY ABO
Dhimma: Hoggansa KY-ABO keessaa of kaasuu fi deegarsa tarkaanfi WBO ZK beeksisu ta’a.

Nagaan haa dusruu!

Dhihoo tana humni waraanaa WBO-ZK hiriiraa, ajajaa fi hoggansa KY-ABO jalaa of baasuu isaa barruuleen gaafa 13/10/2009 facaate beeksise jira.
Sababaan murtii fi tarkaanfiin hedduu keenna rifachiise kun, haalotaa fi rakkoolee ulfaatoo yeroo waggaa tokkoo oliif gara hujiilee qabsootti cehu hanqisan, akkaataa deemsarraatti hogganaa hedduu keennaaf fudhatamu hanqatee fi hir’ina hoggansaa fali isaa falamsiisaa tahuufaa walumaan beenna. Itti-bahan haalota akka rakkinaatti galmaa’ani hedduun dabre ammoo galii fi akeekni tarkaanfi jijjiiramaa dhaaba ABO keessatti KY-ABO eegalumarraa fudhate ka’een dhugomuun ijibaatamu tahe argame.

Rakkinoota yeroo tana hundaaf furmaata dhaban, kan deemee amma murtii WBO zoonichaa kana dirqisiise kanneen, osoo sadarkaaa akkanaa hin gahin akka falamuuuf yaaliin sirnaa fi seeraa gariin keenna akka qaama/qaamota sadarkaa turre, hoggana waliigalaa, koree fuula turreetti fi akka nama tokkootti illee hin carraaqin hin hafe akka hin jirre miseensotni, hogganoota fi ummatni asiitti ragaa dha.
Jajjabeessa, wal abdachiisu fi dambooba dhaabbataatti ittiin hunda obsisiifne keessatti qooda laanneef malee, fuula kanaatti silaa kanaan duraatti kan addaan deemuun akkanaa kun fagoo iyyuu dhalate jaallewwan jiran kamuu ni beekan jechuu ni danda’a.
Sadarkaa nama tokkeetti miseensotni hooggana kanaa kanumarraa yeroo hin guunne keessatti kanumarraa deemu filatanis hagami fi eennufaa akka tahan walumaanu beekna.

Waadaan waraana, miseensotaa fi ummataaf seenne turre hanqatu mudate akkana kanaan of/hoggana/jaarmayaa dhaarreffate yeroo humni qabnu kan akkanaa, guyyaa adiin nu- hooggana KY-ABO biraa yaa’aaniitti, nuti kanneen akka qaamota hoggana fi dabre ammoo namaatti illee durii isaan kana as naannessuutti gaafatamaa fi itti-gaafatma qabaatuutti laalamnu akkamiitti akka gad hafne ofi/wali akkasumas jaarmayaas gaaffii jala galche jira.

Rakkinoota furmaata dhabuun WBO zoonichaa murtii fi tarkaanfi akkanaatti cehu dirqisiise kannneen akka qaama hogganaa fi matayyatti akkuma taheettu, obsaan osoo jiru, danqaa tarkaanfiin waraanaa kun jaarmayicha keessatti dhalchu malu garii hanqisuuf fuula jirruutti kanneen maqaa ‘hoggana’ jedhamu waliin qabnu gamanaatti argamnu haga guyyaa kaleessaatti yaada waliin maddisiisuun, yaada falaa akeekurratti argamna turre.

Haa tahu malee, yeruma tana hogganni qabnu kan gama bakka waltajjii walii galaa jennuun jiran irraa kan dhaamamuun bira gahamee fi qajeelchaa jiraatuun hafarfamaa jiru hedduu qaanfachiisaa namaatti tahu mudata jira.
Kunis murtii fi tarkaanfi waraanni haala keessa-keessaan jaarmaya waliigalaa naafisu hundi beeku irraa abdii kutatuun fudhate kana danda’mu bifa wal marii fi sirnaan akkuma nu warri gamanaatti carraaqaa jirruutti hikkaa soquun irraa eegamu osoo hin taane haala biraa dhidhiibaa jiraatun natti hin tolle.
Karaa qunnamti dhunfaa (ta duraattu dadhabiinsa hogganaa fi diigamu jaarmayichaa gumaachuun deddeebi’e himatamaa as gahe), gamanaan bakka bakkaatti diriirsuun bifa dhaamsotaa fi qajeelfamaan namoota maqaa waliin qaama hoggana KY-ABO taane gariirraan balaa geessisuu akeekatuun, dabre egeree hogganaa fi jaarmaya KY irraa abdii na kutachiise jira.

Amalaa fi sochiin akka akka malee ta namootuma hoggana tahan, kan ilma namaa haga yoonaatti obsisiisuu fi waliitti qabuu irratti dadhabaa as gahan, kanneenuma guyyaa jabaa dadabre illee waan gaafas dhugaa jedhamerratis waliin dhaabatuun beekkaman kanneen irratti akka aggaammataman taasisuun guddoo na dhibe.
Dadhabbiilee, hanqinoota jaarmayaa hoggana laalufaa of bira dabarsuu aada tute itti fufisiisuun tarkaanfii waraanni of jibaata irra fudhatuu waakkatuun hin danda’mne tana namootuma miseensota hogganaa tahan kan haga yoonaa deemsa hujiilee laalan irratti gara garumama waliin qabaniitti fe’uu yaaluu naaf hin fudhatamu dide jira.

Akkasuma dhugaa hundi argu/beeku tokko fudhatani ofi/haalas sirreessu aadaa tolfachu mannaa, amanu diduun aadaa of waakkatuu itti fufuu qofaaf jecha-fafaa, tan haala tahe/jiru dhossani, bifaa biraatiin maqaa dhibii namaatti moggasuun, ilma namaa wal nyaachifamuu-aadalee hin malle akka jijjiiramuuf waliin dhaabbanne garuma fedhiitti fayidamu akkanaa kana addeessee morma.
Tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa waraanni labsate dhaaressuuf, fashalsuu yaaluuf qofaaf gochaalee tokkummaa miseensotaa fi ummataa booressu dhidhiibuun dhagahaa jiru guddaa na gaddisiise. Kun itti-fufa amaloota dhunfaa kan madda rakkina KY-ABO socho’u nu hanqise ture keessaa isa bu’uraati.

Haalota akka malee kanneen hin hawane kana caalaa obsuu fi ni furra jedhani waliin taa’uun ofii fi kanneen of duraatti nama laalani illee sobuu tahe argama. Akka qaama hoogganaa fi akka nama tokkoottis amalootni addaa kukun obsa na dhowwe jira. Haalota akkanaa keessatti hujiilee jaarmayaa waliin hojjachuu ykn waa jijjiirra jechuun na quubsuu diduutti dabalee-gaafatama bifaa fi sadarkaa kamiitu baadhatuu itti fufuu ijibaatarraan na gahe jira.

Kanumaaf, gaafatamaa fi hiriira qaama, jarmayaa akkasuma hoggana KY-ABO keessatti yaamamaani ture amma irraa kaasee ofirraa fuudhuun, keessaa of-baasuu kiyyaa hunda beeksisa.
Kanuma waliin ergaa haalota keessa dabarree fi jirru roga hundarraa gamaggameen duubaatti, falli QBOf-kanaan achiitti hafe takkichi yo jiraate tarkaanfi nagaa, araara fi tokkummaa WBOn ZK ABO 13.10.2009 dhiheesse fudhatu, tumsuu fi milkeessuuf hojjatu tahu murteeffadhe jirra.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Lichoo Bukhuraa
17/10/2009.

Tuesday, October 13, 2009

Ibsa

.Deegarsa Nagaa fi Araara Moonaa ABO, Qabsaawotaa fi Oromoo Jidduutti Bu’uu Dhugoomsuuf,
Tarkaanfi WBO Zooni-Kibbaa..
wbo_zk_abo2010@yahoo.com

Seenaa, Qoodaa fi bakka dhaabni ABO, qabsoo Oromoo keessatti qaburra kan ka’e, jabaachuun dhaaba ABO, gulantaa guddina QBO fi dhugoomuu gaaffii bilisummaa Sabichaaf bu’ura.
Akkuma suniitti, dadhabuu, diigamuu ykn baduun dhaaba ABO kan afeeru malu hubachuu feesisa jenna. Kunis, laaffachu irraa haga gufatu qabsoo ummata Oromoo dhalchaa jira. Haali akkasi ammoo bilisummaa Saba Oromoo barfatuu irra dabre haga maseensuutiin gahe. Kufaatiin sadarkaa akkasii sun ammoo Seenaa fi seeraan illeen, Oromoof maal jechuu akka tahe namu hubachuu danda’u qaba.

Haaloti wal diddaa dhuma hin qabnee, bolola ‘angoo baanani’, qoxxee wal jidduu, amaloota morkaa, matooma namoota jidduu fi kkf hoggana ABO jidduutti barootaaf itti-fufaa dhufe kun, bifa kamiinuu yaa furmaata argachuu dadhabe.
Rakkinooti furmaata bifa kamiitu argachuu dhabu irraa addaan bahuun, wal diiguu fi dhaabni ABO tokko ture, amma gara “gartuulee/murnoota ABO” jedhamuutti cacaphe.
Waggootuma kurna-as-aanu kana qofa keessatti, yoo diqqaatte dhaabni teenna marroo lama fincilaa fi fottoqa hin tuffatamneen naafate. Innii irra as aanu faca’iinsa Adoolessa/Hagayya bara 2008 ti.

Kana cufaan duuba, kan amma mirkanaan dubbachuu danda’amu, yeruma cufa iyyuu falammiin dhaaba keessatti taatu, kan Heeraa fi Seerraan dhaabaan murtii ykn hiika kam iyyuu argachuu hin dandeenne ta’e, adda yaa’uun ammoo akka furmaataa eebbifamaatti tokkootti fudhatamaa dhufuun aadaa tahe argama.

Akka jaarmayaatti seeraan dubbii fixachuun hafuun kun, qaama dhala Oromoo taane, aadaa Sabni kun qabaachuun beekkamuun, furmaata fedhachuu wallaaluunis kanuma hubachiisa. Kunis Oromoonuu, aaduma qabaachuu dhaadachuu tana, sun iyyuu wal fakkeennaan quba qabaachuu dhabuu alaatti, hali akkanaa waan addeessu dhibii kan qabu hin fakkaatu. Fali seeraa fi aadaa illeen dhiburraa kanaafu, dubbiin dhaabaa fi qabsoo keessatti galtu tamuu, wal moohuu jedhamu qofaaf jecha, wa-ballessuu bira dabre, amma gara wal-balleessuutti, fincilaa fi faca’u akkasuma cacaphu dhaabichaa dhalchuun kun hubannootaa fi yaadannoo hundumaa ta’u feesisa jenna.

Akka kanaan kanneen dhaaba ABO irra bahani maqaa adda addaa moggaafatan yoo dhiifnee iyyuu, kanneenumti ABO himannu iyyuu yo diqqaanne ar’a gartuu sadii taana. Kunis (akkuma tartiiba addaan bahinsaatiin);
Qaama Cehumsaa (QC-ABO)
Koree Yeroo (KY-ABO) fi
Shanee Gumii (Shg-ABO) taana.

Akkuma waliin beennu, gartuun jirru kamuu ABO ‘innii dhugaa’, ‘innii jalqabaa sun’, ABOn ‘deegarsa ummataa caalmaatti qabu’, ABOn ‘seeraawaan’, ABO ‘humnaawaan…..’ kkf ana jechuun, gama-gamanaatti uf-amansuu irratti qofa argamna.

Kanuma waliin heeraa-seera dhaabdi irratti diigamteen dhaadachuun, ‘ABO-mmaa’ mirkaneeffachuuf uf-ibsuun, namuu akka ofumatti dhaaba ta’eetti of-dhiheessuu fi kakhachuun gaafa adda deemame irraa kaasee, takkumaa iyyuu hin dhaabane. Ololootni, malli, tooftaa fi gochaaleen uf-qulqulleesuu, gama kaan dhibii waakkatuu, jabina himatuu, gama biraa dadhabsuu/dadhabaa fakkeessuu ykn balleessuuf hojjatuu, wal dhaaressuu, ufumaan dhugaa muratuu... fi wkf hin yaalamin hafe tokko illeen hin jiru.
Akkuma himatamuu iyyuu tahe garuuttu waggoota haga yoonaan duubaatti illee qabsoo, qabsaawota, Oromoo fi dabre ammoo WBOf bu’aan gartummaa fi murnaa’uu ABO kanaan dhufe tokkoo illeen akka hin jire ar’a mirkaniin dubbatu dandeenna.

Gama kaaniin, balaan diigomnsi, faca’uu fi cacaphuun ABO dhuma hin qabne kun ummata Oromoo, QBO, qabsaawota Oromoo, miseensota ABO, deegartoota, sabboontota, mararfattoota qabsichaa, firootaatti.. kkf fide kan seenaa keessatti hariya hin qabne ta’e galmaa’e jira.
Sadarkaa duraatti, haa seedannu malee, ar’a dhaabni teenna ABO gara dhabamuu dhaqqabe jira. Sunuma waliin tokkummaan Saba Oromoo sadarkaa deebinee suphatuun hin laafannetti diigamuurra jira. Qabsaawoti akka dabaatti harca’u fi miseensoti dhaabicha gargari galuun safuu tahu dhiisuufaa dhaqqabne jirra.

Kana cufa keessatti hawwiin Oromoo hiree balcummaaf eegattu guyya-guyyaan fagaachaa deemu qofa adoo hin taane, dukkana barii hin qabne seenuun mirkana. Haga ABO tokko tahee hin argaminiitti ‘gartulee/murnootni ABO’ irraa balchooma eegachuun uf-sobuun alaatti, hiika fi fayida tokko illee Oromoof hin qabu. Balaan uulfaattuun QBO fi dhaaba ABO akkasuma Oromoo mudate tun, Oromtichaa fi Oromtittii cufaa kan dhukkuba tahu qaba jenna.

Duuba, hagii kana caalaa ufumaan uf-balleessuu qabsoo ummata tokkoo qunnamu womaa alaatti hin hafne. Akkasuma uf-galaafachuun jaarmayaa/dhaaba tokkoo kana caalu hin jiru. Hagi Sabi tokko badiif dibinbiru kanaa olii waan hafe hin fakkaatu. Kufaatiin seenaa keessatti hogganni jaarmayaa, ummata tokko, qabsoo fi dhaaba takka mudatu kan kanaa olii waan hafe hin seenu. Akkasuma hagi beektotni, hayyooti, qaamoti-aadaa fi maltuu biyya takkaa irratti aada-maleen ummata/jaarmota/dhaabota lummee mirkuun badiif luuccesu olii-gadiitti hin hafne.

Yo ilaallu, gartummaa jabeeffachuutti cichuu malee, murnootni ABO kamuu, miseensotaa, garin qaama hawaasa Oromoo fi hogganaa, gara tokkoomuu, furmaata sabichaaf soquu, ABO takkicha deebisani itichuu fi WBO tokko ta’e mirkaneessuu kan yaadaa jiran ar’aa illee hin mul’atan.
Amalooti dallansuu, morkaa, matoomaa fi walumaa galatti murnummaa ABO raggaasifatuun, akka jabinaatti ilaaluun kun ammoo durse asumaatti dhaabbachuu akka qabu nu WBO Zoonii Kibbaa murteeffanne.

Haali diigamsa moonaa Oromoo (akka ummata tokkootti), moonaa ABO (akka dhaaba tokkootti) akkasuma qabsoo bilisummaa Oromoo (akka warraaqsaa ummataa takkaatti), keessatti kufe argamu kun, gabaabumaatti egeree afaan-boollaa (qilee) dhaqqabde, akkasuma isa dhumaa tahu hiree tanaan namuu akka mamaa baafatu yaadachiifna.

Kanumaaf, tokkummaa moonaa ABO (gartuulee ABO) fi QBO, dabre ammoo tokkummaa Saba Oromoo ittisuuf, yaamicha araara maanguddootni bu’uressitootaa fi buuleyyiin-ABO gaafa Muddee (December) 13-14, 2008, Washington, DC-USA-tti, rakkina ulfaataa Oromoo mudate kana firuuf dhiheessani turan milkessuuf qooda laatuu murteeffannee, WBO Zoonii Kibbaa tarkaanfii deegarsa araaraa kanaa fudhachuuf dirqamu keenna labsina.

Kana keessatti duubaa, hubannoota ammumaan dabarfachuu barbaannuutti jira. Kunis, hundeen nagaa, araaraa fi furmaata akeeknu kuni kan tartiiba araaraa Oromoon aadaan qabu irraa maddu tahu yaadachiifna.
Akkanaan, araara moonaa ABO keessatti buusuuf, dura nagaaf owwaachuutti as-aana. Kanneen nagaaf owwaatan ammoo, gaaddisa waliin qabaatu. Artiin achiitti akkaataa deemsa dhimma araaraa waliin lafa keeyyatu danda’aniin karaa takkaan Heeraa jaarmayaa, seera dhaabdichaa durii waliitti qabaatan…..ykn aadaa fi kkf-tuun gara garummaa qaban gaadi’u danda’u.

Araaraa jechuun kanaafu akka badii fudhachuu, waliif dhiisuufaa qofaatti ykn moo’amuutti ilaalamuu hin qabuu.
Yoo Oromoon tokkumaan jiraate QBO akkasuma dhaabni ABO jiraata jenna.. Kunis, Tokkummaa Ummata Oromoo dandamachiisuu, QBO itti-fufsiisuu fi kallacha qabsoo Oromoo kan tahe dhaaba ABO baduurraa oolchuu qofaan bilisummaan saba Oromoo dhugoomu danda’a jenna.
Dhugaa fi jabini waltajjii kopha-kophaatti dhiheffatamu fudhatamaa fi dhugummaas waan hin arganneef,
ABO, QBO fi Tokkummaa Sabichaa dandamachiisuuf murnootni ABO, hoggani, miseensotaa fi ummatni Oromoo akeeka araaraa kanaan alaatti fali dhibiin akka hin jirre maanguddooti bu’uressitootaa fi buuleyyiin dhaabaa ABO dhiheessan turan akka deegaramu, fudhatamu lallabna.
Kanneen yaada, tarkaanfi deegarsa nagaa fi araara WBO ZK akkasuma dandamachiifamuu tokkummaa saba Oromoo, QBO fi dhaaba ABO dhugaan seetan kamuu, qaamaa fi qalbiin akkasuma qabeennaan akka WBO ZKf waa’elchitan jabeessine dhaamanna.
Yoo fagaatte gaafa ayyaana WBO, Ammaji 1, 2010tti ABO fi WBO akkasuma ummatni Oromoo tokkummaa seenaa qabeessa taheen bakkaa iyyuutti akka waliin kabajnu jabisine beellamna.
WBOn ZK gaafa ayyaana Ammajii itti aanu kanaatti yaamicha tokkummaa, nagaa fi araaraa dhihaate kana irratti ejennoo gartuulee ABO kanneeni maal akka ta’e ifaan-ifaatti ibsa karuma kana dhihessinuu hundaaf ni gabaafna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
WBO ZK ABO

Yaamicha Walii galaa

(Deegarsa Nagaa fi Araara Moona ABO, Qabsaawotaa fi Ummata Oromoof)
Tarkaanfi WBO Zooni Kibbaa.
1. WBOf
Zoonileen WBO haftan akkasuma jaallan miseensota WBO bakkaa iyyuutti argamtan, nuti qaamni keessan, nagaa fi araari ABO fi Oromoo keessatti bu’uun alaatti, armaan achi falli takkichi ABOf, QBOf fi Oromoof jiruu fi hafe tokkoo illeen hin jiru jenna.

Diigamsi dhaaba ABO, qabsoo Oromoo fi gurmuu Sabichaa haga yoonaa mudataa jiru rakkina hoggana ABO jidduutti deddeebi’e dhoo’urraa nutti dhufe. Hogganni keenna yeruma cufaa iyyuu ufiif wal qoqqoodee, WBO, miseensota, deegartootaa fi ummataa bal’aa Oromoo akka mihaatti uf-jalaatti akka qoodaman taasisuun falamsiisaa niti.
Haali qoqqoodamu hoogganaa, qabsaawotaa, gurmuu tokkummaa sabicha akkasuma dhaaba ABO dhuma hin qabne kun dhalche keessatti, zoonileen WBO, WBOn, qabeenni lolaa dhaabichaa akkasuma nagayummaan ummata Oromoo balaa hariyaa hin qabne kan tarrifame hin dhumne geessisee jira.

Deemsi dadhabaan akkanaa Saba gudiicha akka Oromoof fi dhaaba ABO kabajamaa kanaaf hin malle jenna! Wal diddaa dhumaa fi furmaata hin arganne akkanaa keessatti itti fufani jiraatuun nu gahe jenna. Akkanaan WBOn loltoota dhaaba qabsoo bilisummaa osoo hin taane, loltoota gartuu/murnaa qofa akka taane hubatu hunda keenna feesisa jenna. Kun ammoo yakka olaanaa dhaabicha, qabsichaa fi Saba Oromoo balleessuu itti fufsiisuu keessatti hirmaatuun alaa maqaa biraa yaamamuun tokkoo illee hin qabu.

Gurmuu WBO, miseensota dhaabichaa, hooggana, qabsaawotaa fi sabichaa kanaa caalaa bittineessuu fi dadhabsiifamuu hayyamuu kana keessaa banee, gara tarkaanfii balaa kana dhaabsisuu waliin fudhatuutti isin afeeruu keenna kana waadaa fi kakuu kaleessa sanaatti nu dirqe.
Kanaaf, tokkummaa WBO, kan Zoonilee WBO, qabsaawotaa, dhaaba ABO fi ummata Oromoo mirkaneessuuf ejjennaa deegarsa nagaa fi araaraa qaamni keessan WBO-ZK fudhate kana waliin akka dhaabbatan yaamicha jaallummaa fi Oromummaa isiniif dabarsina.
2. Hoggana ABO, Miseensotaa fi Qabsaawota Oromoo Waliigalaaf
Wal injifatuuf dhiibatu gartuulee ABO jidduutti itti-fufeen, ABO fi QBO injifatamaa jiraachu hunda yaadachiifna. Walirra aanuu fi wal balleessuuf karoorri hangaa yoonaa walirrattiin bobba’ame, gara dhaabni ABO ofuma isaati of-balleessuu dhaqqabaa jira. Ta’seenuun, wal diddaan dhaaba keessatti barootaaf wal duraa duubaan dhadhalataa dhufan kan “koottaa ABO balleessinaa” jedhame kan ka’ame hin seenu.
Akkasuma yoo diqqaatte gami kamuu “ABO baduu dhowwuu fi laaffina irraa gara jabeessuuttii ceesisuuf” kan dhihaannee tahu himanna.

Haa tahu malee gamiittuu gaffiin uf-gaafatu qabnu, ergasiree hagam jabaanne? Kan jedhu dha. Deebisaa fi dhugaan handhooftuun namuu liqumsuu qabu jennu garuu, ABO jabeessuun hafee-QBO, ABO, tokkummaan Sabaa akkasuma egereen Oromoo/Oromiyaa yoomi illee caalaatti gara dukkanaatti ariifate jira. Tun ta’seenuun hawwii garuulee/murnootaa, hoggana, miseensaa, qabsaawotaa fi Saba tanaati miti.

Duuba, ‘waan lafaa fuuneetti wanti ukhaa buutee jirti’! Mormii, morka, dorgommii fi wal-hadhicha kana cufa keessatti ABO gara dhabamaatti geeffame jira. Kun akka hin baafnee fi armumaatti dhaabbatu qabu, yeroon waliin murteeffannu amma jenna!
Gara-garaatti “ABO fi Oromoon anuma/nuuma” jechu irraa ar’uma haa dhabbannu! “Nuti waliin ABO dha, walumaanis Oromoo dha” gara jechuutti akka jijjiirannu isin yaamna.
Oromoo, akkanaan wal moo’uun waan hin danda’amu. Inumaa iyyuu kan moo’amaa jiru QBO, ABO fi Oromoo ta’uu walumaanu arguu qabna jenna. Wal/uf-balleessuu irraa dhaabbatame, QBO, ABO fi Oromoo badiirraa akka walumaan hambisnuuf guyyaa ar’aa isin yaamna.
Wal dura dhabbachuutti umrii fixuu irra ABO, wal/uf balleessuuf walirratti duuluurra, qabsoo fi Saba Oromoo milkeessuuf akka waliin kaanuufkunoo yaamichi siif goonee. Ar’a irraa kaanee nagaa fi araaraaf waliin haa duuluu jenna.

Kana dhugoomsuuf, ejjennaa gartummaa/murnaatti cichuu kana ar’uma-ammuma-armumarratti dhaabuun, akeeka deegarsa nagaa fi araaraa qaamni keessan WBO-ZK dhiheesse kanaan alaatti falii biraa jiraachuu dhabuu amantani, tokkummaaf waliin akka bobbaanuuf si yaamne. Kunis dirqama seenaa, jaallummaa, Oromummaa fi Kaayyoon ABO akkasuma Oromoo hunda keenna ajajju tahu yaadachiifna.

3. Kabajamaa Ummata Oromoof
Waggoota amma afurtamaatti deemuuf bifa qindaawaa, jaarmayaa taheen osoo walirraa hin kutin bilisummaa, abbaa-biyyummaa, mirgoota namummaa fi egeree iggitaawaaf falmatuun firri, alagaa fi diinnii akkasuma aduunyaanu si beeka.

Kana keessatti wareegama bifoota cufaa warraatti, qa’ee fi bosonaattis baafte diqqaattu sadarkaa Afrikaatti tarreelee duraa jira jechuun ni danda’ama. Kana keessatti mirgootni qabsoo keetiin, keessattu karaa jaarmayoota kee walaba tahani, addaatti ammoo hoggansa dhaaba akka ilma takkichaatti ilaaltu-ABO jalaatti gonfattee hedduma. Sana hunda keessaa garuu, tokkummaan kee-akka Sabaatti, jaarmayaa kee-akka dhaabotaatti fi ilmaan kee-akka qabsaawotaatti waa hunda caalaatti tikfachuu qabda jenna.

Baroota qabsoo diddaa gabrummaa hedduu sanaan duraa iyyuu yoo dhiifne, waggooti kurna-afran-as-aanan kan hogganummaa kallacha dhaaba ABO jalaatti falmatte qofa iyyuu yoo fudhanne, qodni gama keetiin gumaachite jirtu silaa miyaa bilisummaa dhandhamtee jirta.
Rakkoon qabsoo fi qabsaawota akkasuma hogganoota qabsoo keeti mudate garuu, hanqina tokkummaa, dorgommii matayyaa/gartuu, bolola angoo (angoo harka nama hin jirre!), morkaa fi matooma akka malee tahufaatti galmaa’e jira.

Kunoo amma, akkuma agartu sadarkaa walumaa galaatti egereen Sabaa kabajamaa kanaa dukkana golgoleessituuf nu saaxilee jira. Oromoo fi Oromiyaan adduunyaatti bor mul’ifnu tan akka Somaliyaa sanafaa tahu akka hin qabne itti amanamu qabna jenna.

Yaa ummata Keenna, uf-balleessuu keessatti baduu mannaa, badii irraa ufii/wal/Sabicha dandamu wayya jenna!
Kanaafu, dhaaba kee ABO, qabsoo teetii fi tokkummaa kee (akka ummataatti) dandamachiisuuf, tarkaanfi nagaa fi araaraa WBO ZK fudhate kana akka fala irraa maayyi taheetti amanuun waan barbaachisu hundaan, bakkaattu akka deegartu, milkeessituuf si yaamna!

4. Manguddota Bu’uressitootaa fi Buuleyyii ABOf
Akeekaa fi yaalii araara moona ABO fi qabsaawota Oromoo qabattani kaataniin, WBO ZK hedduu dinqisiifann. Hujiin eegaltan kanumaattis yoo dhabbate iyyuu, seenaa keessatti (mataa-mataatti fi waloonis) maqaa/gurra dabarfttani jirtan jenna. Falli biraa karaa gartuulee ABO rakkina mudatee furuuf yaalamaa jiru mul’atu dhabuu fi yaaluma araaraa gama keessaniin eegaltan tanaa iyyuu maqumaaf malee garuuttu fardeeffamu dhaburraa, WBO tarkaanfi deegarsa araaraa eegaltan fudhate dhiibbaa barbaachisu godhu muranne jirra.

Daandiin eegaltan tun seeraan, seenaa fi aadaanis eebbifamaa tahu gad jabeesaa, WBO ZK waa’ela akeeka nagaa fi araara isin (Manguddota Bu’uressitootaa fi Buuleyyii ABO ) dhaaba ABOf fi ummata Oromoof dhiheessitan tahuu isin abdachiifna. Ammas haga danda’amuutti dhugoomsuuf hundi keenna walumaanuu akka hojjatan dhaamanna.
Araaraa fi Nagaan moonaa ABO/Oromoo eebbifamaa kana mirkaneessuuf nuti humni WBO ZK yaada fardii isin waliin dabarfatuu feenu waan qabnuuf jilli keessan tokko akka qaamaan WBO ZK ykn bakka bu’oota humnicha ariitiin qunnamtan isin afeerra.

5. Waa’ellani fi mararfattoota QBO/Oromoof
Waa’ellan/mararfattootni keenna kanneen haalota hundumaa keessatti QBOf goli dhugaa taatan, akkuma kaleessatti, ar’aa fi borii illee galata qabdan jenna! QBO fi dhaabni isaa ABOs akkuma fakkii kanneen biraa adduunyaa keessatti argamee beekamuutti ar’aa-borii illee firaa-fiixaa barbaada. Waa’elummaan keessan itti haa fufu jenna.

Haa tahu malee, qabsoo fira keeti tana-dhaaba isaa ABO fi ummatichumaa iyyuu balaan diigamiinsaa mudate jira. Kun sadarkaa waloon itti-dadhabaa turre bakka dhowwu dhaqqabee jira. Guyyaa fi yeroon firaa-fiixaan dhugaa waliif dirmatu ar’a qofa osoo hin taane, kunoo amma jenna.
Nuti WBO ZK, falli takkichi rakkina QBO, ABO fi Ummata Oromoo mudate kana ittiin irra dandamachiisu nagaa fi araaraa buusuu qofa tahu agarre.
Waan taheef, tarkaanfi deegarsa nagaa fi araaraa WBO ZK kana dhugoomsuuf qooda danda’amu akka laattan akkasuma waan barbaachisu maraan akka dirmattaniif isin yaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
WBO ZK ABO

Murtii fi Kutannoolee

WBO-ZK
(Tarkaanfii Deegarsa Nagaa fi Araara Moona ABO/Oromoo)


Nu loltootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Zoonii WBO Kibbaa Oromiyaa, nagaa fi araari hattatamaan qabsaawotaa, dhaaba ABO fi Oromoo jidduutti bu’uu dhugoomsuuf, ejennoo fi kutannoolee armaan gadii dabarfanne;
1. ‘Gareelee ABO’ adda bahan sadeen (QC, KY/Jijjiirama, ShG ABO) jiduutti nagaa fi araari dhugaa bu’e, hoggana Adda Bilisummaa Oromoo tokkochaan dhaabni akka hoogganamu, taligaman murteeffanne.
2. Uf-diiguun dhuma hin qabne kan yeruma cufaa ABO keessatti deddeebi’u kun, miseensota ABO, deegartootaa fi ummata Oromoo ‘akka galaanaa fuudhee, akka bubbee hargufee, dirree fi qilee hin hawwamneetti harcaasuun’ kun ammumaan dhaabbatu qaba jenna. Amalootni egeree dhaabichaa, qabsoo Oromoo, Ummata Keennaa fi Oromiyaaf gonkumaa hin tolle kun, armumaatti, ar’uma dhaabate tokkumaaf akka waliin hojjannu dabarfanne.
3. Tokkummaan miseensota ABO, qabsaawota Oromoo fi Saba Oromoo, keessaafuu sababa wal-hadhicha, wal-nyaachuu fi wal-dhabbiilee hin furamneen, hooggana ABO jidduutti dagaage qabsicha gurgurteessee jira. Haali barbadeessaan kun nagaa fi araaraan sirraa’e, QBO bifa tokkummaa fi seera qabeessa taheen fuula duraatti furgaafamu murteeffanne.
4. Guyyaa barruun ejjennoo teennaa tun tamsaate irraa jalqabee, WBOn zoonii Kibbaa hoggana ABO tokkichaa fi waalta’a tahe qofaan kan ajajamu tahu beeksifna.
5. WBOn ZK, ‘Gareelee ABO Sadeen’ kamuu wal hin caalchisu. WBO Zoonichaa akkasuma, gareelees ta’e jaallan, tarkaanfii deegarsa nagaa fi araaraa kanaaf kalchan kamuu ni fudhata. Kunis kanneen araaraaf dursa kennan kamuu akka nam-tokkeeleetis tahe, jarmayaa-jarmayaa isaaniitti waliin marihatuuf qophi dha.
6. Yaamicha nagaa fi araaraa moonaa ABO laalchisee maanguddootni bu’uressitootaa fi buuleyyii ABO, gaafa Mudde 13-14, 2008 Washington DC-USAtti rakkina mooraa ABO fi Oromoo kana furuuf dhiheessan guutumaan guutuutti ni deegarra. WBO-ZK qaamni cufti akka deegaru fi milkessuuf hojjatu gaafanna.
7. Ololooti diiggaa tahan, wal abaaruun, balaaleffannaan, maq-balleessiin, wal-faaruun-dhaaraa….kkf karaa media, waltajjiilee, bilbilaa, dhaamsotaa, barruulee fi kkf wal jidduutti hujii taasifatamaa jiru, aadaa fafaa kan of-balleessuu tahu hubatmu qaba jenna. Wal moohinsi karaa kanaan dhufu yoom illee hin jiru, hin jiraatus. Hawwii fi akeeka nagaa/araaraa fageessuu tahuun alaatti, hali akkanaa fokkaataan kun booruu lamuu hin qulloofne waan taheef, kana walirraa dhaabuun dirqama jenna.
8. Diina tarsimoo dhiisuun nagaa laataafi, ufiif nagaa waliitti waakkatuun diina waliitti tahuu qofa dhalche. Akeeka walirratti saganteeffatuu fi kaan-kaan balleessee maquma ‘ABO’ jedhu qofa qabatani jiraatu kunis yakka olaadha. Tokkummaa sabichaa, hayyisa gurmuu miseensota ABO akkasuma qabsaawotaa Oromoo, hiree nagaa fi araaraa moonaa QBO fi dhaaba ABO keessatti tahu qabu irratti demsii kun gufuu ol-aanaa waan taheef, akkasuma safuu Oromummaa illee waan cabsee argameef, hatattamaan akka lagatamu jenna.
9. Amaloota yareennaa akka malee kanaa fi mallattoolee gabrummaa/ tissee kan akka tokkummaa sabichaa fi sabboonummaa afaaniin faarsaa, hujiin ammoo ‘kophee-deesiftuu’ Oromoo taasisuu, aadaa tahaa turee/jiru kana WBO-ZK jabeessine mormina, dura dhabbatuutti idaanee ni saaxilla.
10. Garees tahe namoota akeeka nagaa fi araaraa Moonaa Oromoo fi dhaaba ABOf dhihaate kana sababaa fedheefuu hanqisuu galii taasifatuu WBO ZK hubateen akkana jenna: ‘Kufaatii QBO fi maseenuu hawwii Bilisummaa Sabichaaf, akkasuma faca’u tokkummaa Saba kabajamaa Oromoo mudateef, seenaa keessaatti gaafa tokko kan itti gaafataman tahuu akeekachiifna. Kannen akkasii Lubooma itti kaasuun alaattis falli biraa akka hin jireef’ ammumaan herregamu qaba.
11. Miseensotni ABO, qabsaawotni haftan fi ummatni Oromoo biyya keessatti, biyyoota ollaa fi alaattis argamtan,
a) Kanneen qabsoo Saba keessani itti-fufsiisuuf haga yoonaa gumaachaa turtani fi jirtan galata seenaa qabdan jenna! Haa tahu malee, gumaatni kukun gartummaa fi murnummaa qofa tumsaa jira. Arjoomni qabsoo Sabichaaf tolfamu armaa achi kan nagaan fi araara moonaa dhaaba ABO, QBO akkasuma Oromoo dhugoomsuu qofa akka taasiftan dhiheessina
b) Kanaafuu, gumaatni bifoota maallaqaa, qabeennaa, yaadaa, gorsaa fi beekumsa keessani akka gara humna nagaa fi araaraa Oromoo -WBO Zoonii Kibbaatti fi dhaaba ABO tokkoomuutti naannessitan gaafanna.
Hundeen tokkummaa Sabaa Oromoo; Saba tokkicha, Biyya takkittii fi hiree tokkicha tahu yaadachisaa-tana dhugoomsuuf, dhaadannoon tarkaanfii deegarsaa nagaa fi araara WBO ZK- “Oromoon tokko, ABO tokko fi WBOn tokko” jenna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waraana Bilisummaa Oromoo-Zoonii Kibbaa
(WBO ZK).

Map of oromia

Map of oromia