Kayyoon barreeffama kanaaa yaada dhunfaafi walabaa laachuudhan namoota raata'aniif waan yeroo ammaatti mooraa qabsoo Oromoo kessatti deemuurratti yaadota goototaafi kijibdoota addaan baafachuuf gargaaran laachuudha.Lugnoonni duraan mootummaa homaa wayyanee kessa turaniifi boodarra umnoota "jijjiirama" jedhanii of baasan, jalqabarratti karoora siyaasafi kayyoo Oromomummaa tokkollee kessaa barbaadeen dhabe. Akkuma jalqaba ofumaan ABO dhugaa kana Koloniifii cunqursaa Abisiniyaa jalaa ummmata Oromoo baasuuf wareegama guddaa kaffalaa ture kessa of baaasaniini, murnoonni Jiijiirama ofiin jedhan, sagantaan siyaasaa isaanii sagantaa siyaasa Qindoominaafi sagantaa siyaasaa wayyaaneerra foyya'ee kan hinargamne ta'uu isaa ifatti mul'isanii jiru. Fakkeenyaaf, sabaahimalee Habashaarratti utaaluun, qaanii tokko malee, Oromummaa balaaleffachuudhaan buu'aalee qabsoo amma ammaatti argaman haaluu yaalanii ture.
Radiyoo sagalee Ameerikaatiin gazexeessitoota sagantaa Afaan Amaaraa kan Oromoo akka malee jibbaniin afeeramanii Koloneel Haiyiluu Gonfaa, Generaal Kamaal Galchuu faa Oromoon Oromoof osoo hintaane Itoophiyaa nu dhiiksitefi nu deegsiteef akka qabsaa'an ifatti labsatani. Dabalaaanis Afaan Amaaraan barachuu dhiisuun bartoota Oromiyaa akkamitti barnootaan akka duubatti oofe, qaanii tokko malee waa'ee barnoota osoo waa'ee barnootaa omaa hinbeekne, dhimma hinbeekne kessa seenanii borcanii, laaqanii jiru. Kanas kan godhan dugdaafi udduu isaanii dhaabbilee Amaaraafi Itoopohiyaadhaan of waamanitti gatataniiti. Alaabaa Itophiyaa kan magariisa kelloo diimaa hammachuudhaan kan Oromoo Dimaa Magariisa Dimmaa daraa kessatti akka gadi gatan kuni ifatti mula'atee ture. Oromoof akka hindhabbannee ifatti waan beeksisaniif, Umnoonni Abisiniyaa jechoota isaanii kana wayita dhaga'anitti sabaahimalee isaaniirratti akka "goototaatti" isaan ol kaasanii irratti gabaasa turnai, jirusi. Kanatti warrumti jijjiirama jala of hiriirsa jiru hundi itti qana'uufi gola qabsoo Oromoo ishee dhugatti deebi'uu akka qaban seenaan Oromoo waamicha gootifi.Kayyoo dhabuu murna jijjiirama jedhee of baase irratti ani akka nama alaa daawwatuutti dubbachuuf, ammas waan Kamaal Galchuu Paltalk irratti jedhen hima. Qabsoo Oromoo irratti diina ta'uu isaa ibsuuf, "nuti ABO/Shane ummata irraa mulqinee jirra, diina keenya ajjeesaa jirra in injifanna," jedhe. Gootota Oromoo amma ammaatti qabsoon bilisummaa Oromoo biqilche kessa meeqa saanitu qaanii malee akka Kamaal Galchuufaa Oromoo ajjeesuufi Oromoo molqu, saamuurratti dhaadate? Raafuu namaa kan kayyoo hinqabne, kan OPDO dhumarrayyu gadi taa'an yoo ta'e malee ummanni Oromoo kan dhugaadhaaan bilisummaa Oromoofi Oromiyaatiif yaadu ofuma saatiin ka'e jara akkasii jala of hiriirsuun qaanii guddaadha.
Waan nama boonsu osoo hintaane, waan mata nama qabachiisufi dhiirri dhirummaa isaa garaa isaaf gurgurachuu isaa kan agarsiisudha. Jijjiiramni isaan nutti labsan egaa kanaa? Dhaloonni Oromoo Oromiyaa boru ijaaruuf tattaafannu marti keenya, umnoota kana haawaasa kessatti fudhatama dhabsiisuudhaan gochooti isaan dhabataniif kan Habashoonni dhaabataniifirraa akka adda hintaane saaxiluu qabna.Warri "Jijjiiramaa" Marsaa isaanirratti sagantaa siyaasa ABO isa dhuga waraabuudhaan dhoobbatanii jiru. Garuu qabatamaan kayyowwaniif sagantaa siyaasaa kanaaf jiraachaa hinjirani. Akkamitti namni diigamuu Oromoorraa gammachuu argata? Diigama sanas akkamittiin jijjiirama jedhee moggaasa? Umnoonni Yihudaaa Ambassaa kan Leencoo Baatifi miseensota Homaa Wayyanee duriitirra walittibahan kayyoo, mul'ata, sagantaa Oromoof ta'u waan hinqabneef osuma qabsaa'aniiyyuu fuuldura Oromoof bu'aan isaan fidan gadummaa babal'isuufi qabeenya Oromoo saamanii samsisuu yoo ta'e malee wanti addaa hinjiru. Oromoon kamiyyuu namoonni kuni bilchina siyaasa kan gonkumaayyuu hinqabneefii seenaa Oromoorra seenaa algaa kan itti himame beeku. Seenadhuma Habashaatuu dubbisaniit beeku osoo hintaane waa'ee isaat dhaga'ani. Fuuldurattis "Jijjiiramni" maqaa gaarii ofitti baase bu'aa fiduu hindanda'u. Maalirra malitti akka jijjiran quba wanti qaban hinjiru. Namooti leenjii lolaatiin qofa Oromiyaa walaboomte bulchuuf karoorratan kun, angootti, haa jennuu, osoo ol bahanii akkuma Mangistuu Haiyila Mariyamiifi Mallas Zenaawwii faa ta'u.
Kana jechuun sirna haqaafi dimokiraasiin Oromiyaa bulchuurra irreen bituuf ummata shororkessuu akka danda'an namni kamiyyuu shakkuu hinqabu. Abbaa Irrummaa loltummaa hinbarbaannu. Ani meeseensa eenyyuu miti garuu, ala ta'ee waan deemaa jiru yoon laalu dhugaafi soba, gootummaafi lugnummaa addaan baafachuu danda'eera.Ummanni Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaatti baqatanii umna jijjiiramaa ofiin jehdee ka'e kana jala of hiriirsitaniifi saboontota Oromoo dabarsitanii umnoota tikaa mootummaa koloneeffataa Itiphiyaatti dabarsitan, cubbuu guddaa ofitti diinomuu kanarraa deebitanii ABO isa dhugaa bilisummaa Oromoo argamsiisuuf qabsaa'u faana akka hiriirtan gootonni Oromoo qarooma qaban waamicha isiniif laatu.Mana Oromoo waarra diigaaa jiran waliin diiguun maal godha? Qabsoon Oromoo ayidiyoolojii mataa isaa qaba. Siyaasa Oromoo warri hinbaratin, ayidiyoolojii yookaan yaad-mayaa Itophiyummaa, Alabaabaa tokkoof biyya tokko fannifatanii warra kan jala hiriiru filtattu taanaan filannoon kan kessani, seenaan garuu murtee ishee ni laatti. Murna Jiijiirama kessa warri jiran kan akka Abbaa Biyyaafaa, namicha qaamaan guddaa yaadaan xiqqaa kan dhiyoo kana ofumaa OPDOtti dhaqee harka kennate, "gaaffiin Oromoo deebii gahaa argate" jechuudhaan gochaa diinummaa dangaa hinqabne saba isaanirratti hojetaa jiru.
Osoo Ebla 2008 kessa Oromoonni dhibboota hedduun Oromiyaa lixaafi Kabarratti ajjeefamuu, osoo manni hidhaa Oromoon guutamee jiru, osoo Oromoon qee'eesaarraa yoomiyyuu caalaa buqqa'aa jiruu, osoo beelli ummata keenya addatti akka tasiisafi baalaa harcaasaa jiru, osoo maatiin diigamaa jiru, osoo beektonni, bartoonni,artistoonn qoteebultoonni, daldaltoonni Oromoo dhiboota hedduun lakkaa'aman hidhaatti guramanii dararamaa jiranuu, kun ajjeefamaa jiranuu, garaa maalitiin namni Oromoof yaadu tokko "Gaaffiin Oromoo deebii argatee jira," jedhee hasa'a? Ani kana Qamar Yusuufi Abbaa Biyyaarraa yoo ta'e malee namoota bilchaatoo biroo irraa hineegu. Namni qaamaan guddaa ta'uu mala, kessi isaa garuu offaa, duuwwaa ta'uus ni danda'a. Karaa irra deemnufi itti gala keenya kan filannu osoo ittigala keenya bira hinga'ini. Goototi Oromoo kan loolaan garreen Oromiyaafi laggeen Ormiyaa kessatti kufanii kuffisan, kan akka Laggasaa Wagiifaaf seenaan Oromoo iddoo olaanaa qabdiifi, duuni isaantis jireeya--Ormiyaan isaan jaalatti, ekeraan saanii yoomu bilisummaafi ni iyya. Umnoota gantoota 'jijjiirama' jedhanii of waamaniif seenaan Oromoo iddoo hinqabdu. Peennaan Oromoo qalma hinmirgistuufi, sammuun qaroota keenya wa'ee gantoota hinyaaddu. Kanaafidha, ani umnoota jiijjiiramaafaa, OPDOfaa, umnoota Itoophiyaa moofaaf dhabbatan faa adda godhee kanan hinilaalle. Yaada kana immoo Oromoonni miliyoona hedduun naa waliin qooddatu--shakkii tokollee hinqabu.
Murnoota kana jala warri hiriiran, sababiin isaanii dantaa mataa ofii guuttachuu, ABO dhugaati namni naan jedha jedhanii sodachuudhaan orma gammachiisuuf fiiguu, darbee darbees immoo murnoonni kuni Orommummaa tokkollee dhiganis ta'e yaadaan kan of kessaa hinqabne ta'anii mul'atu. Kana ija jabaatanii dubbachuunifi umna Oromoof dhaabbate ABO isa ganamaa kan kayyoo dhaabbata qabu jala hiriiruu. ABO inni dhugaa akkuma Profeesar Oromoo kabajaamaan Asffaa Jaaltaa dhiyoo kna barreessan, isa Oromoof dhiiga jirudha, isa Oromoo dhiigsaa jiru miti. Isa Oromoo saamee samsisaa jiruu miti. ABOn dhugaa kuni dhadhabina mataa isaa qabaachuu danda'a, qabasi dhugaa dubbachuudhaaf, garuu dadhabinni jiru marii ummataatin of jijjiirufi dhimmoota komeen irratti dhiyaachaa jiru deebisuu ni danda'a. Qabsoon kamiyyuu kan hudaa'u sagantaa siyaasa fedhii saba tokkoo guuturratti yoo ta'e, "dhaaba Oromoo isa kamtu sagataa siyaasaa kan Oromonni itti amananiif fedhan qaba?" jennee of gaafachuu qabna. Sagantaawwan kanas hojirra oolchurratti dadhabina jiru qeequniifi fuulduratti adeemuun saba gananii kophaa kaachurra waan filatamaadha.Qeerransoo Biyyaa,
Qeereensoo Biyyaa
Mudde 10, 2008
Location: Horn of Africa; in what is today Ethiopia. Oromia is approximately located between 3 degree and 15 degree N latitude and 33 degree and 40 degree longitude. Size 375,000 Square Miles, or, 600,000 square kilometers; Larger than France, Italy, Switzerland, Belgium & the Netherlands combined. Population 40 million; 3rd. largest nationality in Africa; single largest nationality in East Africa.
WELCOME TO OROMONET
The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa
Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.
Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.