WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Wednesday, January 27, 2010

Gantuun Kana Qoofa Miti Moran Qabsoon Oromoo Qulqula’uu qaba::

Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO), Oromo Parliamentarians Council (OPC)

Uummataa of diina jalatti gabromee jiru utuu argani obsan mataa gadii qabatan jirachuun salphina gudadha. Qabeenya Uummataa keenya diini humnan fudhatee nyachaa jiru falmatan irra fudhachuu dhiisan maallaquma Oromoo diini deebsee isaan kenutii Qabsoo haqaa gurguratan diinati galun amoo salphina salphina caaluu dha. Ilmi lammi isaa diinaf saxilee uummata isaa gutuu ganuu kami iyuu egren isaa ykn dhimmi isaa diina birratis lammi biratis saxilamee qula dhabachun isaa hin oluu. Gantuun dhuma irratti ni ganamti.

Ergan diigamasa mora qabsoo keessatti gurma’inan sochoo’aa ture kan egalamee barana utuu hin tanee kan bubuledha. TPLF moraa qabsoo Oromoo keessatti hojeecha akka jirtu ifati dubacha turte. Maallaqa dolara miliyoona 86 ramadee hojeecha jirachuu ishe erga dubane ture jira. Maallaqn kun baasii caasaa “Diaspora direktoorat” jeedhuuf utuu hin tane kan ramadame namoota garaa isaanf bulan ittin bituuf akka ta”ee ilee dabalame ibsame jira. Wayyanee Qinjitiin akka Shunkurtti ququnciftee fixee kuni Oromoodhaaf ciiftee hin jirtuu wan ta’eef mora qabsoo keenya tiksu, tokkuma qabsa’oota tiksun murteesadha dhamsa jeedhu Gumiin Paarlaamaa Oromoo dabarsa turun isaa dagatamu hin qabu.

Qabsa’oon dhugga laga fi amantaan wal qoodu irra kayyoo ganama irratti cicaniin jiran lotee sentuu, madii jeequmsa fi diigumsa ergama diina gegesan of keessa caalalun barbaachisa dha yamu jedhama ture, qabsootu qancare, ganda abaluufatu baleese malee ergan diinaa nu keessa hin jiru jeechuun wari dhadaata turan bayeedha. Dhuggan jiru garu haxinatu hagudatu diiree qabsoo caalaa diaspora keessa balaa Oromoo diinaf saxilu guddatu gegefama ture. Haqi qalatee sobi babalatee, faarii qabsoo goota fakkatee, firri qabsoo diina godhatan maqa baleesun, laga fi amantaan lammi bakkan lakawan qoomoon arba irrati gegefama ture media diinan utuu hin tanee media Oromoti wara ofini jeedhan ture, amalee hin dhabanee.

Diini Diaspora Oromoo gandan, amantan qooda jirachuu isaa ebsamun wagga lama dura egalame. Media Oromo fakkatani halkan guyyaa diina dhisan dhaabilee Oromoo fi qabso’oota Oromoo qoofa balaleefachuu fi qoqoduu irratti hojjecha turan ga’een isaan mal akka ture hundi of gaafachuu qaba. Moraa Qabsoo Oromoo kan diiga ture namoota torba (7) diiree Kiibatti harka laatan qoofa jeedhan wari labsacha jiran yoo jiratan amma ilee diina nu giidu dhokksan bori rakko keenyatti nu deebsuf wara barbadan qoofa. jequmsi guddan kan dhalatee fi egalame diaspora keesatti malee diiree Kiibatti miti. Paltak fi websitiin Oromoo laga fi amantaan wal dura dhaba turan, samu qulquludhan haqa hojjecha turan yoo jene amma ilee diina keenya hubacha akka hin jire mulisa. Sababi isaa gantoon mora qabsoo wagga lama gutuu jeeqa turan nama torba(7) Kiiba Oromiyyaa irra diinatti galan qoofa yoo jeene madali kamin iyuu siiri miti. Utuu jara kana qoofa ta’aan Wayyanee Diaspora Direktoorat” jeete caasaa gudda bantee maallaqa miliyoonan hin rabsitu turte kun dhugadha.

Gummin Paarlama Oromoo Mora qabsoo diiguuf diini maallaqa guddan deggerame hojecha waan jiruf qabsa’oon Oromoo kayyoo isaan fi qabsoo isaan tikisun diina akka of irra qoolatan yeroo adda addaa wamicha dhiyeessa ture. Keessatu Miseensoon Paarlamaa naannoo Kenya turan laga fi amantaan qoodamisi deema jiru harka diina keessa jirachuu ibsun qeequn, furmata fudhatamu qabu akeekun, kun ta’uu banan balaa qaqabuu danda’uu tilmamun iyyachaa akka turan hund keenya ni beekna. Abban qabsoo jira caalsaa yaamun jeedhames jira ture. Waan nu gadisise keessa inni gudan garu qabsa’ooni Oromoo diina isaan walaluu isaani caalaa iyuu jaala qabsoo dhugga waliin deema jiran adda bafatani walalun wal hamachuu fi jeequmsan of saxilu isaantti. Yeroo yeroon wal gamagama deemamu dhabun rakkon hikuu dadhabamee wal balaleefachuu kan fidee ta’uu hubana.

Dhamsii keenya inni guddan mani of utuu hin badiin Eegachuu, rakko dhalatuf amoo murtii irra deebi hin qabnee keenanf hojii fuladura dhufti deemu malee waan darbee odeesa oluun oduu hojii goodhachu ta’aa. Amalee mora qabsoo keenya qulquleesuf dursa keenun foon suma’ee fi foon fayaa adda caalalun mora qabsoo summin diina keessa hin jire, qabsaa’o’ta dhugga kayyoo fi qabsooti cichan qoofan Uummani Oromoo tokkomsan qabsoo gegesu danda’aa dha. Maqa tokkumman qawaa diinaf baduu caalaa, dhabba ofi keessatti dura wal gamagama, wal madalaa fi wal siirresa mora Galmaa tokkummaa Qabsoo Oromoo cimsuun bilisumma dhiyootti fidun ni dnda’ama.

Bilisummaa Uummataa Oromoof

Gummi Paarlaamaa Oromoo

Amajjii 26/ 2010

Sunday, January 24, 2010

GANTUU!!!

Murna abbaa garaa Lichoo Bukraa jaaree!

Dhiiga obbaleeysaa birriidhaan gurguree!

Kan foon sabaa nyaatu fakkaataa adurree!

Dottaawaa akka harree!

Ajaawaan akka moorree!

Abdataan baasiree!

Birriidhaaf gororee!

Diina ilmaan ayyaa mallasaa ziyaaree!

Qabsoo walabummaa hurree itti maree!

Dantaa sabaa borcee arraataan waqaree!

Gantummaa dhaadheeysee olii gad finxiree!

Arraata tolfatee aduu gama waaree!

Galma utubaa hinqabne kan keeysi buburree!

Kan galgala diigu ganama ajjeeree!

Maqaa tokkummaatiin kijiba dhandhaaree!

Dandii walabummaa dura jaaree qoree!

Saba burjaajeeysuuf wallaalchisee xurree!

Qabsaawoota sabaa; gurraachaa fi diimaa adiin gargar hiree!

Booranaa – Bareentu gandaan gargar ciree!

Arsii ofi qabee Wallagga abaaree!

Karrayyuu fi Jidda gosaan wali diree!

Bifa takka hinqabu akka gaararraa ti amalli buburree!

Ka’ee nyapha gale of hanqisee saree!

Hubadhaa saba koo gantuu qalbiin darree!

Diinaa - fira hinbeeytu nu cirti mogolee!

Qochumaaf jettee nyaaphaaf taatee golee!

Ijaa – gurra hinqabdu garaa isii malee!

Yaaman hindhageeysu waaqaatu daboolee!

Suuta hindubbattu akka waan dhagoolee!

Kijibaan kakatti ol fuutee sagalee!

Maraatuu hinfayyan ni wyyaawan malee!

Gantuun loon taatee billawaan hinqalluu!

Magaalaa geeysinee qarshiin hindaldalluu!

Akkanaan dandeenyee alaahiis hingalluu!

Diiga goototaa yoo hinbafnee haaluu!

Ormomummaa sobaan of dhaaduun hinmaluu!

Gurmuun tokko taanee; sirna dhablummaa gamtaan haa gilgalluu!

Ijaa nama gartu; udaan nama hindhufuu!

Foon-foon ifii nyaatee, dhala ofii hingaddaafuu!

Diinaaf gurmuu tahee ofi tahee gufuu!

Yaa ilmaan oromoo haa eegannuu saffuu!

Osoo wal arrabsinee; teenyee wal abaarruu!

Dhufaa dabraa mara dhalootaan gabbarruu!

Dhiiga goota keenyaa ka akka Taadee Birruu!

Elemoo Qilxuu fi Buruysoo Boruu!

Nadhii Gammadaa fi jaallan ilkaan kaarruu!

Warra lubbuun dabran; dandii bilisummaa osoo nu taraaruu!

Dagannee hubadhaa dhamsa isaanii faaruu!

Dhiiroo haa yaadannuu akkanaan hinwarruu!

Mee marti of milladhaa; waaqi nu haa maaruu!

Amala waraaboo mee laalaa qalbisaa!

Jiraa fi du’aa maruma ququmsaa!

Kan qeensee dhugu dhiiga obbaleeysaa!

Ilma ayyaa malee kan biraa dhageeysaa?

Rabbi maganfannaa; waaqatti nu dheeysaa!

Kadhadhaa waaqayyo qalbii qulqulleeysaa!

Hamtuu nu fakkeeysee; toltuun nu badhaasaa!

Gurgurataa sabaa haabee dhabamsiisaa!

Dhugaa dubbadhaa hamilee wal tiiysaa!

Diini irree hinqabu numa waliin cabsaa!

Ganda – gandaan dhawee akka lafee warseeysaa!

Birrii fi angoon cubbuu gammachiisaa!

Gosaa fi amantiin dallee wal nyaachisaa!

Albuda nu saamee; lafa oromoo alagaaf moggaasaa!

Hidhaa fi beelaan oromoo gidirsaa!

Mee kutaa kamtu nagayaan elmatee raasee dhadhaa baasa?

Oromoo ergatee waan kijibduu raattuu?

Kan maqaa Booranaa beesharaa tolfattu!

Sabbo moo goonaatu ergate; saba koo na himtuu?

Ilmi oromtichaa booranaa – bareentuu!

Gurgurattuu sabaa maqaan isii gantuu!

Akka saree marattee tan abbaa cinintuu!

Abdataa baasiiree cubbuu hinlagatuu!

Hinjiru WBOn je’ee soba yoo dubbatu!

Jireenya WBO kan habashaan beeytu!

Ilmi oromtichaa xiqqollee hinqanfatuu?

Yoo qoma of dhahee cubbuudhaan kakatu!

Kun waa fayyaa mitii hubadhaa maraatuu!

Jazaan dur ni turti akka kismidaalii!

Tan zamanaa tun akka foon waxallii!

Daftee nama dhaqqabdi xufxufaa irra qaalii!

Onnee dhabanillee soonbaa nama dutaa!

Lammii koo mee laalaa Lichoo fi Abdataa!

Obbaleeyan isaanii badhe diini gataa!

Gumaa baasuu dhiisee WBO quba laataa!

Shakkii hinqabaatiin; yaa lichoo bukraa dhiiyni addaa keetii suma galaafataa!

Nulleen dabarfannee Waaqatti magantaa!

Rabbiin fagoo hinjiruu jazaa ni arkattaa!

Ibiddi Waahiyaannee si gubuuf jiraataa!

Oromoon takkaa Rabbirraa hindhabne dhugaadhaan kadhatee!

Irbuun ati diiyde wa’ada si taatee!

Midhaanii fi bishaan summii sitti gootee!

Dhukkuba biyya hinjirreen afaan si cancaltee!

Sammuu belbelchitee; of si wallaalchiftee!

Dhihotti nu haa garsiisu waaqi nu rahamatee!

Ilmi oromtichaa tokkummaan kadhatee!

Irbuu; irbuu irbuu je’ee gootota yaadatee!

Imimmaan gad roobsee; Odatti haqatee!

Killa bunaa qalee; gurraachaan simatee!



IUO f!!!

GGB ti!!!

Omar Osman irraa

Map of oromia

Map of oromia