WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Tuesday, October 27, 2009

Ibsa ABO - (QC) - Haawaa Nagaa Murna Jijjiiramaa wajjiin irratti

Onkoloolessa 27, 2009

Saganataa raadiyoo isaa Onkoloolessa 25, 2009 dabrse irratti, murni Jijjiiramaa, kan G. Kamaal Galchuun geggeeffamu, dhaaba keenya ABO wajjin walitti baquuf maree fixatee akka jiru labsuun isaa ni yaadatama. Dhaabin keenya fi murnni kun walitti baquuf akka walii mallatteessanis achumaan ibsee jira.

Labsi raadiyoo murnna jijjiiramaan labsame kun, dhara (soba) dhugaa irraa fagaate waan ta’eef afanfaajjii inni uumuu danda’u xiqqeessuuf jecha ibsa kana baasuuf dirqamnne.

Mudee 11, 2008, qaamota maqaa ABOn sosso’an fi abba-tokkoota dhimma addaddaan ABO keessaa ala of godhaniif waamicha dabarsuun keenya ni yaadatama. Qabiyyeen waamicha keenyaa dhaaba keenya ABO kaayyoo isaa gamanaa jalatti deebisinee dhinsinee QBO jabeessuuf dhimma ilaalcha siyaasaa kan adda nu baase irratti teenyee akka mar’annu kan gaafatu ture. Kunis itti fufiinsa ejjennoo yeroo jeequmsi dhaabicha keessatti dhalatee jalqabee qabaachaa turree fi ammallee qabnnu dha.

Murnnoon lameen maqaa ABOn sosso’an – Shanee Asmaraa fi Murnna jijjiiramaa – waamicha keenyaaf owwaachu isaaniif galata qabsoo galchinaaf. Qaamota kana lamaan wajjiin maree jalqabnnee jiraachuu keenya isinniif ibsinna. Ha ta’u malee, yeroo ammaa kanatti dhaabin keenya murnoota kana lameen wajjiin dhimma kana ilaalchisee murtii irra gahe akka hin qabnne asumaanuu isin hubachiifnna.

Abdiin keenya, mareen itti jirru Kaayyo ganamaa jalatti ABO dhinsee fu humnneessee QBO jabeessa kan jedhu. Abdii kana dhugoomsuufis qooda nurraa barbaachisu hunda gumaachuu itti fufnna. Ha ta’u malee, dhimmi dhaabicha jeeqee adda bahiinsa fide addaddummaa ilaalcha siyaasaa waan ta’eef furmaatin isaa maree bali’aa fi bilchinaan qabamuu gaafata. Kan ummatin Oromoo nurraa eegus kanuma. Dhimmi kun, dhimmaa fedhii fi hamilee ummata keenyaa ilaallatu waan ta’eef, kan yeroof ittiin tumsa horaachuu fi ykn gumaacha funaannachuuf jecha soba dhugaa fakkeessanii uummaticha ittin gowwomsan ta’uu hin qabu. Ummatin keenya kan nurraa eegu dhugaa itti himuu waan ta’eef, qaamonni siyaasaa Oromoo kanaan beekkaman hundi akka gochaa kana irraa of qusatan kabajaan gaafanna. Kannen dhara (soba) facaasuun qaamota mareetti jiran walitti muufachiisanii sochii kana gufaachiisuu yaalan yoo jiraatan akka isaan hin milkoofinnes asumaan hubachiifnna.

Oromiyaan ni bilisoomtti!

Koree Hojii Geggeessitu - ABO
Onkoloolessa 27, 2009

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia