WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, July 31, 2011

IBSA IJJANOO MISEENSOOTA ABO KUTAALEE USA FI KAANAADAA










Nuti miseensoonni ABO kutaalee USA fi Kaanaadaa kora miseensootaa Adooleessa 20-21 2011 fi  guyyaa yaa’ii Ummataa Adooleessa 22/2011 magaalaa Minneapolis keessatti  gaggeeffame injifannoon xumuranne. Walgahii kana irratti Ibsa HD ABO J. Dawud Ibsaa irraa karaa teleconference fi Hoggnoota ABO SHGS fi GS walgahii kana irratti argaman  irraa ibsa kenname dhaggeeffanee gaaffiilee qabnuus erga gaafanee booda xinxilaa fi marii bal’aa QBO fuldra tarkaanfachiisu erga gooneen booda ibsa ijjannoo fi murtiilee armaan gadii kana dabarfanne.

1.      Miseensoonni hujii dhaaba keenyaa kan biyya alaa kanatti hojjachaa jirru ilaalchisee xinxila fi marii gaggeesine irratti dhaabbannee, hujiilee biyya alaa kanatti hojjannu hunda kan durii caalaa galmaan gahuuf dirqama nurraa eeggamu hundaa  gumaachuuf wa’aada  keenya haarayoomfanne.

2.     Qaceelfamaa fi murtii  dhaabni keenya fudhatu hundaa ni deeggara. Hujii irra oolchuufiis dirqama nurraa eeggamu guutummatti  baanee argamuuf qophii dha.

3.     Hujiilee dhaaba keenyaa, kan caayaalee fi hawaasaa hunda keessatti gaggeefamaa jiru irratti ciminaan hojjanna. Keessattu qooda dubartootaa, dargaggootaa fi shamarranii olkaasuuf jabaannee hojjachuuf murteefanne.

4.     WBOn haala rakkisaa tahe keessatti tarkaanfii halleellaa diina irratti fudhachaa jiru hedduu dinqisiifachaa, WBOn haleellaa diina irratti fudhachaa jiru, daran jabeessee  bilisummaa sabni keenyaa hawwaa jiru akka argamsiisu taasisuuf  tinnisa WBO goonu fi waan nurraa barbaachisu hunda dacha dachaan godhuuf murteefanne.

5.     FDG Ummanni keenya Oromiyaa guutuu keessatti gaggeessaa jiran guutummati deeggara. Gama keenyaan, FDG kana galmaan gahuuf  jabaannee hojjachuuf murteefanne. Ummanni Oromoo biyyaa fi biyya ambaa jiru hundinuu FDG biyya keessatti belbalaa jiru kana cinaa akka dhaabbataniis waamicha goona.

6.     Tokkummaa qabsaawootaa kan dhiigaa fi Lafee jaallan QBOf wareegamaniin argame diiguuf warra hojjatan hundaa ni balaalleefanna. Gochaa farra Ummata Oromoo fi QBO kana irraahiis akka dhaabbatan janna. Diina qofa irratti xiiyyeefachuun waan yeroon gaafatu tahuus dhaamanna. Karaa keenyaan tokkummaa saba keenyaa fi dhaaba keenyaa tiikfachaa qabsaa’uuf murteeffanne.

7.     Jaarmayoota Oromoo hunda jiddutti Araara buusuu fi mooraa QBO keessatti nagayaa fi tasgabbii uumuuf imaammta dhaabni keenya hordofaa jiru guutumatti deeggarna.  Imaammata kana hujoomsuuf qaceelfama dhaaba keenyaa hujoomsuufiis  murteefanne.

8.     Mootummaan farra namoomaa fi dimokraasii tahe kun aangoo irra turuu kan danda’een gargaarsa mootummoota gurgurdoo Adunyaatiin waan ta’eef, gargaarsi mootummoota kanaa ummata ajjeesuu, hidhuu fi hiraarsuuf akka Wayyaaneen dhimma itti bahaa jirtu hubatanii, gargaarsa mootummaa kanaaf godhaa jiran akka dhaaban gaafanna.

9.     Haalli baqattoota Oromoo biyyoota ollaatti baqatanii jiraatan yaachisaa dha. Mootummonni itti baqatan tikaa fi gargaarsa  isaan irraa eeggamu godhuufi hanqachuu irraan kan ka’e balaa guddaan irra gahaa jira. Waan taheef, Mootummoonni, dhaaboonni mirga dhala namaaf dhaabatanii fi dhaaboonni  baqatoota gargaaran hundi  gargaarsa barbaachisu akka yeroon godhaniif qofa otuu hin tahini akka biyyoota keessa jiraan keessatti  mirga baqatummaa isaanii eegamuuf dhiibbaa godha gaafanna.

10.  Mootummaan shorarkeesituun Wayyaanee daangaa dabruun,  baqatoota Oromoo roorroo fi hacuucaa biyya isaanii keessatti irra gahaa jirurraa baqatanirratti gaggeessaa jiru ni balaaleefanna.

11.  Haala QBO, haala WBO fi ummatni  keenya kan biyya jiru keessa jiran yeroo  bal’inaan xinxille, QBO bakkaan gahuuf haalli keessa jirru  mijjaawaa ta’uu hubanna. Haala kanatti gargaaramanii QBO bakkaan gahuufiis dirmannaa dhala Oromoo hunda kan gaafatu waan ta’eef Ilmaan Oromoo harka wal qabannee tinnisa nu irraa eeggamu akka gumaachinu waamich akeenya dabrfanna.

12.  Ilmaan Oromoo fi ilmaan Saba cunqurfamoo biiyya sanii kanneen diinaa waliin dhaabbatani ummata isaanii miidhaa jiran  hundi, gochaa farra namoomaa ummata ofii irratti gaggeessaa jiran kana irraa dhaabbatanii ummata isaanii waliin diina kana fonqalchuu irratti qooda isaanii  gumaachan waamicha goona.

13.  Maayyii irratti nuti miseensoonni ABO kutaalee USA fi Kaanaadaa murtiilee kora gamtaa kana irratti dabarfanne hunda hujii irra oolchuuf murteefanne



Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Map of oromia

Map of oromia