WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, January 10, 2010

Murna Maqaa "Jijjiiramaan ABO keessaa fottoqe keessaa hagi tokko Wayyaaneetti galuuf murteeffatan!

Bara 2008 keessa murni maqaa "jijjiirama" jedhu qabatee faallaa seeraa fi heeraa ABO dhaabbate ABO keessaa of baasee ShG-ABO irratti olola gaggeessaa turuun ni yaadatama. Murni kun maadhee isaa biyya alaa fi ollaa godhatee miseensota ABO qabsoo bilisummaa Oromoo irratti cimanii hojjetanii fi haamlee qaban diinatti dabarsee kennuu, abdii kutachiisuu, gaaffii Oromoo xiqqeessani fi gadi buusanii irratti ololuu, maallaqaa fi dantaa xixiqqaan wal goowwomsuu irratti bobbahee ture.

Bara 2009 keessaa ammoo murna kana keessaa namni Lichoo Bukura jedhamu akka qaama jijjiiramaa irraa abdii dhabe xalayaa fuula marsaa bilisummaa.com jedhamu irratti maxxanseen akka qaama jijjiiramaan (QJ) hin hogganamne ibsate. Lichoon murna waraana zoonii kibbaa irraa qooduun bifa firummaa fi gosaan itti dhiyaate WBO zoonii kibbaa jeequutti seene. Murna foxxoqe kana itti dhiyaachuun namoota biyya alaa jiran irraa maallaqa argachuuf tattaafate haga ta’e itti milkaahus garaa isa gahuu hin dandeenye. Murnooti QC fi QJs akka inni hawwetti fedhii isaa guutuufii dadhaban. Kana sababeeffachuun namni kun fakkaattota isaa qabatee bakka maallaqa guddaa argatu wayyaaneetti harka kennachuuf murteeffate.

Namni kun namoota gosa isaa fi haala qabsoo Oromoo walii galaa sirnaan hin hubatiin, haala siyaasaa xiinxaluu hin dandeenyee, warra naannoon qabsoo gaggeeffamtu keessaaa ABO kaadhimee qabsootti make, haala jireenyaa, qubee, gaaffii Oromoo barsiise fi asiin gahe turan. Ta’us sababa gosummaan wal jala deemuu aadaa godhataniif jecha namoota kana ofitti qabchuun qabsoo ganuuf bitamuun isaanii hubatamee jira. Kunis yeroo dhiyoo kan ifa bahu ta'a.

Yeroo fedhii fi sababaa jarri kun gantummaan diinaaf bitamuu filataniif yoo ilaalle:

1. Warra bu'aa bahii qabsoo dadhabee, diina injifachuu hin dandeenyu jedhee haamlee dhabe, dandeetti isaanii irratti amantaa hin qabne, filannoo KS ABO of dura gaggeeffamu irratti Oromoon nu hin filu, gatii dhabneerra kanaaf diinumatti maxxannee amma lubbuun keenyi jirutti haa jiraatnu warra jedhanii yaadan

2. Hiree dhalootaa dhiisanii hiree dhuunfaa isaanii jala deemuun rakkoo fi gaaffii Oromoo salphisanii fi tuffatanii ilaalan; fedhii dhuunfaa isaanii fedhii uummataa irraa caalchisanii ilaalan; qabsoo Oromoo akka fedha dhuunfaa isaaniitti micciiruuf tattaafatanii itti milkaahuu dadhaban

3. Qabsoo Oromoon gama hidhannoon gaggeeffamu irraatti dandeetti itti dhabuun qaamni biraa akka hin gaggeessiinef dirree qabsoo irraa ganuun, uummata haamlee dhabsiisuun qabsoo isaa irraa duubatti deebisuuf diina irraa maallaqa guddaa birri ethi. 1.2 milion fudhatee fi uummataa fi ABO irratti Ololuuf dirqama fudhate

4. Dirqama diinni maallaqa, aangoo, fi abdii guutamuu hin dandeenyee fi qilleensa irraa jiru itti kijibuun qondaalootaa fi miseensota ABO warra diinatti dabarsaa kennaa turee, ilmaan Oromoo qabsoo keessa turan gansiisuu irratti bobbahan, ilmaan Oromoo jajjaboo irratti ololaa turanii fi ammas miseensota ABO fi hoggana isaa irratti olola diiggaa oofu fi oofsisuf warra maallaqaan bitaman

5. Warra heeraa fi seera ABO cabsanii badii fi yakka dalagan gaafatama seeraa ABO jalaa bahuuf gosaan wal ijaaruun wal ittisuuf diinatti harka kennatuu filatan keessaa haga tokko dha.

Isaanis:

1. Lichoo Bukhuraa

2. Edin Waaqoo

3. Abdataa Baasiree

4. Dachaas Roobaa

5. Guyyoo Biiqqaa

6. Areeroo Meeggaa

7. Waaqoo Guyyoo

8. Kanuu Jirmoo fi

9. Jaatani Kunnoo

Akeeki Murna Kanaa:

1. Dirqama diinni itti kenne raawwachuu. Yeroo duraa akka jijjiiramaatti tarsiimoon waliigalaa qabaachaa turan tarsiimoo diinni itti kenne dha. Innis caasaa ABO fi WBO diiganii diina waliin araaramuu akka ta’e waliif dhaamaa turre. Amma hawwii isaanii ABO fi WBO diiguu akka raawwachuu hin dandeenye hubachuun fi abdii kutachuun sadarkaa wal duraa duubaan diinatti galuun fi TV ishee irratti ololuun, Oromoo ganuu fi bitamuun Oromoo qabsoo isaa irraa abdii kutachiisuuf

2. Raawwii ajandaa dhoksaa Mallasaa waliin Araaramuu jedhu duraanuu qabaachaa turan galmaan gahuuf Oromoo Gosaa fi gandaan qoodanii laaffisuun ummati Oromoo akka ABO jala hin hiriirre tolchuu

3. Dantaa maallaqaa diina irraa argachuu

4. Yakka Qabsoo Oromoo irratti hojjetan haguugachuu

5. Qabsoo gananii jireenya dhuunfaa isaaniitti deebihuu dha

Akeeki Diinaa:

1. Diinni namoota fayyaaleyyii kana TV isaatiin muldhisuun sochii Oromoon irratti cimsu laaffisuu dha. Yeroo ammaa yeroo wayyaaneen filannoo itti gaggeessa jettee olii fi gadi fiigdu, yeroo qabeenya Oromoo saamaa jirtu, yeroo lafa Oromoo gurgurachaa jirtu kanatti yoo isaaniin ofitti fuutee waan afaanfajjii uumuuf ishee gargaaruuf

2. Ummati Oromoo akka haamlee dhabee qabsoo isaa irraa of duuba deebihu tolchuuf; namoota harka itti kennatan kana qabatee Oromoo qabsoo isaa irraa abdii kutachiisuuf ABO laafee jira, WBOn hin jiru, hogganooti ABO kanaa fi sana tolchan jedhee qabsoo Oromoo irratti ololuuf

3. Sochii uummati Oromoo qabeenya isaa deebifachuuf, lafa isaaf falmachuu, mirga isaa fi abbaa biyyummaa isaa falmachuu akka itti hin fufne gufachiisuuf

4. Aangoo isaa bara baraan tikfachuun qabeenya Oromoo saamuu, ilmaan Oromoo akka fedhii isaatti ergachuu, lafa Oromoo irratti akka fedha isaatti basha’uu fi gurgurachuun Oromoo biyya dhablee taasisuuf

Waan Oromoon Hubachuu fi Gochuu Qabu:

1. Wayyaaneen baroota dheeraaf namoota adda addaa miseensa ABO dha, hoggana ABOti jettee TV ishee irratti dhiyeessitus qabsoo Oromoo of duuba deebisuu hin dandeenye. Ololli qabsoo haqaa sabni qabu dagachiisuus ta’e gufachiisuu hin dandahu.

2. Yeroo shirri fi ololli qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamu kun isa duraa miti. Diinni qabsoo Oromoo sakaaluuf socho’uus qabsoo Oromoo bu’uurefamte tana of duuba deebisuu hin dandahu.

3. Qabsoo Oromoo dhiigaa fi lafee jallaniin biqilte laliste kana galmaan ga’uuf murannaa, itti-of-kutaa fi haxxummaa jabaa feesisu akkuma baroottan darban irra aanne ammas haamlee jabaa fi obsaan irra aanna.

4. ABO erga jaaramee QBO adda durummaan gaggeessuu calqabe irraa kaasee bu’aa ba’ii hedduu keessa dabreera. Injifannoo cuccululuqxus galmeessera, akeeki guddichi ammallee akka rarra,eetti jira. Sabboontonni hedduun dhugoomuu kanaaf wareegama boonsaa baasanii fi hara’allee itti baasaa jiru. Akeeka siyaasaa ABO sagantaa siyaasaa irraa qabu galmaan gahuuf Oromoon marti jabaatee wal ijaaruun wal qajeelchuu qaba.

5. Shira diinaan qindaawee fi gantuu fi bitamtuun deeggaramu kana karaa hundaan saaxiluu, akeeka ABO uummata hubachiisuu, caasalee ABO hunda akka QBO bakkaan gahuuf hojjatanii fi mirga sabaaf jecha tarsiimoo dhaabni dhaamu hordofanii diina dur dhaabbatuuf wal qindessu

6. Ilmaan Oromoo marti olola wayyaaneen TV fi radiyoo ishee irraan gaggeessituf akka gurra hin kenninee fi shira itti jiran dursanii walii dhaamuu

7. Wayyaaneen ABO irratti bara 1992 irraa eegaltee ABO nama qubaan lakkaahamu dha, isaanuu somale keessa jiru jettee yeroo ololaa baate irraa kaastee haga ammaatti humni akka eebootti ishee sodaachisa jiru yoo jiraate ABO dha.

8. Kanaaf Oromoon dhimma kana akka dhimma haaraatti fudhatee olola wayyaaneen midiyaa ishee irratti ololuuf qophaahaa jirtuf gurra hin kennine walii dhaamuun qabsoo isaa kan qabeenya, lafa, mirgaa hiree murteeffatnaa, mirga dhala namaa fi abbaa biyyummaa isaaf godhu irratti keessaa fi alaan wal jabeessee qabsoo isaa finiinsu waliif dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Map of oromia

Map of oromia