WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Monday, January 16, 2012

Duula Siyaasaa Kaayyoo QBO irratti Banameen Balaa Boru Hordofuuf Maluuf Kan itti Gaafatamu Warruma Duula Kanatti Bobbahe


(Infoo Deeskii ABO irraa)


 
Dhaabni Ginboot 7 jedhamu diina afaaniin akka diinummaatti himatu Wayyaanee gamatti

dhiisee mooraa QBO diiguu irratti xiyyeeffatee jira. Dhaabni kun mooraa QBO keessaa

namoota qubaan lakkaawamoo kan yakka dalaganiif gaafatamoo tahan bobaa jala qabatee

akka meeshaatti dhimma bahuudhaan, guddina ABO ittiin xiqqeessuu fi kaayyoo ABO

ittiin karaa irraa maqsuuf firoota kaayyoo isaa daboo/guuza waammatee duulatti seenee

jira. Sana biras dabree, mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo bal’aa irra

ejjechuudhaan, maqaa fi kaartaa biyya Oromoo, Oromiyaaf jibba qabu saalfii tokko

malee ifatti ibsachaa jira.



Dhaabni maqaa tokkummaa Itoophiyaatiinin sosso’a jedhu kun miidiyaa harka isaa jiru

ESAT jedhamu irratti, miidiyaalee Afaan Amaaraa dubbatan biroo hunda daboo baafatee,

ABO fi hoggana ABO irratti xiyyeeffachuudhaan, duula ummatoota wal ficcisiisuuf

deemu bal’inaan oofuu filateera. Adda Bilisummaa Oromoo dhugaa fi heerawaa tahe

irraa jibbaa fi sodaa guddaa qabaachuu irraa, namoota qubaan lakkaawamoo kan dhaaba

ABOs tahee kaayyoo QBO walii galaa bakka bu’uu hin dandeenye bobaa jala qabatee

ibiddaan taphachaa jira. Duula diiggaa eegale kana irraa akka of qusatu yeroo adda addaa

hubachiifamu illee gurra ittiin dhagahu hin qabaanne.



Akka duula ololaa G7 geggeessaa jiruutti, Oromoon biyya bal’oo Oromiyaa jedhamtu

qabaachuu fi falmachuun yakka tahee dhihaachaa jira. Kaartaan Oromiyaa kan bal’ina

qubsuma lafa Oromoo agarsiisu humna kana biratti balaa Itoophiyaa diigu jedhamee akka

hamaatti balaaleffatamaa jira. Oromoon mirga hiree murteeffannaa isaa hojii irra oolfatee

fedhu kophaa jiraachuu, fedhus ummatoota ollaa isaa waliin tokkummaa siyaasaa

jaarrachuuf mirgi qabu humna G7 jedhamu kanaan akka yakkaatti fudhatamee bal’inaan

irratti duulamaa jira. Gabaabumatti, dhaabni kun duula diiggaa QBO ABOtiin

hogganamu irratti geggeessaa ture yeroo ammaa gara ummata Oromoo bal’aa

diinomsachuutti ol guddisee jira.



Humni kun mirgoota ummanni Oromoo qabsoo isaa hanga har’aantanaatiin kabajsiifate,

kan sirni Wayyaaneeyyuu hanga tokko amanee fudhachuuf dirqame haqee sirna abbootii

isaa duriitti deebisuuf akka ifaajaa jiru ifaan ifatti lallabataa jira. Yeroo itti ummanni

Oromoo mirgoota harka isaa gahan jabeeffachaa kanneen isa hafan guuttachuuf qabsoo

hadhooftuu geggeessuu itti fufee jiru kanatti, humni maqaa G7 jedhuun of jaare

injifannoo ummatni Oromoo hanga har’aatti argateyyuu of duubatti deebisuuf hawwii

qabu ifatti mul’isaa jira. Oromoon hiree isaa murteeffachuun ummatoota Itoophiyaaf

balaa guddaa dha jechuudhaan, ummatoota biyyattii hundumaa Oromoo irratti kakaasuuf

sagalee ol fuudhee lallabaa jira. Oromoon ummatoota Itoophiyaa hunda biratti akka saba

bulguutti akka laalamuu fi irratti duulamuuf waamichi godhamaa jira. Hogguu kun tahu

ummanni Oromoos mirga isaa mulqamuuf dhaadatamaa jiru kana dhabama irraa oolchuuf

jecha tarkaanfii fedhe fudhachuuf dirqamuun waan hin oolle. Wal diddaa kanaan balaa

bor dhalatuu maluuf ammoo kan itti gaafatamu, G7, mediyaa isaa ESAT, miidiyaalee

isaaf daboo bahanii olola farra Oromoo kana oofaa jiranii fi yakkamotoota mooraa QBO

keessaa isaanitti gananii akka meeshaatti tajaajilaa jiran tahuun ifaan ifatti beekamuu

qaba.



Keessumattuu TViin ESAT jedhamu kan akka arraata G7tti tajaajilu, duula farra

Oromummaa oofaa jiruun qooda Radio Mille Collins(RTLM) wajjin wal fakkaatu akka

taphataa jiru yaadachiisuu feena. Raadiyoon Mille Collins jedhamu bara 1994 keessa

balaan Duguuginsa Sanyii Ruwaandaa (The Ruwandan Genocide) akka dhalatuuf sababa

guddaa tahuun isaa ni beekama. Ololoota hahhamoo miidiyaa kana irraan oofamaa turan

tu duguuginsa sanyii suukaneessaa san dhalche. ESATis akka amma Oromoo fi

Oromummaa irratti fuulleffatee tooftaa adda addaatiin duulaa jiru kanaatti, Itoophiyaa

keessatti rakkoon akka kan Ruwaandaa fakkaatu sun akka dhalatuuf bu’uura isaa buusaa

akka jiru ammumaan hubachiifna. Kanneen duulaan G7f daboo kana bahanii afarsaa jiran

illee gaafatama jalaa bahuu hin danda’ani.



Akkuma olitti tuqame, G7 ABO dadhabsiisee sabboonummaa Oromummaa

dhabamsiisuuf hawwii qabu dhugoomfachuuf jecha, miidiyaalee Afaan Amaaraa

dubbatan kan maqaaf walaba jedhaman mara daboo baafachuu irratti argama. Kanneen

sirna duraanii keessatti hiree barnootaa addatti laatameefitti dhimma bahuudhaan

miidiyaalee idil addunyaa kutaa Amaariffaa keessatti mindeeffamuuf carraa argatan

hundi, bakka jiran maratti dhaamsa walii dabarsanii akka itti Oromummaa doomsanii

Itoophiyummaa abbootii isaanii durii bakkatti deebisan irratti wal tumsanii hojjechaa

jiran. Duula farra Oromummaa, farra ABO fi farra mirga ummata Oromoo bal’aa tahe

kana hojii irra oolchuuf jecha, hiree miidiyaa harkaa qaban akka meeshaa guddaatti yoo

dhimma bahan mul’atu. Sagalee yakkamtoota bicuu kan QBO keessaa gananiidhaa gurra

guddisanii, sagalee ABO kan ummata Oromoo bal’aa biratti fudhatama qabuudhaa

ammoo dhoksuuf saalfii tokko malee hojjechaa jiran. Raadiyoolee, TV, marsaalee

interneetaa fi maloota wal qunnamtii leellistoota sirna duriin geggeeffaman hundumaa

irratti duula kana fakkaatu tu qindeeffamee deemaa jira.



Duulli hanga kana itti caphamee geggeeffamaa jiru garuu ummata Oromoo gowwoomsuu

hin dandeenye, hin danda’us. Murni yakkamaan hawwitoota sirna duraaniitiin

dhaadeffamaa jiru ummata Oromoo biyya keessaa fi alaa cufa biratti abaaramaa dha.

Marsaaleen interneetaa, manneen paltalk, raadiyooleen hawaasaa fi maloonni

walqunnamtii Oromoo walaba tahan kamuu murna dantaa Oromoo irra ejjetee Oromoo

irratti duula bane kana afaan tokkoon salphisaa jiran. Hanga ammaatti hawaasa Oromoo

keessaa akka namtokkeettis tahee akka gurmuutti tarkaanfii G7 kana kan deeggare tokko

illee hin galmeeffamne. Kanaafuu duulli diinummaa hogganummaa G7tiin Oromoo irratti

baname maayyiin isaa kufaatii, salphinaa fi gaabbii qofa. Akkuma dhaabni dhihoo kana

akeeke, duula geggeeffamaa jiru kanaan G7 fi tumsitoonni isaa ABO fi ummata Oromoo

moohachuu gonkumaa akka hin dandeenye irra deebinee hubachiifna. Humni sirna

duraanii deebisuu abjootu kun bu’aan duula kana irraa argatu yoo jiraate, akkuma olitti

eerame, balaa sababa duula kanaatiin dhalachuuf deemuuf suduudaan kan itti gaafatamu

tahuu qofa!

Infoo Deeskii ABO

Map of oromia

Map of oromia