Lubbuu Ummatootaatti Qoosuu Dha
Sirni Wayyaanee beela hamaa ummatoota miiliyoonota gaaga’e haaluudhaan ‘hongee malee beelli hin jiru’ jechuun kijiba. Balaa beelaa sababaa hongeetiin dhalachuuf ture irratti dursinee qophii gahaa waan gooneef lammiin tokko illee beelaan hin miidhamne jechuun lubbuu ummata miiliyoonotaatti qoose. Fiilmii dokmantarii kan haqa irraa fagoo tahe qindeessee miidiyaalee isaa irratti dhiheessuun sirna gaafatamni itti hin dhagahamne tahuu isaa dabalee mirkaneeffate. Balaa hongee fi beelaa dhalate kanaan akka malee kan miidhaman lammiilee Oromoo Kibba Oromiyaa tahuun beekamaa dha. Fiilmiin Wayyaaneen eega lafti itti guyya’ee booda miidiyaatti baafatee garsiifatus miidhaa guddaa jiraattota Oromoo naannoo kanaa mudate haguuguuf yoo tahe malee miidhama ummataa amananii fudhachuun fala barbaachisu faluuf kan qophaawe miti.
BBC qofas osoo hin taane miidiyaaleen akka VOAs, balaan beelaa keessumattuu Kibba Oromiyaatti dhalate, hangam akka ulfaataa tahe, balaa kanaanis lubbuun namootaa fi beeyladaa akka gaaga’ame saaxilanii jiru. Hagabaasaan VOA Sagantaa Amaariffaa Heenook Sammaagzeer torbaanota lama caalaaf naannoo Kibba Oromiyaa keessa sosso’ee gabaasaan dhiheessaa ture balaa ulfaataa sirnichi dhoksuu barbaadu BBCtti aanee kan saaxile ture. Akka gabaasaa kanaatti Kibba Oromiyaa keessatti hongee dhalateen lammiilee fi beeyladdan isaanii akka malee hubamuu tu saaxilame. Mootummaan Wayyaanee garuu hongee tu dhalate malee beelli hin jiru jedha waan taheef gabaasaan kun isa wareersuun hin hafne. Akka gabaasaa VOA kanatti omisha isaaniitiin kan beekaman loon Booranaa keessaa harka 70 ol kan tahan balaa hongee hamaa kanaan du’uu isaanii tu mirkanaawe. Kibba Oromiyaa, Boorana keessatti ilmaan namaa beelaan hubaman waan afaanitti qabatan dhabanii baala boqqolloo hongeedhaan goggoge beeyalada wajjin wal saamaa yoo nyaatan VOAn ragaa viidiyoodhaan deeggarameen saaxile. Sirni Wayyaanee garuu balaa beelaa suukaneessaa hangana ulfaatu dhoksuu barbaada ture.
Beelas tahee hongeen Itoophiyaa har’a addunyaan irraa dubbataa jirtu balaa uumamaa qofa akka hin tahin jala muranii ifsuu barbaachisa. Balaan kun balaa namtolchee ti yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin tahu. Jecha kanaaf fakkeenya gabaabaa tokko lafa kaayuun ni danda’ama. Sirnoota lamaan dabran keessa beelli deddeebi’ee Itoophiyaa keessatti mul’achaa ture naannoolee har’a balaan hongee fi beelaa irraa dubbatamaa jiru irraa fagoo ture. Akka fakkeenyaatti kaa’uuf, sirnoota dabran lamaan keessatti bakkoota balaa hongee fi beela hamaan dhawaman keessaa Tigraay toora duraa irra turte. Har’a garuu sun seenaa ta’ee dabree jira. Tigraay keessatti har’a waa’een hongee fi beelaa akka seenaatti dubbatama. Sababni isaas, Tigraay har’a mootummaa misoomaa fi badhaadhina isiif dhaabbate qabdi. Kana jechuun Tigiraay maaliif har’a beelaa fi hongee irraa baraaramte jedhanii qurramuuf akka hin tahin jala muruu feesisa. Ummatni Tigiraay kan sirnoota dabran keessatti beelaa fi hongee hamaadhaan dhawame har’a balaa kana jalaa dandamachuun oduu gammachiisaa dha. Dhalli namaa kamuu biyya lafaa irratti balaa suukaneessaa kana akka mudatu kan arguu hawwu hin jiru.
Haa ta’u malee hojii lubbuu oolchuu irra darbee misooma dinqisiisaa jedhame kana naannoo tokkoof qofa qoodanii kaan immo tahe jedhanii beelessuu fi beelas meesha sanyi-ballessaaf itti fayyadamamuu dha kan nama wal gaafachiisu. Mootummaan har’a aangoo siyaasaa Itoophiyaa dhunfatee jiru lafa dhaloota isaa kan taate Tigiraayiif mararfannoo addaa qabaachuun isaa nama hin ajaa’ibu. Wanni nama ajaa’ibuu fi gaddisiisu yoo jiraate, sirni kun naannoolee dur jiidhinaa fi xaahummaa isaaniitiin beekaman har’a lafa beelaa fi hongee hamaatti jijjiiruu isaa ti. Akka fakkeenyaatti godinaan Arsii baroota dabran mara hunda keessatti akka tayee daabboo (bread basket)tti laalamti ture. Dachii Arsii jiituu fi gabbattuu irraa midhaan qotamu ummatoota Itoophiyaa mara sooree akka irraa hafuu danda’u bal’inaan irraa dubbatamaa ture. Har’a garuu dachii badhaatuu tana fakkaattu fa’a tu beela’e.
Lafootni har’a balaa beelaa fi hongee hamaan dhawamuun isaanii qorannoo walabaan mirkanaawe Arsii qofas miti. Onootni Harargee Dhihaa fi Harargee bahaa baay’eenis balaa kanaan dhawamoo dha. Akka fakkeenyaatti Onni Fadiis dur fakkeenya dachii quufaa ture. Akka makmaaksaatti illee ‘Rabbi duubaan Fadiisi’ jedhama ture. Har’a bara Wayyaanee kanatti garuu ummata Oromoo lafa badhaatuu akkasii fa’a irra ture tu hongee fi beelaan dhawamee gargaarsa harka alagaa kadhachuutti jira. Sababni isaas Oromiyaa tu akka Tigraayitti mootummaa isiif quuqamu hin qabdu. Balaan hongee fi beelaa Oromiyaa keessatti miliyoonota gaaga’aa jiru balaa namtolchee ti malee kan uumamaa miti. Yoo kan uumamaa tahe balaa hamaa kan dur irraa qabee gama Kaabaa ture sanis irra aanuun hin danda’mu ture. Bakki dur hongeedhaan beekamu har’a badhaadhee bakki dur badhaadha ture har’a hongaawuun seera uumamaa osoo hin taane gochaa hammeenya ilma namaa ti. Mootummaan har’a Itoophiyaa bulchaan jira ofiin jedhu mootummaa naannoolee biyyattii hundumaa ija tokkoon hin laalle tahuu isaaf fakkeenyonni kaabaa kibbatti wal bira qabnee eerre kun ragaalee quufsoo dha.
Kun immoo gurmuu, kutannoo fi warraaqsa ummata Oromoo fi ummatoota madaa wal fakkaataa qabaniin mirkanaawa.
Haqni ni injifata!