WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Tuesday, October 27, 2009

Ibsa GABUO

Onkololeessa 25, 2009

Dhiheenya kana maqaa damee fi birkii Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaatin “tokkummaa jaarmayoota Oromoo walaba ta’anii uumna” jechuudhan boobbaan godhamaa jiraachu isaa hubannee jirra. Boobbaa godhamu kana keessatti dhugaa dabe sirreesuf ibsi kuni barbaachisaa ta’e argamee jira.

Labsi Onkololeessa 19, 2009 qaama jarmayaa keenya ta’e Damee Toroonto irra darbe akka mirkaneessutti, namtokkeen dhaaba keessaa miseensummaan isaa rarraafametu bakka bu’aa murna GABUO ta’ee if dhiheese.

Namni kunis Obbo Ibsaa Nagawo ta’un isaa tuqamee jira. Gazexxesitooni raadiyoo Sagalee Adda Bilisumma Oromiyaa (SABO) nama kanaaf gaafii gochaafii turanis akkuma inni if dhiheessetti gammachuudhan simachuudhan alatti eenyummaa murna inni bakkan bu’a jedhu san dhaggeefatoota isaanitiif faaran hinibsine. Darbees, hooggana GABUO kan waan jarmayaa irra haasawuuf seera fi heeran mirga itti qabu qajeelchanii osoo beekanu, galii akeeka gaafi fi deebii isaanii guuttachuuf qofaa qormaata malee dimshaashumatti hoganummaa Obbo Ibsaan murna inni baanu irratti qabu fudhachuun isaanii haalan gazexxeesummaa isaanii gaafii keessa galcha jenna.

Gazexxeesitooni SABO, kara fuulduraa badii kana fakkaatu irraa if tiksuudhaf nam-tokkee dharaan maqaa GABUO dhahatee itti dhihaatu hunda osoo bakka bu’aa jaarmayaa ta’u isaa hinmirkaneefatin sagantaa raadiyoo isaanii irratti akka hinafeerre akkeekkachiifna. Badii akkana irra akka if qophanis ni abdana.

Armaa olitti akka tuqametti, akeekni ibsa kanaa, daba godhame kana sirreesudhaan dhugaa jirtu saba keenya hubachiisudhaf. Duraan dursee, GABUOn jarmayaa hookin garee tokkummaa uumuf murteeffatanii ammaan tana irratti hojjachaa jiran waliin hinjiru. Caalattuu ibsuudhaf, tokkummaa murna ABO-jijjiiramaatin si’ana qindaawa jiru keessa GABUOn qooda hirmaannaa hinqabu.

Jaarmayaan hookin murnii Oromoo kamuu waltti dhufee akeekka waliin hirmaatu irratti tokkummaa uumun waan eebbifamaadha. Walitti dhuufiinsa humnoota Oromoo irraa kan rifatu warren diina qabsoo bilisummaa Oromiyaa ta’an qofaa dha jenna. Tokkumman qabsaawotaa galii qabsoo bilisummaa Oromiyaatif murteessadha jedhee akka akeeka ol’aanatti dhaabni dureedhan sosso’u, GABUOn, tarkkaanfii sirna qabeessa kan gurmuu qabsaawotaa itichuuf fudhatamu mara gammachuudhan simata.

Ammaaf garuu GABUOn “tokkummaa” amma itti carraaqamaa jiru kana irraa waan if qusatuf sababa hedduu qaba. Dimshaashumaati adeemsa tokkummaa mul’atu irraa GABUOn quufa hinqabu. GABUOn akka ilaalcha isaatti akeeka tokkummaan humnoota bilisummaa Oromiyaa irratti bu’uraawu qabu akkasumas adeemsa fi akkaatan itti dhugoomuu danda’u irratti tilmaamsa tokko baasuf qophii dha. Tilmaamsa kanas GABUOn ummata keenya bal’aa waliin dhiheenyatti hirmaachuf waadaa seena.

Tokkummaan Humna!!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!!!
KHG-GABUO

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia