WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Friday, October 23, 2009

Labsa GABUO Damee Toronto

Onkololeessa 19, 2009


Dhimmi labsa kanaa waayee namni Ibsaa Nagawo jedhamu gaaffi fi deebii (interview) Radiyoo Sagalee Adda Bilisummaa Oromootiin (SABO) kurfaawee guyyaa gaafa Onkololeessa 18, 2009 dhihaate irratti haala itti if dhiheesse kan ilaalu.


Obboo Ibsaa Nagawo yeroo tokkotti miseensa Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO) Damee Toroonto ta’uun isaa waan haalamuu mitti. Haa ta’u malee, heera fi seera GABUOtiin alatti haala naamusa dhabaafi sirna dhablummaan guutameen damee Toroonto, darbees guutuu dhaaba keessatti jeeqama uumuf waan tattaafii godheef, GABUOn tarkaanfii miseensummaa isaa rarraasu fudhatee jaramayaa keessaa erga qophame ture jira.


Haala kanaan GABUO irraa rarraafamee osoo jiruu, raadiyoo SABO irratti gadi bahee akka waan GABUO keessatti itti gaafatamummaa qabuutti if dhiheesee jira. ”Bakka bu’aa murna GABUO koree biyyaa keessa fi Damee Toroonto” jedhee if moggaasudhaan dhihaate jira.


Nuti miseensoonni GABUO-Damee Toroonto kan sirnaan GABUO waliin hidhannoo qabaachudhaan hojjachaa jirru yeroo ammaatti Obboo Ibsaan miseensa keenya akka hintaane akka hubatamu; darbees itti gaafatama inni baanu kana irraa waan beeknu akka hinjjirre namootni oddeefanoo radiyoo Sagalee Adda Bilisummaa Oromoo kana hordofaa turtan martinuu akka nuuf hubattan jenna.


Tokkummaan Humna!!!
Oromiyaan ni Bilisoomti

Miseensota GABUO Damee Toroonto

Wednesday, October 21, 2009

Ibsa WBO ZK Keessaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa seenaa keessa dabree as gahee dheeraa fi bal’aa akka qabu hubatamaa dha. Bu’ureeffamuu zooni kanaa bara 1993 irraa kaasee haga har’aatti danqaa fi gufuu hedduun kan isa muudate yeroo tahu humnoti adda addaa dhuunfachuuf marraa baayyee hawwatanii, diinni WBO zoonichaa dhabamsiisuuf humna biyya ollaa of gargaarsisee duula bal’aa itti banee akka ture yaadanno kaleessaa ti. Deemsaa fi tahinsoti zoonii kana keessatti mul’atanii fi tahaa jiran akka seenaan galmeessu shakkiin hin jiru.

WBO Zoonii Kibbaa keessaa kanneen ibsa Onkolooleessa 12, 2009 baasan deemsa jajjabeefamuu qabuu dha. Adeemsi kun kan suduudan ykn karaa sirriitti qiyaafate tahuus galii isaa rukutuu kan dendeyu tartiiba sirnaa hordofuudhaan kan hojjatamu akka tahetti amanama. Kanas ABO waliin irratti hojjatuuf qophii tahuu ibsina.

ABOn yeroo adda addatti murnoota dhaaba irraa bahan wajjin araarri bu’ee ABO dhiinsuun, humneessuuf, gurmuu qabsaawotaa walitti deebisuuf, yaada araaraa maanguddotii fi bu’ureessittooti dhaabaa dhiheessan gammachuun fudhatee, koree itti utubee akka milkaawuuf tattaafataa jira. WBO ZK keessaa ibsa isaa keessatti yaada araaraa kana fudhachuu fi deggeruu isaa labsuun yaada deggeramaa dha.

Deemsi WBO ZK keessaa amma agarsiisaa jiru kan deggeramu tahuus asumatti kan dhaabbatu osoo hin taane rakkinni dhalate furamee akka sirnatti deebi’amu akka hojjatan abdii keenya.
Dhumarratti, murnoota maqaa ABO himatan hundaa fi ABO giddutti araarri akka bu’uuf yaaliin maanguddotii fi bu’ureessitooti dhaabaa jalbqaban milkaawee akka galii isaa gahu godhuu irratti ABO waan danda’u hundaa akka hojjatu beeksifna. Deemsi araaraa jalqabe kun akka bakka gahuuf miseensi, waraanni, deggeraa fi ummatni Oromoo bal’aan akka karaa hundaan bira dhaabbattan waamicha keenya dabarsina.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Adda Bilisummaa Oromoo
ShG GS ABO
Onkoloolessa 20, 2209

Map of oromia

Map of oromia