WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Thursday, July 02, 2009

Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu – Abjuu kutaa lammaffaa

Barruu obbo Roobaa burltum tan jatte jattee fi abjuun guutamte ilaalchisee mata duraa armaan olii kanaan waa jachuun kiyya ni yaadatama. Ammas, barruu akka deebisatti barreefamte tana ilaaleen hammam takka namni qilleensa irra fiigaa jiruu fi dachii dhuma nuti ykn illmaan namaa irra jiraatan kana irraa jiraataa fagoo tahe argee. Ammas hirriiba abjuun guuttamte tanarraa isa dammaqsuu fi dachuma tana irratti yaadaanille taatu isa deebisuuf qalama kiyya as fudhachuuf dirqame.

Jalqaba xalayaa isaa irratti maqaa himachuu diddaa ijoolee ilaalchisee waa jachuus kan barbaade fakkaata. Dubbiin akkuma abjuu taatetti ifa tahuu baatulle akka dafee dammaquuf mee anummaan xumuraaf. Obbaleessoo, maqaa himuu yoo taate deebisaan atiis durumaanu maqaa keetiin barreessutu sirra ture. Yoo maqaa Qalamaan barreessuu filatte fi akka feetetti nama yakku barbaadde ammo kaan maaliif maqaa isaa hin barreessiin jachuu hin dandeessu. Jaldeessi dhallaa ofii hin argu akkuma ja’amu san dubbii nurraa hin godhin. Erga tan ijjoollee kaafteefu ati himachuu baattuus barruu keetirraa guutumatti wanni jachuu barbaadde ifa. Kanaafuu, ati keessa hin jiru yoo jattees akkuma mamaaksa Oromoo tokkotti :”Ijoolleen waan dheengiyyan bulgaati” ja’ama sana taati jachuu dha. Kanaas waanuma ijoolle tuquu keetiifan erga saniin jalqabde ja’ee tuqe.

Gara hundee dubbitti yoo deebine obbaleesso fakkeefadhu. Yoo keessa jiraachuu baatte nama, Oromoo addaan diiguuf warra abjaawu irraa oduu funaanee tuma gadi dhiisu tahuu keeti jachuu dha. Yoo kun tahuu baate ammo, nama diinaa kan Oromoo keessa oduu diinaa facaasu tahuu keeti jachuu dha. Karaa biraaniis, akkama baratetti imimmaan harraageessaa booyuuf nama alaa waa of fakkeessuu yaaluu dha.An garuu akka dhibbaa dhibbatti miccirama taate barruu keetirraa hubadha. Namoonni biroos akka akkasumatti hubatan ni mana. Eegaa kana filmaata sumaaf dhiisa. Qabxii irratti garuu. Si hidhachiisa suuta ykn sirriti dubbisi. Daftee drama fuula (capter) kana irraa akka hin damyne. Yeroo tokko tokko wanni baaraysee nama kaasulleen waan jiruuf ja’e.

Xalayaa barreefamte ilaalchisee Obbo Odaa fi kanneen ati maqaa xureessuuf yaalte abjuu keetiif ykn warra si fakkaataniif deebisaa deebisuun kan irra jiru natti hin fakkaatu – barbaadan garuu mirga isaaniiti. Haatahu malee, namni nama yakke tokko yakka isaa mirkaneessu (prove) gochuun dirqama isaati. Kana faranjiin “Inocent till proven guilty” jattiin. Kana jachuun, kan yakkeetu prove gochuu qaba. An gama kiyyaan Obbo Genati ati xalayaan bira jirtu jattu sana dubbisee hammam takka akka doofaa taatetti koflaa turre – waan hin jirre jachuu dha.
Kan biraa akka lammiiwwan biro dhaaba kana keessaa itti qulqulleesan irratti obbo odaan marihatuun isaa dhugaa yeroo dheeraaf adunyaan hundi haasawaa ture jatte. Abjuu kee keessatti adunyaa hunda gartee? Gama kiyyaan namoota hamma mana movie itti ilaalanu tokko keessa jiran waliin abjuu kana kan ilaalte natty hin fakkaatu. . Kana malees, erga adunyaan hundi waan kana dubbate mee raga isaa as baasi. Moo si duraa wal dhawe. Kanneen akkasitti marihachaa turen si dabalatee ABO keessaa bahani jiru. Waan qabatamaa dhabnaan amma xalayaa tee duraani irratti xalayaa waliif barreessan jatte, amma ammo bara dheeraa hasawame jatta. Dhiiroo kiniina kee liqimsitee arra? Moo human ol kaasisuu si barbaachisa? Gadaan Gadaa jijjiiramaati fi dhaadannoon adda addaa, sanuu waanuma radio fi kana kanarraa dhageessan fuutani itti fiigaa turtan gaaza (shidaa) fixate jannaan kanatti deebitan – miskiin.

Kan biraa erga nama jatte jattee ganda keessaan deemtuu fi hedduu abjuun cinqitu taateefu – Waldhibdeen Obboo A/Caalaa fi obbo Dawud jidduu jiru bara deehraaf si cinqaa jira jachuu dha. KKKKK maali haasaan bacancaraan akkanaa? Mee waan kana karaa lamaan haa ilaallu: Tokkoffaa, yoo jarri kun wal lolani araarri jidduu bu’e arrabaa fi ilkeenu wal dhabaa ati rakkoon kee maali? Silaa jiraateefu jachumaaf. Inumaahu wal dhabii isaan jiddu jiru furachuu dandayuun waan eebbifamu qabu. Kan lammafaa jarri lachuu dhaaba heeraa fi seera qabu keessa jiru. Dhaaba keessatti kan madheen waan biro godhan tahe heeraatu iisaan gaafata. Kana wanni si dhibee fi si galchu hin jiru. Miseensonni ABO toftaa dulloomtuu fi diinni itti dhimma bahuu dadhabeen hin sobaman. Hamma ammaa beeku baachuu keetiif hedduun gadda. Asirratti beeki akkuma nama sammuu kee bane ilaalaa jirutti wanni ati abjaawaa jirtu natti mullachaa jira. Dhugumatti, nama yakkullee fakkeefachu hin beeyne. Karaa biraan ammoo qabxiin Jijiiramni kanatti maaliif yakkama kan jatte waliin qabsiisa. Asmaraa namni USA irraa deemee wal araarsee kan jatte fakkaata. Kana abbaa akkasitti araarse san yeroo dhiheesitetti ykn maqaa nuuf himte itti deebina. Hundaafuu, kun hamma tokko warra jijjiiramaan hafarfamee waan kufe tahuu isaa namuu ni beeka. Kana malees ofiifu otuu akkasitti nama yakkaa jirtanu wal gurrattani baatan. Kun gaa akka siis dabalatu numa beeyta.. Kan isaan US irraa dhaqee araarse kun kanneen dhaaba keessaa bahan maaliif hin araarsin? Kkkk.

Qabxiin as keessatti tuqamu qabdu takka ani nama jijjiiramaaf dhaabbatu akka hin tahiin, dubatuufiis akka hin barbaanne fi siyaasaa Oromoo keessatti ilaalcha bilisa mataa keeti akka qabdutti barreesite. Obbaleessoo, namni ilaalcha bilisa qabu tokko waan hin jirre walitti suphuuf hin yaalu. Ilaalcha bilisa namni qabu tokko qormaata irratti waan hundaawe barreessa. Ilaalcha bilisa namni qabu tokko nama yakkee waan qabatamaa yeroo dhabu kanneen yakkeen isinummaanof prove godhaa hin ja’u. Namni ilaalchaan bilisa tahe tokko yaada madaalawaa fi ilaalcha madaalawaa tahe tokko dhiheessa. Silaa siif tarrisa garuu yeroo hin qabuuf. Garuu adeemsu barruu kanaa keessatti bakkoota akka akkas hin taane garsiisu siif akeeku yaala. Hundaafu, nama multiple personality qabdu waan taateef kan siif galu natti hin fakkaatu.
Hayyee, deebisaa jatte erga jalqabdeen booda fuuluma duraa irratti murni shanee jatte akkumaan si qaabachiisa ja’etti akka nama sammuu bilisa taheen hin jaanne tahuu kee garsiisu keessaa tokko kana – mee kanaa ilaalcha bilisaan qaba kan jatte? .

Dura qabxii A jalatti waan barreesite haa ilaallu. Xinxalli kee ykn hubannaan kee kun guutumatti waanuma duraan barreesite irraa addaa miti. Haala bara 1991 sana tahee fi kan sanboodaas tahe ati amma yoo hirriiba irraa kaatee ykn bayyanatte siti mul’ate malee gariin akka dogoggora tahee dhaabichinu fudhatee jira. Kan Asmaraa ammoo haalaa fi akkaataa itti tahe qaba. ABOn biyya tahe ykn abbaan fedhee gargaarsaaf yoo harka baneef fudhachuu fi dhiisuun kan isaati. Warri amma ati faarsitu kuniis achuma turanii fi ammallee dura deemaan keessan achumaa dura deemaa jira. Kanneen jala deemaa jiran karaa itti deemu waan hin beeyne tahuu isaa rganii jalaa faca’aa jiru malee.

Kanneen qabsoo irratti wareegaman ammoo duraanuu beekani waan itti seenani dha. Qabsoo keessatti kufuu fi ka’uun hiree dha. Lola tokko seenani kan madaawu kan wareegamuu fi kan ammoo nagaan mooratti deebi’u tu jira. Eegaa kan nagaan mooratti deebi’een atiis maaliif rasaasni sirratti hin bu’in jachuun hin dandayamu. Lolli Beydawaa akkaataa itti tahe qaba. Hamman ani xalayaa tana osoon hin barreessin namoota yeroo sana naannoo sana turan (yoo barbaadde akkuma jattetti sammuu walaba tahe qabaatte atuu qorachuu ni dandeessa) hubadhetti, kan hogganni yeroo sanitti mooraa sana ajaju abbaa waraanaa dabalate aangoo irraa bu’aniif kanumaafi.

As irratti bakka heddutti kan utaaltu fakkaata. Mee dhugumatti saahibban kee yoo obbaleessas warra micciramaa keessaa qabaate (akka keessa hin jiru jattutti – kk) gaafadhu. Kanneen ZKB facaasani deeman keessa kan amma Nirobi taa’ee abbaa waraanaa warra micciramaa jattaninillee yoo tahe jachu maafi. Oduun ati ganna tokkoof haasawama jattu kun ganna shanee ariine ittiin jattani labsitan haasawaa jirtaa? Kan yoo tahees eenyuutu hafarsaa ture? Kan gaafa 1991 tahe gaafuma sanuu xumuramee seenaan galmeesite jirti. Kan balleesse fi kan hin balleessin fuuldura seenaan itti gaafachuuf teessi. Kanaafi waan dubbachaa jirruu fi kana wanni walitti laayxuuf hin jiru. Kana duraanuu lalabdani nama isinirra fudhatu dhabdanii jiru. Kanaaf ammas diinatti bobahuu dhiiftani (sanuu yoo dandeeti itti qabaattan) oloola ganda keessaa umtanii hafarsitu. Warra isin jalatti afanfaajawee akka nama waa beeku of gochuuf qicaan isin dabarsitanu waan diinaa osoo hin tahiin olooluma Shaneen asiin baate achiin baate akka tahe namuu ni beeka.

Kan WBO dhihaas haalaa fi akkaataa qaba. Yoo keessa jiraatte hadhaa sana dhamdhamtee jiraate nuuf himuu ni dandeessa. Haalli waraanaa fi akkaatan kufaa ka’iinsaa waan ati biyya alaa kanaa hafarsituu miti. Kan biyya Somaliyaa irraa bahuus akkaataa qaba. Kan nama dhibuu fi kan ati hin tuqin tokko garuu warruma amma isan qaama ol’aanoo jattan keessaa abbaa waraanaa tahee waraana hamma tokko daangaan gahuun yeroo dhukaasni banamu dhiise Somalitti deebi’e. Amma biyya alaa irraa warra isin hogganu keessaa tokko. KKKKKKKK. Hundaafuu, warri ati amma yakkitu kun hanga hafee dirretti galchuu fi baraaruu warra dandeesise. Beeytaa wanni kun silaa Draamaa Abjuu keessanii fuula tokkoffaa irratti waan himamu irra ture. Amma fuula lammafaa irratti fiddee waliin laayxe malee. Dhiifama, moo fuulli duraa kan maqaa xurreessii fi gaaffii hogganoonni keessan Nirobi irraa isin gaafatan xiyyeefannaa isaa (attention isaa) gara birootti maysuu ture.

Kanneen akka obbo Dadafaa faa, osoo waraanatti deemanu kan Somali bazuqaadhaan dhooytte ummatuma isaani waliin wareegame. Mee amma warra Qabsoo bilisummaa irratti wareegaman (gatii ol’aanaa kafalan) akka maletti seenaa isaanii tolchuu fi xureessuuf maa tattaafattu. Jarreen kun warra seenaan faarsuu qabu malee, warra erga lubbuu isaani qaali qabsoo tanaaf kennan boodallee warri akka keesani dhoqee keessa ganagalchuu miti kana beeki. Seenaa hin jirreehu barreefachuuf tattaafachaa jiru. Kanneen University ammo waanuma beeytuu hin jiru. ABOn ammas kumaan qabsootti hirmaachisaa jira. Isaan keessaa kanneen sadarkaa hoggantti kufaa kufisaniis jiru. Kuniis waanuma haasawamaa turee fi jatte jatte jachuun akka irra dabruu barbaaddu ifa. Garuu, jatte jattteen ati qabsaawoota Oromoo maqaa xurreessuuf Wayyaanee dabalate dhimma itti bahaa turtee fi jirtutti dhimma bahaa jirtu kun hammam takka akka murni kee kun diinumatti ciilleefate garsiisa. Wanni beekuun sirra jiru tokko garuu – booyaa oolta malee hin milkooftu. Hoganoota dhaaba kanaa keessaa kanneen kufaa fi kufisaa jiran akka jiran dhiheenyuma kanaahu maqaa akka Obboo Legasaa Waagii faa kan dhageesse natty fakkaata. Dhiifama niin irraanfadhe – isallee isin shaneetu ajjeesse jachaa turtanii mioti – kkkkkkkk. Warra kijiba, haafuura jaallumaa balleessuu fi ummata gandaa fi lagan addaan qoqooduun fedhii keessan guuttachuuf deemtan tahuu erga isinitti dammaqame turee jira.

Amma wanni isin maraachaa jiru fi dawaan isin fudhachaa jirtan humni (doze) isaa isinirraa xiqaachaa jiraachu isaa garsiisaa jirtu. Shaneen isin dhabamsiifne jattan daran sosoohaa jiraachuu, iccitiin isin dhaaba keessaa duraan guurtani diinatti kennitan dhabamuu isaa fi qabsaawoonni isin keessaan diiguuf yaaddan baraarani qabsoo isaani finiinsuun diina irratti fulleefachuu isaati. Jatte jattee fi summiin isin mooraa qabsoo keessatti facaaftan hiddaan buqqaafamu isaati.Karaa biroon ammo akkuma Oromoon “kan hanna bare dooluutu sosooha” jattutti haaluma ABO keessatti oofaa turtaniin ofiifuu wal diigaa jiraachuu keessan qabatamaan mul’achaa dhufuu isaati. Akka keetitti kun abjuu osoo hin tahiin akkuma qabatamaan agarutti kanneen isin sobaa turtan dhugaa argaa dhufurraan kan ka’e gaaffii isin gaafatan deebisuu dhaburraan xalayaan isaani internet irratti faca’uu fi isiniis baqatoota warra biyyaa itti bituun qabsiisuu fi hiraarsuu keessani. Kana malees akkuma amma moraa ABO keessa bakka duraan dhiiftan sana jira jattani bajaawaa jirtanitti ofii ammo murna Kamali fi Lichoo jattani dhukkee walitti kaasuu jalqabuu keessani. Kuniis waan chapter/fuula lammaffaa kee keessatti hin barreefamin tahee osoo jiru qabatamaan arginee dha.

Kanneen OPDO keessaa dhufan ilaalchisee, dhugumatti kanneen roorroon ummata isaani itti dhagayame keessaa bahani mooraa qabsotti dabalaman jiraachuun isaani mamii hin qabu. Akkasumatiis kanneen fedhiin adda addaa irraa tuqamnaan bahaniis akka jiran beekuun barbaachisaa dha. Inni guddaan hubatamuu qabu tokkoo fi klan ati haguuguu barbaadde garuu Wayyaanee fi OPDOn akkasumatti huluuyxee galtuu ergachuu akka dandeessuu fi akka ergitees beekuu dha. An kan jachaa jiru kanneen akkasitti dhaaba kanatti dabalamani, osoo oolee hin buliin ergaa Wayyaanee hujjii irra oolchu jalqabanii dha. Kana gaa gara feetetti sharafachuu ni dandeessa. Garuu, karaa adda addaan ilaalamu ni dandaya. Akka keetitti fuuluma ofii itti bajaawuu barbaaddu qofaan kan ilaalamu miti. Dhugaan garuu ni tura malee mul’achuu hin oolu.

Karaa biroon qabxiilee B jalatti “HD ABO kan ture Dawud Ibsaa” jatte – hayyee mee kanaas akka ati jachaa jirtutti nama sammuu bilisaan yaaduu fi hin baabsine akkasumas qaama micciramaa hin taanetti waan garsiisaa akka hin taane waan garsiisaa tahuu kanneen barruma kee keessaa akka qabatamatti akeekaa jirutti dabaladhu. Kana jachuun nama sobdu barbaaddadhu jachuumaaf ja’e. HD ABO kan file GS ti kan buusu dandayus qaamuma kana malee walgahii hawaasa Minneapolis irratii miti. Dhiifama – akka isin jattanitti kora sabaa kkkkkkkkk. Gaafas akka tele conference dhaan Milishaan tokko jachaa turetti waraana harka 100 nuutu harkaa qaba. Waraanni Bahaa, kibba bahaa, kibbaa .. wkf hundi kora godhate ari heedha. Kk –mee tu ree? Warra loluu fi lolchiisuu diddeelleen ja’amee jira. Ajaa’iba, yoo kamala daggala seena ree. An duraan yeroo ji’a jahatti isin bilisoomsina jattani dachii dhiittan, waanuma duruu gaara seene sehe. Obbaleessoo, Oromoo ajeesaa fi ajeesisaa turee amma gaara seene mee yoo waa godhe tarii ummanni dhiifama godhaaf ja’ame kan hawwamee fi nutti himamaa turees achumatti bishaan dhuguu irra taree, moraa qabsoo diiguu irratti bobahe. Yakka yakka irratti hojjate jachu dha.

Kanneen diinaan qabamani ilaalchisee, kanas karaa adda addaan ilaaluun akka dandaymu beekuu akkamitti dadhabde. Dhiifama, as irratiis akkuma ilaalcha kee qofaaf waa tolfachaa jiru niin dagadhe. Garuu akkan ani ilaalutti - kan eenyummaa wallaaltee gadi dhiiftee fi kan isaaniif hojjachuuf walii galee biyya ollatti gadi baasaan addaan baafachu yoo dadhabde dhugumatti ilaalchi kee akka jatetti kan ofirratti hirkatu osoo hin tahiin abjuu dhuma diigumsaa keessatti waan xaxamaa ture dha. Kan nama ajaa’ibu Qilxuu Aadaa hoggana keessan ol’aanaa fi warra micciramummaa fide keessaa tokko tahee osoo jiru amma qabsoo irraa ala tahe jachuu keeti. Dhugumatti wal facaasaa jirtu. Ati akka taphatti kanneen biroo waliin maki malee seenaan isaa kaaniin adda. Kunuu fakkeenya waan amma irratti morkaa jirtuu tokko tahuu dandaya. Kanneen ati maqaa dhooyte kaan osoo ammallee qabsoo irra jiranu, kaan ammo (Qilxuun) ammas isin dhiisee Wayyaanetti galuu isaati. Waan dabaa, mee dura of sirreessaa ykn of qulqulleessa.

Firreen OPDO ilaalchisee ati kitaaba oloolaa ja’iin malee hogganootummaan ol’aanaa keessan xalayaa barreesan irratti jarreen Embassy Ethiopia waliin hariiroo cimaa qaban akka caasaa murna Kamaaliin kophatti jaarame keessa jiran saaxilani jiru. Kan biroos hedduu siif lakkaawu dandaya. Ati garuu waan qabatamaan argaa jirru tokko osoo tahee jiru, asumatti toftaa abjuu fiduun oloola shanee jachuu barbaadde. Ammaaf kanneenuma ati maqaa tuyxe irratti waa ja’e malee barbaachisaa taanaan siif tarrisa. Akka keetitti kijjiba tarrisuu osoo hin tahiin gama kiyyaan namni OPDO keessaa fira qabaateef akkas taha ykn moraa qabsoo basaasa jachutti hin amanu. Kanneen akkasitti qabaatani qabsaawoota amanamoo tahan hedduutu jira. Kanaa fi kanneen gaaffii jala galchuun dandayamu addaan baasani ilaaluun sammuu bilisa ati jattu san gaafata. Garuu maal godhu jachuma dhageesse dhimma itti baate malee irraa fagoo jirta.

Kan biraa manni hidhaa TPLF oromoon guuttame akka jiru beekkamaa dha. Garuu isaan keessaa meeqaatu akka ABO hulluuqee seenuu fi isaaniif hojjatu taasifameen gaaffii ani kaase. Ati garuu seenaa warri mirga dhala namaaf falmanii fi maybaasiin adda addaa himaa jirtu himuu yaalta. KKKKKKKK – beekkumsi fi dandeettiin isin itti dhaadattan kanumaa?
Qabxii C jalatti wanneen tuyxe ammo, ammas irra deebi’a sirritti dubbisi. Amma abjuu fuula lammafaa kanarraa damaquu waan dhihaatteef jacha si yaadachiisu barbaade. Kanneen eenyummaa isaani hin qoratamin hedduutu jira. Kun tahuu kan dandayeef kanneen keessa jiran gargaarsifatani akka tahe baramee jira. Obbaleessoo akka taskaaratti ulaagaa malee nama heddumeefachuuf kan walitti guuraa ture eenyu? Kanneen walitti guuraman keessaa ammaahu biyyatti galee kan OPDO hojjachaa jiru meeqa? Achi dhaqee deeb’ia ammallee bakkoota tokko tokkotti bakka bu’aa keessna tahee kan hojjachaa jirulleen akka jiru beekkamaa dha. Nama sobdu barbaadadhu.

Karaa biroon hoggana qaroo jatte kan ati haasoftu ammoo yeroo hedduu dhagaye, warruma qaroo ofiin ja’u sana dabalatee jachuu dha. Duuba amma qarummaa isaani maaltu irraa fudhe? Qarummaan isaani gadillee bahani waanuma ABO keessatti itti hin milkaawiin osoo hojjatanu warruma isaaniin sobame jala deemelle addaan facaasuu dha. Murna Kamal fi Murna Lichoo ykn ammoo murna Sisaay Soneessaa jattani addaan wal baasuu fi biyya ambaa keessatti wal adamsuu dha.loltuu dhiiga ilmaan Oromoon hidhachiifamte moral cabsitani ajajoota sobuun ofitti galchitan waan isin taatan argani diinatti galuu malee maaltu tahe.

Qabxii D jalatti waa’ee xalayaa Nirobi tuyxee jirta – maaltu deebisaa kennuuf yeroo hammana sirraa fixe. Hundaafuu ammas humaamiti abshir. Garuu mee yoo damaxee jiraatteef waa si qaabsisa. Dura garuu, yoo barruu kiyya keessaa lakkaawaa jiraateef wanni ati barreesite kun nama sammuu ofiin dubatu ykn bilisa tahe tokko si hin taasisu kuniis raga tokko. Ammas nama sobdu barbaadadhu gadi bahi. Waan itti amante tokkoof falumuun karaa fedheenu waan dansaa dha. Kar tokkoon micciramaaf hin dubadhu sammuu an bilisa jacha, osoo abjuu tokko hin fixatiin kan biraa keessa of galchuu si duraa taate. Hundaafuu, kan nama raaju, as irratti dhibdee miccirama jidduu jiru heeraa fi seeraan fixate jachuu keetii fi dhibdee obbo Dawidi fi obbo A/Caalaa jidduu jira jattee manaamtee uumtee akka murnatti dhiheessuu keeti. Oballeesso dooktara bira dhaqiiti dawaan naaf kennitan kun humni isaa xiqaate itti naaf dabalaa ja’iin.

Kana irra taree gaduma bahee duadhu of hin dhooysini. Waanuma ati jachaa jirtu irraa akka ati of dhiheesitu akka hin taane qabxii qabxiin waanuma ati barreesitu irraa si garsiisaa jira. Dubbii joolleen erga jalqabdeefuu, ammas waa itti siif dabala.Joolleen waa balleessaa anaamiti jattee waakkatu joollee gadhee dha. Kanaafuu, mee heeraa fi seeruma sanuu yoo qabaattan dubbii tana furaa. Kanneen ariine jattanii heeraa fi seera hin qabnee jattaniifiis hin cinqaminaa. Niis hin booyinaa !!!!!!!!. Hamma ammatti garuu kanneen tanaan dura waa isin gaafatanuu hisiisuu fi hiraarsu akka turtanii dha. Kanaaf, mee heeraa fi seeruma sanuu yoo qabaattan dubbii tana furaa. Hamma ammatti garuu kanneen tanaan dura waa isin gaafatanuu hisiisuu fi hiraarsu akka turtanii dha.

Karaa biroon gaaffii isaani oloola jatte bira dabruu barbaadde. Kan tanaanduraas akkasuma jachaa turtan. Mee akkuma jattetti siif sobamne nama yaada bilisa qabuu fi hin baabsine janneetu yoo si fudhanne waa si gaafadhe - mee malirratti dhaabbattee oloola jachuu dandeesse? Ajaa’iba, nama akka keetitti ofumaa ofitti dhukaasaa deemu takkaa hin agarre. Garuu, wanni maayii irratti jatte Draamaa fuula (chapter) kana fixxee kan damyxe tahe yoo kan jatte taate hedduu bareedaa dha. Ilmaan Oromoo wal nyaachuu fi walirratti bobahuun bu’aa qabu hin jiru. Xiiqqatu akka Oromooti diina irratti xiiyyeefachu irratti walii galuu dandayuuf arraarri barbaachisaa dha. Hunoo wanni irratti walii gallu tokko maayyii irratti argame. Hayyee yoo barbaachisaa tahe hamma fuula (chapter) dhufutti mee dawaan siif dhaame saniis human isaa dabaladhu, hirriibaa damaqi.

Hordofaa Dhugaa

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia