WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Tuesday, June 30, 2009

Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi abdii kutannatti yeroo jijjiiramu

Xalayaa koree ol’aanaa jattuun Nirobi irraa barreefamtee dubbisee Diramaa warra Jijjiirama ja’uu jalqaba irraa kaasee hamma ammatti osoon yaadaa jiruu xalayaa Draamaa jattu tana arge. Xalayaa tanas waaniin beeku irratti hundaawee osoon xiinxalee hammam takka, xalayaan “ Draamaa keessa shanee “ jattu tuun akkuma aadeefametti dhugaa jirtuu fi Diraamaa mul’ataa tahe irraa yaada namaa faffcaasuuf akka barreeefamte hubadhee gadde. Gaddi kiyya kun namni ykn murni xalayaa tana barreesse hammam takka sammuu ilmaan Oromoo tuffachaa akka jiru ifatti waan argeef aniis gama kiyyaan waaniin beekuu fi kaniin argaa jiru dubbachuuf qalama kiyya gadi fudhadhe.

Eegaa, yeroo dhuma gabaaduu duratti abalu fannifne abalu ajjeefnee fi abalu ariine jachaa kanneen jijjiirama ofiin ja’an lalabaa turee nu hundi ni yaadanna. Abjuu kana birallee taree ji’oota jaha keessatti Oromoo bilisoomsuu illeen osoo hin hafiin himaamaa ture. Jalqaba iratti WBOn dhibbaa dhibbatti nu harka jira jachuun abjuun adda addaa tarrifamuu isaallee akka arratti argaa turre. Duuba osoo oolee hin buliin kanneen isaan dhabamsiifne, fannifnee fi ajjeefne jachaa turan akka isaan abjaawan akka hin tahiin ifa tahe. Ji’oonni jahan itti bilisoomnuus gannatti jijjiiramee, WBOn dhibbaa dhibbatti dhuunfaa keenya jala jira jachuun Mataa milishaa Wayyaanee duraani kan amma murna micciramee taheen midea, walgahii adda addaa irratti fi karaa tele conference dhaan gurri Oromootaa dude, laftiniis dhiitame waanuma wacaan dhaaba dhiiga ilaan Oromoon as gahe arruma fudhatan itti fakkeesse. Haatahu malee, osoo oolee hin buliin Draamaan isaan wacaan jalqaban dhumni isaa maal tahinna inni ja’u sammuu hedduu keenyaa keessa deemu hin oolle. Akkuma yaadametti garuu barreefama diraamaa kanaa ifatti arguu fi dubbisuu jalqabne..

Kun akkuma nama rifeensa tokkoon nama fannisaa bulee ganama yeroo ka’u humaa of biraa dhabe tahe. Gariin osuma dubbatamaa jiruu waan ifa tahee fi salpahatti mul’atu tahee dhufe. Akkuma amma barruu Roobaa Bultum kanarraa dubbifamaa jiruttis xumurri Draamaa kanaa ABO wacaan fudhachuu fi qabsoo dhiiga ilmaan Oromoo daraaree as gahe kana dhuunfachuuf DRAAMAAn isaani kun mi’eessa adda addaa tiin kan guutame ture. Kana keessaa qabsoon Oromoo hoggana dhabdee warrummaan ofiifuu hoggana turanii moraa qabsoo qancarsuuf karaa adda addaan hojjachaa turani fi dubbiin keessaan tahuufi baannaan gandummaan wal filanii achi bahaniin taphatamu jalqabeen hafarsamu jalqabe.

Dhugaa fakkeesuufiis hogganoota dhaaba ABO birootiin abaluu dadhaboo fi maqaa adda addaa itti kannuun nuutu isin bilisoomsa jachuun kanneen DRAMAA kana taphatan dhaadheefamuu fi dandeetii hin qabne kennuufiin jalqabame. Ammas Oromoon kanneen kana jachaa jirani fi taphatoota draamaa sobaa kana taphachaa jiran xiinxalee salphumatti kanneen WBO facaasani biyya ollatti galan, kanneen dandeetii fi eenyummaan osoo hinbeekkamin sadarkaa ol’aanatti muudaman, kanneen badii adda addaa hojjatanii fi kanneen dandeetii kan biroon yakkan qabaachu isaanii hoggana tahanii hujjiin hin agarsiisiin tahuu bira taree, karaa adda addaan moraa qabsoo bilisummaa Oromoo laamsheessuuf hojjachaa tuan tahuun isaa waan beekkamaa tureef barruu diraamaa isaani kana fuula fuulaan gargaalchani dubbisuun jalqabame.

Kan nama dhinqu qabsoo ofumaa xaxaa turan kanaaf kenneen qulqullumaan hamma dandayan gumaachaa jiran biroo itiin yakkan keessaa harka ol’aana hin qabne wahitti yeroo dibbee dhawan arguu dha. Kanneen bara baraan dhiibbaa adda addaa gochuu fi gandummaan dhaaba keessatti of ijaarani sochii dhaabichaa sakaalu qofa osoo hin tahiin karaa adda addaan sadarkaa diinatti iccitii dhaabaa baasuun akka karoorri lafa kaayame sakaalamu ykn hujjii irra hin oolle taasisaa turan alaa argaa turee fi amma xalayaa bacancaraa kana dubbiseef Draamaan kam akka tahe hubachuu jalqabe. Gaaffiin namni of gaafachaa ture garuu akkuma of tuulaa turanitti waan isaan qabatamaan garsiisan haa ilaallu kan ja’u ture. Gama kiyyaaniis kana hunda osuma argaa fi dhagayaa jiru akkasumas beeku mee carraa kenninee haa ilaallu , waan hunda hujjitu mul’isa isa ja’u filadhe – dogoggora cimaa.

Wayyaanee fi bitamtoonni OPDO jalaa toftaa adda addaan ergamani kanneen keessaan mooraa qabsoo akka rimatti nyaachaa turan gargaarsifachuun dhaabatti dabalaman jachoota akka “boodeesituu” ja’u kan Dargii, fi Wayyaanee irraa baratan qabsaawoota umrii siaani irra guddeessa falmaa qabsoo irratti dabarsanitti mogaasuun osoo jiruu ammas akkuma tahetti na ukkaamse – kuniis dogoggora ture.

Lakkuma deemaa dhufeen garuu, ABO fi WBO biyya keessaa dhiibame ummata isaaf qabsaawuu hanqisan jachuun yakka tarrifame tokkoos barruu draamaa isaani fuula tokko keessatti argamee. Erga akkas tahe mee isaan hujjiitti hiikuu haa jalqaban jachuun ammas bira tare. Kanneen kana jachaa jiran ammo kanneenuma yeroo adda addatti falmaa irratti kaan yeroo boonbii ofitti hiikee wareega qabsoo Oromoo of godhu harka kennatani, firreen isaani kan OPDO keessa jiraniin gargaaramuun deebi’ani kanneen keessa jiraniin akka haalli sun hin qoratamne ukkaamsuun, dhaaba keessatti waltahiinsa Wayyaanee waliin godhanii biyya alatti baafamuun hujjii diiggatti bobahuus ifa tahee osoo jiruu kanas arguu dadhabuun ykn waanuma carraa ja’u saniin ukkaamfamuun ammas dogoggorri guddaan hojjatame.

Amma garuu draamaan taa’anii tuma ilaalaa oolan xumura argachuu waan qabuuf kanneen ofiifuu hoggana tahani, amma ala bahuun guyya guyyaan haaluma ABO keessatti diiggaa uumaa itti turanitti ammas ofuma keessatti haaluma akkasii ofaa jiraachuun guyya guyyaan ala bahaa jiru kanaaf carraa kennuun sangaa eelmachuuf tattaafatuun tokko tahuu mul’achaa dhufe. Fakkeefachuunilleen waan jiraati, garuu saalfii wanni ja’amu jachoota isaan beekan keessa akka hin jirre ifatti arguun, qabsoon Oromoo tapha ijoollee warra fakkeessuuf ykn taasisuuf carraaqan kana irratti namuu murtii mataa ofii fudhachuu qaba. Eeyye, kun diraamaa diiggaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo waan taheef sabboontoonni hundi murtii fudhachu qabani fi tan yeroon gaafattuu dha.

As irratti qabxiilee xalayaa Roobaa Bultum barreesse irratti gabaabumatti waajachuu barbaada. Kuniis “Kanneen dhaaba keessatti hubatnoota siyaasaa addunyaa, naannoo fi ogummaa lolaa qaban dhaaba kana jijjiiruu danda'anii fi Oromoonis jala deemuu danda'u maqaa xureessuutti gadi jedhan.” Isa ja’u. Waan qabxii armaan olii kana keessatti tuqame sirrumatti yoo ilaallee Jacha, kanneenuma ogummaa fi dandeetii isaani ofiifuu nu hin garsiisiin irraa madduu isaa ti. Kana malees kannee OPDO irraa dhufani qabsoo kanatti dabalaman akka yaadametti dandeetii fi ogummaa kan qaban osoo hin tahiin kophee wayyaanee dhiquu fi dhiiga ilmaan Oromoo gadi naquun sadarkaa sana gahan malee doofoota, waanuma dubbatanuu fi hojjatan hin beeyne tahuu isaa waan hujjii fi haala qabatamaa taheen mul’achaa jiruu dha.

Kana biraas taree of duuba deebi’iin yeroo ilaalan dhaab ABO keessatti dabalamuu isaanii irraa jalaqbee waanuma lafa jaltti bukeefamaa turetti dhufuun gandummaa leellisuu qabsaawoota wal shakkisiisu iccitii dhaabaa qisaasuu malee wanni isaan agarsiisan hin jiru. Kana anuu ala taa’ee waan arguu dandayu keessaa tokko. Kan nama dhibu kanneen umrii isaani qabsoo kana irratti dabarsuun lolanii lolchiisan akkasumas injifannoolee hin tufatamne Oromoo gonfachiisan arra, kashlabbeen OPDOn alatti barnootaaf ergitee, hiree argachuun dhaaba kana hulluuqanii seenuun sadarkaa ol’aanaa gehani, jara isaan oftuulummaan yakkan kana daran hojjatan jachuun waanuma hin dandayamne tahuu isaati. Akkuma jachaa turetti kuniis abjuu, fi tuffii qabsoo bilisummaa Oromoo irraa kan madde tahuu isaati.

Dhugumatti dandeetiin akkasi yoo jiraate, kanneen waliin hojjachaa jirtan amansiiftani itti dabruun hojjachuu malee, maaltu gandaan dhaaba keessatti of ijaaruu fi wal guurratanii bahuu isin geessise? Dhugumatti ABO diinagdeen sakkaallee, shaneen dhumateef jachuu fi yeroo isinitti damaqamu namoota tokko tokko maqaa dhawuun abalu ganda abaluu irraa nu keessa jira, abalu ganda abaluu keessaa nuun waliin jira jachuun kanneen qubaan lakkooytan tarisuu malee maaltu hojjatame? Mee kanallee bira haatarru.

Hamma tokkoof dhaaboota Oromoo walitti finne erga jijjiiramni dhalate faa jachunieen turee miti ree? Waan ajaa’ibaa, dhaaboonni Oromoo akkamitti akka ULFO jalatti walitti qabaman namuu osoo beekaa jiru, kana faadhaan akka waan waa hojjattani of dhaadheessuun mee tapha joollee fi yaada nama dawaa maraatoof kennamu liqimsu malee eenyurraa eeggama dhiiroo. Akka warruma amma achi bahee jijjiirama ja’u kun ULFO dura dhaabachaa ture anilleen ni beeka. Duuba wanummaan isin jachaa jirtanii fi hojjattan hundi osoo oolee hin buliin akka ifa bahaa Oromoon isinitti kofluu fi taajjabu gochaa jiraachuu isaa namni isinitti himu akkamitti akka dhabame qofaatu deebisaa waan hin arganne tahaa jira.

Kan biraa halkanii guyyaa nuti gandummaa hin qabnu osoo jachaa jiratnu hujjii fi haala qabatamaa taheen garuu/ammo wanni hafarsaa jirtan sanuma tahuu isaati. Mee gabaabumatti barruudhuma ammaan tananaa haa ilaallu: Barruu dhuma taka keessatti “Oromoon akka waliin hin mari'anne gochuuf, Oromoota naannoo bahaa Oromoo Arsii qabsoo isin bara dheeraa irratti dhumaa turtan isin irraa dhunfate, kan dhihaatiin ammoo Oromoon Arsii isin balleessuuf deema jechuun osoo "church" hin hafin qe'ee keessa bobba'anii summii facaasuu fi gandummaan wal gurmeessuu eegalan.” Jatti. Dhiiroo kun akka waan Oromoo ganda tokkotti roorrifame fakkeessuun sobdanii fi sobaa jirtan tahuun isaa yeroo ifa bahetti ammallee wallee dhuma duriin wallisaa jirtu? Kana irratti waan hedduun jachuun ni dandayama. Garuu yeroo biroof haa bulfannu. Waan bulfataniitu yeroo isaa eeggate yoo bahu tola jachumaaf.

Kan hedduu raajji tahee fi akkuma ”kan galaanni fudhate, hoomacha qaqabata” Oromoon jatutti, akkasumas bakka amma dhaabbane irraa qofa kaafnee yoo ilaalle, akka dhaadattani namaa ol of gootanitti hujjii fi dandeetti akkasumas ammoo qaroomina qabsoo dhabuu keessanirraan maqa xureessii eegaluu keessani. Xalayaa Odaan barreesse kan abalu bira gahe gandi abaluu fi gandi abaluu haa wal lolan nuti akkana haa taanu jatti faa jachuu dha. Kuniis gandummaan isin xaxaa turtanii fi ABO keessatti shakkii fi diiggaa uumuuf dhimma itti baatan ammallee kufiiti bira geenyaan jaallan dhaaba isaanitti cichani hafuun gufuulee akka keessani mancaasan dadhabnaan kanaan dhufuu keessani.

Hamman beekutti namooni isin maqaa dhooftan kan akka obbo Odaa faan akka keessanitti reefu dhuftee qabsoo tanaa ykn kanneen dhaaba kana hin beeyne osoo hin tahin kanneen karaa dandayan hundaan of mirkaneessan tahuu bira taree kanneen hulluuyxuu ABO ilmaan Habashatti harka kanachisiisuu fi shiroota adda addaa saaxiluun dura dhhabatan tahuu isaani kan beekkame tahuu isaati.

Mee irra hedduu deebisaa kanaa namoota isin maqaa dhooftaniis asuma jiru isaaniif dhiifna yoo maddaallii isaani guuttaniif. Akka kiyyatti garuu, kanneen isin amma maqaa xureessuuf yaaltanii fi kanneen xurreessuu barbaadaniis waaniin beekuuf jalqabutu mee waanuma biroon kan hamma tokkollee isin tarkaanfachiisu dandayuun koottaa – maaloo. Beekkumsi fi dandeettiin itti ofdhaaddan kanumaa?

Kan biraa amma ammoo gosa irraa gadi deebitani madhee Horroo fi naanno dhuma sanitti bakka biroo tahe dubbachuu jalqabdan. Jarana kun isniifu hin hojjajne. Ofiifuu kanneen sobdan isinitti dammaqani dhukkee walitti kaasaa jirtu. Dheengaduma xalayaa Dura deemaa keessaniif (yoo karuma itti deemu ofiifu beeke) kan brreefame gaddaan dubbise. Ofiifuu wal saaxilaa jirtu. Mooraa qabsoo keessaa garuu dhukkubni bahee naqaa fi tasagabbiin jaalli fi hafurri jaallumaa waaree qabsoon gara fulduratti ilaalaa jirti. Kan nama dhibu hujjiin keessanii fi haasoofni keessan hundi, gandummaa tahuu isaati. Beekkumsi keessanii fi ilaalchi keessanu gandummaa irratti kan hundaawe. Dhiiroo yoomuma gandummaa irraa gara Oromummaatti guddattan.

Ilaalchi armaan olii kun kanneen kanaan dhimma bahani ummata addaan diiguu tattaafatan qofa kan ilaalu malee Oromoota (akka isaan himatanitti ganda isaani) hin ilaalu. Kun jala harriiquudhaan hubatamu akka qabu beeysisa. Kana wanniniin ja’eef ammas deemani akkana naan ja’an ykn haala warruma diigaa kana uume ilaalu irraa maysanii akkana nuun ja’an jachuun booycha isaan namaan soabanitti akka ida’atan waaniin beekuuf ykn draamaa hamma ammaa isaan taphachaa turan irraa ifa waan thaheef qofa.

Kan nama biraa dhugumatti shanees taanaan ariine akkas goone jachaa jirtu, maaluumaaf cinqamtu? Moo dhugumatti ni dhimmitan? Fakkeefadhaa. Kana hunda irra ammoo hujjiin waan jattan garsiisaa irra caalaa. Duraanu qabsaawoota ABO dhukkuba keessan itti dabarsuu dadhabdani keessaa baatani amma ala teessani ni hoojata jattanii yaaduun abjuu keessan isa guddaa taha.

Kan biraa qabsaawoota isin maqaa tuyxan keessattu obbo Odaan nama waan isin ganna tokko keessatti hin hojjanne yeroo gabaa keessatti hojjatu. Nama akka isin jattan osoo hin tahiin waan itti dhagayamuu fi waan itti amanu bakka fedhetti yeroo fedghetti dubbatu. Isan ykn jaallan kaan irratti xiiyyeefachuu itti hin milkooftaqn. Diina irratti hojjadhaa. Isaan kan isiniif yeroo qaban hin fakkaatu.

Ganna meeqa hoggana jattani of yaamaa turtanullee akkaataa hujjiin dhaaba tokko keessatti hojjatumu akkamitti akka hojjatamu beekuu dhabuu keessani.irraan kan ka’e doggora cimaa hojjachuu irra taree abalu asii fudhani abalu achi kaayan jachuunwaan isin hin dhibne laaqachuu tattaafachuu dha. Jarri kaan kaasani kaan achi godhan jattani ofii keessanuma keessatti alanfachaa jirtan. Ibiddi isin sababaa dirqama gara garaa irratti jaallan ramaduu irraa qabate jattani yaaddan waanuma akkumaan duraan ja’etti kiniina mata wareerri osoo hin fudhatin barreefame fakkaata. Hundaafuu, maaltu isin dhibe – isinuu ariine jattani? Dhugumatti dubbiin tun isin yaachiftee? Kkkkkkkkk maali salphinni akkanaa. ABOn yoomiyyuu daran ciminaan kan hojjatu taanaan, iccitiin isin dinatti osoo hin hafin facaasaa turtan kan eeggamu taanaan waanuma jattan ykn waan qabatamaa tahe dhabdane abjaawaa akka jirtan beekkamaa dha. Garuu, mee draamaa abjuuu keessan yoo dhiiftani waanuma fakkaatu abjaawaa.

Gandummaa irra dabree gosummaan isin dhaaba keessatti abaqaaltan dhumateef. Abalu ganda kanaa nuun waliin jira, balu ganda akkanaa keessaa nuun waliin jira jachuun teessani lakkaawadhaa. Oromoon of beeku shira keessaniif kan gowwoomu hin jiru. Kanneen isin akkana nu godhan akkana nu godhan jattani gaqndummaan sobdanilleen isinitti damaqee jira. Kana maleess diigumsi isin ilmaan Oromoo keessatti ammallee uumaa jirtan xalayaa Kenya irraa dhuftuunu saaxilamaa jira. Mee dura ofuma keessan qulqulleessa diina irratti xiiyyeefadhaa. Mana jibbitani keessaa baatan ala teessani waatu hafee jattani him ilaalina. Yoo gaabitan ammkoo hulaan isiniif banaa dha. Kan isin hin beeyne tokko kanneenuama karaa fedheenu Jaallan kun deebi’u qaban ja’ani falmaa jiran tahuu silaa beeytani waanuma silaa fulduraafillee karaa isiniif banu tokko irratti hin xiiyeefattan ture.

Maayyii irratti akka nama nagaa fakkatuus fakkaatu, hayyee naga barbaaduuf ammo waan hinjirre xeenyuun hin tahu. Mee dura dandeetti isin qabdan nu garsiisaa? Hamma ammaa akka garutti hogganoota ABO keessa walguurratani bahan keessaa kaan kolu galtummaa gaafate London jira, kaan dhihoo tana Wayyaneeti harka kennate. Kaan ofiifuu wal dhabee dhukkee walitti kaasaa jira. Dura dadhabina ABO keessatti uumaa turtani alaan bahattan irra aanaa. Kaan itti dhiisaa, abalu akkas tahee ibiddi qabatee fi wkf abjaawu dhiiftani, ibidda isin keessatti qabatee argaa fi dhagyaa jirru dhaamsaa.

Kufanii dhidhiitachuun soloquu malee bu’aa waan hin qabneef, qabsoo namoota maqaa dhawuu hujjii godhachhuu fi dubbii mana bunaa ykn ganda keessaa godhuun sadarkaa keessanitti gadi buuftani hin ilaalinaa. Kun gorsa akka Oromoo tokkotti isiniif kennu. Baatani, jara ariine jattani, humaa hin hojjanne jattani, hin lolan fi wkf. Jattani. Mee kana hunda irra caalaati isin nu bilisoomsaa.!!!!!!!! Akka amma ilaalutti garuu kana irraa fagoo jiraachuu qofa osoo hin tahin yaaduma jalqaba diinaan waa jachuu kan qabdan hin fakkaatu – hujjiin keessan halkanii guyyaa Shanee asiin baate asiin akkas taate dhuma. Halkani guyyaa, ganda kanaa fi kana jachuu qofa. Amma ammo gosaa fi magaalaatillee dabartan. Eegaa, isin tufatani dhiisan malee yoo barbaachisaa tahe karaa barbaachiseen quubsatti deebisaa isiniif kennuuf jaallan isin mqaaa tuyxanu ni dandayu. Garuu akka yeroo kashlabbootaan waliin atakaaroof hin qabne ammo beekkamaa dha. Akka nama gatii qabaatee irraa haasawn wahitti ol hiixachuu dhiisaa – teessan dhumatte. Dawaa/kiniina abjuu irraa ykn wareera irraa isin oolchu yeroon liqimsaa. Silaa tokko tokko yeroo dabarsee gaafa liqimsetti xalayaa akka ammaa kana barreessuun beekkamaa dha. Haatahu malee, nama karaa deemu hundi hoggana ol’aanaa tahe, kan dawaa yeroon liqimsu ykn dawaanu doktoraan hin kennamneef jiraachuun nimal jachumaaf ja’e. Gama kiyyaaniis fulduraaf yeroo akkanumatti dhukkubni isin cinqee waa jattan, yaada kiyya irratti kennadha. Kun ammo yoo dhukkuba dawaan wareeraa huh in dadnayin irratti waa xiqqoo isii dabale dhiifama naaf gootu – kkkkkkkkkkkk. Ammaaf barruun diraamaa isin abjjuun barreesitan hamma tokko ilaalee, mee yoo barbaachisa tahe kan hafe itti deebina.

Hordofaa Dhugaa

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia