WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Thursday, January 27, 2011

Sochii Ergamtoota Diinaa Kaaba Amerikaa fi Biyyoota Alaa Keessatti

Shira kan Hawaasa Oromoon Dhabama!!

“Barruun gabaabaa kun ergamtooti Wayyaanee sochii biyya alaatti taasisan qabatamaan muldhisa”

Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo qabsoo mirga isaa kabajsiifatuuf gaggeessaa jiru irraa
gufachiisuudhaan bittaa sirna gabrummaa isaa hundee jabeeffatuuf yeroo adda addaatti shira xaxaa akka ture beekkamaa dha. Sirnichi QBO   ABOn durfamaa jiru dhabamsiisuuf tahuufii baannaan ammo laaffisuuf adda durummaan kan irratti fuuleffatu hawaasa Oromoo biyyoota ambaa keessa jiruu dha. Akeeka isaa farrummaa kana galiin gahatuudhaafis Ministeera Haajaa Alaa jalatti, Dhimmoota Diyaaspooraa kan jedhuun Damee utubuun maallaqa biyyattii miiliyoonaan itti dhangalaasaa ture; ammas itti jira. Ergama wayyaanee qabsoo Oromoo diiguun Oromoo fi Oromiyaa gabrummaa jalatti hambisuu akeekkate kana fudhatanii raawwataa kan turanii fi jiran ammo lukkeelee sirnichi ramadate
keessattuu OPDOta.

Murni bicuu TPLF ergama isaa kana wayta lukkeeleetti laatus akka hawaasa biyyoota alaa salphaatti
gowwoomsanii fi irraas deeggarsa argataniif jecha maqaa baazaarii misoomaa, ijaarsa bu’uraalee adda addaa fi tinnisa Waldaalee maqaa Oromiyaan dhaabbataniitin akka sossohan golgaa uuma. Kanaaf ammo dabaa-shirri sirnichi maqaa WMO jedhamuun biyyoota alaatti addatti USAtti gaggeessaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Icitiin dhiyeenya kana keessa wayyaanotaatii nu dhaqqabes kan dabaa-shira sirnichi karaa lukkeelee isaa, maqaa Waldaa Misoomaa Oromiyaatin Kaaba-Ameerikaa keessatti hawaasa Oromoo keessatti gaggeessuuf jiru bal’inaan kan saaxile dha. Nutis Sagantaa har’aa keessatti akeeka ergama wayyaanee kanaan duuba jiruu fi namoota hoji-raawwachistummaan akeeka diinaa kana galiin gahuudhaaf sossohaa jiranii raga qabatamaa arganne
irratti hundaa’uun saaxilla.

Ragaan gola wayyaanotaatii nu dhaqqabe kun akka hubachiisutti, mootummaan wayyaanee QBO ABOn durfamu dura dhaabbachuu, diiguu fi dabrees madda galii isaa gogsuuf karaa dhaaba maxxannee isaa taate, OPDOtin, hojjetaa jira. Hojiin shiraa kun jaarmota Oromoo biroo kanneen sirnicha irratti qabsa’anis ni ilaallata. Sirnichi garaaf bultootaa fi lukkeelee ergama diinaa fudhatuun lammii isaaniitti umrii gabrummaa dheeressuu filatan bakka bakkaa walitti qabuudhaan golgaa Waldaa Misooma Oromiyaa-Kaaba Ameerikaa (ODA-NA) jedhuun ergama isaa itti laatee jira. Haaluma
kanaan gareen ergamtoota maallaqa guddaa wayyaanee irraa fudhachuun hojii shiraaf bobbaafamanii maqaanii fi hojiin isaanii kana gaditti ibsamu kunneen akka waan Waldaan ijaaramanii misoomaaf sossohanii fakkaatuun walgahanii ajandaa Wayyaaneen itti laatte akkaataa raawwatan irratti marihatan. Akka raga kanaatti Kutaalee Ameerikaa adda addaa fi Kaanaadaa irraa dabalatee ergamtoonni kan
keessatti argaman Koreen tokko maqaa Waldaa kanaatin kan ijaarame yoo tahu, Muddee 12, 2010 walgahii gaggeeffataniiru. Hirmaattoti dabaa-shira wayyaanee kana qindeessuudhaaf maqaa Boordii kanaatin walgahii karaa telefoonaatin gaggeeffame kanarratti argamanis maqaa, teessoo fi gaafatama isaanii waliin kanneen armaan gadii ti.

1. Nugusee Birraatuu (DC) Dura taa’aa Walchiaa             
2. Abdulwaasii Raabsaa (MN)  I/A D/T
3. Abdurahman Umar (MN)  Barreessaa    
4. Mohammed Jafar(Philade.)  Horii-qabaa               
5. Abbaa Duulaa Muussaa (MN)  I/G Q- ummataa   
6. Feysal Abraahim (DC)  Imbaasii wayyaanee irraa
7. Fiqaaduu Bayyanaa (DC) Imbaasii wayyaanee
8. Hussenur Hassan (DC) Miseensa   
9. Adaaene Bashule (DC)  
10. Muhammad Daawud  fi
11. Najii Ibraahim  (MN)   Miseensota     
12. Muhammad Jaafar (Philiy)  Horii-qabaa 
13. Aman Kadir  (Seatle)  Miseensa  
14. Yassin Yasin (Seatle)  Gargaaraa Barreessaa
15. Daani’eel Yaadataa (Chicago)  fi   
16. Muhammad Ibsaa (Atlanta)  Miseensota.



Kanneen malees, namoonni 6 walgahii Koreen QBO fi hawaasa Oromoo biyyoota ambaa keessatti argaman irratti shiruuf golgaa waldaa misoomaatin wayyaaneen sossoosu Muddee 12, 2010 gaggeessite kanarratti hin argamne. Isaanis:

1. Seyfu Begashaw (Ohio) I/A D/T
2. Darajjee Mul’ataa (S/ Dakota)  Miseensa 
3. Ibsaa (Toroontoo)  I/G Qunnamtii Ummataa
4. Shimelis Hailu  fi Jifar   Miseensota yoo tahan namni 6ffaan maqaa isaa hin ibsamne.


Akeekni ijoon mootummaan wayyaanee karaa OPDOtaa Koree kana maqaa waldaa Misooma Oromiyaatin ijaaree sossoosaa jiruuf hawaasa Oromoo biyya ambaa keessa jiran kanaan qabatee keessa seenuun diiguudhaafi. Kanaan alas olola oofuu fi shira xaxuun ilmaan Oromoo biyyoota ambaa keessa jiran QBO ABOn durfamaa jirtu keessaa akka qooda hin fudhannee fi jala hin hiriirre taasisuu dha ergamni haaraan lukkeelee kanneenitti kenname. Kanaanis madda galii ABO gogsuudhan sochii QBO gufachiisuun ummata Oromoo fi Oromiyaa cunqursaa wayyaanee jalatti hambisuuf diinaaf marxifatanii hojjechaa jiru ergamtoonni olitti ibsaman. Gama kaaniin ammoo, hawaasa Oromoo gowwoomsuudhaan maqaa misoomaatiin maallaqa irraa saamuuf akeekkatan. Ergamni wayyaaneen bifa haaraan lukkeelee maqaa Boordii WMO jedhuun ijaare kanatti kenne, dhaaba kallacha qabsoo Oromoo ABO irratti olola oofuu fi shira xaxuudhan falmaa bilisummaa gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf yaaluu qofaan kan daangahee miti.

Oromoo fi Oromoon akkasumas jaarmayaaleen Siyaasaa Oromoo sirna isaa irratti qabsoo gaggeessaa jiran dabaa-shira inni xaxuun gufatanii akka waldura dhaabbatan gochuu fi diiguu dhas dabalata. Kana malees, karaadhuma koree maqaa waldaatin ergama abaaramaa baattee deemtuu kanaan Oromoon sirna wayyaanee jalatti mirga guutuu qaba jechuun lallabbii dharaa dhageessisuun alagaa biratti jaarmiyaa Oromoo laafisuu kkf keessatti argama. Egaq ergama kana bifa icitaawaa taheen hojiirra oolchuuf lukkeelee armaan olitti maqaan isaanii ibsame dirqamni adda addaa itti kennameera. Gaafatamtoota Koree kanaa ti kan jedhamanii fi hirmaattonni walgahii Muddee 12 bara 2010 sa’aatii 9:00 WB jalqabe kanaa ajaja gooftolii isaanii irratti erga haasa’anii booda ergama diinummaa kana qooddataniiru.


1.     Waldicha galmeessuu fi seera qabeessa fakkeessuuf ID waraqaa TAKSII baasuuf kanneen ramadaman Abdulwaasii Raabsaa fi Abbaaduulaa ti.
2.     Akkaawuntii Baankii akka bananiif Feysal Aliyyii fi Fiqaaduu Bayyanaa.
3.    Chaappaa fi Asxaa Waldaa hojjechiisuuf  Feysal Abraahimii fi Fiqaaduu Bayyanaa.
4.     Weebsaayitii baasuuf(Website development) Feysal Abraahimii fi Abdulwaasii Raabsaa
5.     Waldaalee fi jaarmayaalee akeeka kana tumsaniif cimsuu Feysal Abraahimii fi Fiqaaduu Bayyanaatin kan raawwatamu yoo tahu ergamoota kana olii hunda yeroon akka xumuramaniif wayyaanotaan beellamni qabameef kan maayyii Muddee 19,2010 akka ture icitiin gola wayyaanotaatii nu gahe kun ni addeessa.
6.     Miseensota galmeessuun akkasumas miseensi kabajaa jedhamee waldaa kana keessatti galmaahu eenyu fi akkamitti galmaaha kan jedhus miseensotaan dalagama akka ergama wayyaanee kanaatti.

Koreen ergama wayyaanee fudhate kun dhimma Dokumenteeshinii irratti kan hin marihanne tahuu kan hubachiisu ragaan nu gahe, hojiin inni xumuraa fi ijoon akeeka farrummaa kana akkaataa itti hawaasa Oromoo keessa facaasan qabxii 9ffaa jalatti tarrisa. Haaluma kanaan waa’ee Koree golgaa WBO-KA (ODA_NA) jedhuun dhaabbate kanaa ilaalchisuudhaan ibsa akka baasuuf ergamticha Nugusee Birraatuu jedhamutti kan dirqamni laatame. Barruu, waraqaalee fi Kaalaandara fi kkf maxxansuudhaan akeeka cubbamaa kana ilmaan Oromoo biyyoota ambaa jiran biraan gahuudhaaf ammo namni itti hin ramadamne. Gaaffii fi deebii adda addaa Raadiyoo irratti taasisuudhaan olola oofuuf ammo ergamtoonni itti gaafatamtoonni qunnamtii ummataa koree kanaa fi kanneen biroo akka raawwataniif kan kaahame tahuutu ibsame. Kana malees, ergamtoonni kunniin hundeeffamuu waldaa kanaa ilaalchisuudhaan xalayaa adda addaa erguudhaafis  kan karoorfatan tahuu dokumentiin kun ni ibsa. Mootummaan wayyaanee karaa ergamtoota walitti qabee kanaan saamicha maqaa misoomaatiin amma gaggeessaa jiru malee, fuula durattis teletoonii qopheessuu fi koreen kunis kanarratti hawaasa Oromoo ala jiraatu akka sossobuuf dirqama itti laatuutu ibsame.


Walumaagalatti egaa akkuma olitti icitiin dabaa-shira wayyaaneen hawaasa Oromoo biyyoota alaa fi QBO fi qabsicha kan hoogganu ABO irratti xaxuuf saganteeffate saaxile kun dhala Oromoo qalbifateef waan hubachiisu qaba. Inni duraa mootummaan wayyaanee ammallee sirna gabrummaa isaa itti fufsiifuu fi Oromoo fi Oromiyaa akkuma cunqursaa jiru itti fufuus karaa lukkee isaa, OPDO, hojii farrummaa itti fufuu dha. Addatti ammo hawaasa Oromoo biyya ambaa keessa jiru gamtaa fi waliigaltee dhoowwee akka isaan qabsoo saba isaanii hin finiinsine diinagdee fi waan dandeettii isaanii maraan hin tumsine gochuuf rafee kan hin bulle tahuu dha. Inni lammafaan ammo kannen maqaa Oromoo baadhatan, maallaqaan bitamanii biyyoota ambaa keessa sossohan farreen siicoo hawaasaa tahanii fi ergama diinaa bakkaan gahuun saba isaanii miidhuuf golgaa adda addaan sossohaa jiraachuu isaanii ti. Hawaasni Oromoo biyya ambaa jiru keessattuu kan Ameerikaa Kaabaa jiru kana hubachuun ergama wayyaaneen lukkeelee kanneenitti maqaa WMO-KA (ODA-NA) jedhuun itti laatetti dammaquun dura dhaabbachuun fashalsuu qabuun dhaamsa keenya.



No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia