WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Tuesday, October 13, 2009

Yaamicha Walii galaa

(Deegarsa Nagaa fi Araara Moona ABO, Qabsaawotaa fi Ummata Oromoof)
Tarkaanfi WBO Zooni Kibbaa.
1. WBOf
Zoonileen WBO haftan akkasuma jaallan miseensota WBO bakkaa iyyuutti argamtan, nuti qaamni keessan, nagaa fi araari ABO fi Oromoo keessatti bu’uun alaatti, armaan achi falli takkichi ABOf, QBOf fi Oromoof jiruu fi hafe tokkoo illeen hin jiru jenna.

Diigamsi dhaaba ABO, qabsoo Oromoo fi gurmuu Sabichaa haga yoonaa mudataa jiru rakkina hoggana ABO jidduutti deddeebi’e dhoo’urraa nutti dhufe. Hogganni keenna yeruma cufaa iyyuu ufiif wal qoqqoodee, WBO, miseensota, deegartootaa fi ummataa bal’aa Oromoo akka mihaatti uf-jalaatti akka qoodaman taasisuun falamsiisaa niti.
Haali qoqqoodamu hoogganaa, qabsaawotaa, gurmuu tokkummaa sabicha akkasuma dhaaba ABO dhuma hin qabne kun dhalche keessatti, zoonileen WBO, WBOn, qabeenni lolaa dhaabichaa akkasuma nagayummaan ummata Oromoo balaa hariyaa hin qabne kan tarrifame hin dhumne geessisee jira.

Deemsi dadhabaan akkanaa Saba gudiicha akka Oromoof fi dhaaba ABO kabajamaa kanaaf hin malle jenna! Wal diddaa dhumaa fi furmaata hin arganne akkanaa keessatti itti fufani jiraatuun nu gahe jenna. Akkanaan WBOn loltoota dhaaba qabsoo bilisummaa osoo hin taane, loltoota gartuu/murnaa qofa akka taane hubatu hunda keenna feesisa jenna. Kun ammoo yakka olaanaa dhaabicha, qabsichaa fi Saba Oromoo balleessuu itti fufsiisuu keessatti hirmaatuun alaa maqaa biraa yaamamuun tokkoo illee hin qabu.

Gurmuu WBO, miseensota dhaabichaa, hooggana, qabsaawotaa fi sabichaa kanaa caalaa bittineessuu fi dadhabsiifamuu hayyamuu kana keessaa banee, gara tarkaanfii balaa kana dhaabsisuu waliin fudhatuutti isin afeeruu keenna kana waadaa fi kakuu kaleessa sanaatti nu dirqe.
Kanaaf, tokkummaa WBO, kan Zoonilee WBO, qabsaawotaa, dhaaba ABO fi ummata Oromoo mirkaneessuuf ejjennaa deegarsa nagaa fi araaraa qaamni keessan WBO-ZK fudhate kana waliin akka dhaabbatan yaamicha jaallummaa fi Oromummaa isiniif dabarsina.
2. Hoggana ABO, Miseensotaa fi Qabsaawota Oromoo Waliigalaaf
Wal injifatuuf dhiibatu gartuulee ABO jidduutti itti-fufeen, ABO fi QBO injifatamaa jiraachu hunda yaadachiifna. Walirra aanuu fi wal balleessuuf karoorri hangaa yoonaa walirrattiin bobba’ame, gara dhaabni ABO ofuma isaati of-balleessuu dhaqqabaa jira. Ta’seenuun, wal diddaan dhaaba keessatti barootaaf wal duraa duubaan dhadhalataa dhufan kan “koottaa ABO balleessinaa” jedhame kan ka’ame hin seenu.
Akkasuma yoo diqqaatte gami kamuu “ABO baduu dhowwuu fi laaffina irraa gara jabeessuuttii ceesisuuf” kan dhihaannee tahu himanna.

Haa tahu malee gamiittuu gaffiin uf-gaafatu qabnu, ergasiree hagam jabaanne? Kan jedhu dha. Deebisaa fi dhugaan handhooftuun namuu liqumsuu qabu jennu garuu, ABO jabeessuun hafee-QBO, ABO, tokkummaan Sabaa akkasuma egereen Oromoo/Oromiyaa yoomi illee caalaatti gara dukkanaatti ariifate jira. Tun ta’seenuun hawwii garuulee/murnootaa, hoggana, miseensaa, qabsaawotaa fi Saba tanaati miti.

Duuba, ‘waan lafaa fuuneetti wanti ukhaa buutee jirti’! Mormii, morka, dorgommii fi wal-hadhicha kana cufa keessatti ABO gara dhabamaatti geeffame jira. Kun akka hin baafnee fi armumaatti dhaabbatu qabu, yeroon waliin murteeffannu amma jenna!
Gara-garaatti “ABO fi Oromoon anuma/nuuma” jechu irraa ar’uma haa dhabbannu! “Nuti waliin ABO dha, walumaanis Oromoo dha” gara jechuutti akka jijjiirannu isin yaamna.
Oromoo, akkanaan wal moo’uun waan hin danda’amu. Inumaa iyyuu kan moo’amaa jiru QBO, ABO fi Oromoo ta’uu walumaanu arguu qabna jenna. Wal/uf-balleessuu irraa dhaabbatame, QBO, ABO fi Oromoo badiirraa akka walumaan hambisnuuf guyyaa ar’aa isin yaamna.
Wal dura dhabbachuutti umrii fixuu irra ABO, wal/uf balleessuuf walirratti duuluurra, qabsoo fi Saba Oromoo milkeessuuf akka waliin kaanuufkunoo yaamichi siif goonee. Ar’a irraa kaanee nagaa fi araaraaf waliin haa duuluu jenna.

Kana dhugoomsuuf, ejjennaa gartummaa/murnaatti cichuu kana ar’uma-ammuma-armumarratti dhaabuun, akeeka deegarsa nagaa fi araaraa qaamni keessan WBO-ZK dhiheesse kanaan alaatti falii biraa jiraachuu dhabuu amantani, tokkummaaf waliin akka bobbaanuuf si yaamne. Kunis dirqama seenaa, jaallummaa, Oromummaa fi Kaayyoon ABO akkasuma Oromoo hunda keenna ajajju tahu yaadachiifna.

3. Kabajamaa Ummata Oromoof
Waggoota amma afurtamaatti deemuuf bifa qindaawaa, jaarmayaa taheen osoo walirraa hin kutin bilisummaa, abbaa-biyyummaa, mirgoota namummaa fi egeree iggitaawaaf falmatuun firri, alagaa fi diinnii akkasuma aduunyaanu si beeka.

Kana keessatti wareegama bifoota cufaa warraatti, qa’ee fi bosonaattis baafte diqqaattu sadarkaa Afrikaatti tarreelee duraa jira jechuun ni danda’ama. Kana keessatti mirgootni qabsoo keetiin, keessattu karaa jaarmayoota kee walaba tahani, addaatti ammoo hoggansa dhaaba akka ilma takkichaatti ilaaltu-ABO jalaatti gonfattee hedduma. Sana hunda keessaa garuu, tokkummaan kee-akka Sabaatti, jaarmayaa kee-akka dhaabotaatti fi ilmaan kee-akka qabsaawotaatti waa hunda caalaatti tikfachuu qabda jenna.

Baroota qabsoo diddaa gabrummaa hedduu sanaan duraa iyyuu yoo dhiifne, waggooti kurna-afran-as-aanan kan hogganummaa kallacha dhaaba ABO jalaatti falmatte qofa iyyuu yoo fudhanne, qodni gama keetiin gumaachite jirtu silaa miyaa bilisummaa dhandhamtee jirta.
Rakkoon qabsoo fi qabsaawota akkasuma hogganoota qabsoo keeti mudate garuu, hanqina tokkummaa, dorgommii matayyaa/gartuu, bolola angoo (angoo harka nama hin jirre!), morkaa fi matooma akka malee tahufaatti galmaa’e jira.

Kunoo amma, akkuma agartu sadarkaa walumaa galaatti egereen Sabaa kabajamaa kanaa dukkana golgoleessituuf nu saaxilee jira. Oromoo fi Oromiyaan adduunyaatti bor mul’ifnu tan akka Somaliyaa sanafaa tahu akka hin qabne itti amanamu qabna jenna.

Yaa ummata Keenna, uf-balleessuu keessatti baduu mannaa, badii irraa ufii/wal/Sabicha dandamu wayya jenna!
Kanaafu, dhaaba kee ABO, qabsoo teetii fi tokkummaa kee (akka ummataatti) dandamachiisuuf, tarkaanfi nagaa fi araaraa WBO ZK fudhate kana akka fala irraa maayyi taheetti amanuun waan barbaachisu hundaan, bakkaattu akka deegartu, milkeessituuf si yaamna!

4. Manguddota Bu’uressitootaa fi Buuleyyii ABOf
Akeekaa fi yaalii araara moona ABO fi qabsaawota Oromoo qabattani kaataniin, WBO ZK hedduu dinqisiifann. Hujiin eegaltan kanumaattis yoo dhabbate iyyuu, seenaa keessatti (mataa-mataatti fi waloonis) maqaa/gurra dabarfttani jirtan jenna. Falli biraa karaa gartuulee ABO rakkina mudatee furuuf yaalamaa jiru mul’atu dhabuu fi yaaluma araaraa gama keessaniin eegaltan tanaa iyyuu maqumaaf malee garuuttu fardeeffamu dhaburraa, WBO tarkaanfi deegarsa araaraa eegaltan fudhate dhiibbaa barbaachisu godhu muranne jirra.

Daandiin eegaltan tun seeraan, seenaa fi aadaanis eebbifamaa tahu gad jabeesaa, WBO ZK waa’ela akeeka nagaa fi araara isin (Manguddota Bu’uressitootaa fi Buuleyyii ABO ) dhaaba ABOf fi ummata Oromoof dhiheessitan tahuu isin abdachiifna. Ammas haga danda’amuutti dhugoomsuuf hundi keenna walumaanuu akka hojjatan dhaamanna.
Araaraa fi Nagaan moonaa ABO/Oromoo eebbifamaa kana mirkaneessuuf nuti humni WBO ZK yaada fardii isin waliin dabarfatuu feenu waan qabnuuf jilli keessan tokko akka qaamaan WBO ZK ykn bakka bu’oota humnicha ariitiin qunnamtan isin afeerra.

5. Waa’ellani fi mararfattoota QBO/Oromoof
Waa’ellan/mararfattootni keenna kanneen haalota hundumaa keessatti QBOf goli dhugaa taatan, akkuma kaleessatti, ar’aa fi borii illee galata qabdan jenna! QBO fi dhaabni isaa ABOs akkuma fakkii kanneen biraa adduunyaa keessatti argamee beekamuutti ar’aa-borii illee firaa-fiixaa barbaada. Waa’elummaan keessan itti haa fufu jenna.

Haa tahu malee, qabsoo fira keeti tana-dhaaba isaa ABO fi ummatichumaa iyyuu balaan diigamiinsaa mudate jira. Kun sadarkaa waloon itti-dadhabaa turre bakka dhowwu dhaqqabee jira. Guyyaa fi yeroon firaa-fiixaan dhugaa waliif dirmatu ar’a qofa osoo hin taane, kunoo amma jenna.
Nuti WBO ZK, falli takkichi rakkina QBO, ABO fi Ummata Oromoo mudate kana ittiin irra dandamachiisu nagaa fi araaraa buusuu qofa tahu agarre.
Waan taheef, tarkaanfi deegarsa nagaa fi araaraa WBO ZK kana dhugoomsuuf qooda danda’amu akka laattan akkasuma waan barbaachisu maraan akka dirmattaniif isin yaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
WBO ZK ABO

No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia