WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, November 01, 2009

Sagantaan Wayyanee "The Diaspora - Affaris" hojiirra oolaa jiraachuu isaa hubattanii laata?

Melesii f i Buchulloonni isaa erga dheerinni umrii isanii kan murtooftu laffinaa fi dhabamuu jarmoota Oromoo kessahuu ABO ta’uu isaa erga hubatan barri isaa bubbulee jira. Dhugaa kana wayyaneen walii ishii keessatti haa haasoftuu malee amma waraqaa/ Xalayaa sadarkaa ministeera maqaa “Diaspora –Affairs” jedhuun dhaabbame baaftutti ifatti dubbattee hin beektuu ture.

Xalayaan suni waa heddu kan of kessaa qabu ta’us , ijoon isaa Jarmolee Oromoo kan Hawaasaas dabalatee kanneen biyya ambaa jiran hunda isaanii tu keessa seenuu dhan akka wal nyaatan godhuun akka diigaman goduu irratti karoora isaani kan sirritti ibsu ture. Hojii kanafis kanneen qaadhimaman namoota boloola angoo fi dolaarri ija isaanii jaamse yoo tahu isaan kana barbaadani bituu dhan akka keessa hojjetan godhuu dha.

Amma ammaatti rakkinoota jaamolee Oromoo wal-gidduuttis ta’ee keessa isaanitti qaban namni manifesto wayyanee kana waliin walitti qabee laale hin turre. Ammas nama rational ta’ee ofumaafuu ofiif adda baafachuu dhaf haala kana caalatti qorachuun adda baafachuuf yaaluuf malee, dimshaashumatti yoo laalamu waanuma propaganda biraatif darbatame fakkachuun ni mala.

Kuni hundi maal jechuuf:

Rakkinni erga mooraa qabsoo Oromoo kessatti uumamee yeroon isaa bubbulaa dha. Kan duraa ABO kessatti Dirre Bahatti calqabame. Saanaan booda yeroo sadi, Gumii, QC fi amma moo gaartuu jijjirama jedhu ta’uu isaa kan namuu quba qabuu dha. Kanaan alattiis namoonni yeroo adda addaa dhaaba kanarra bahan maqolee adda addaa baafachuu dhan kanneen chabba tolfataniis baayyee dha.

Haala ammaa maaltu adda ta’sise ree?
Jaarmoleen kuni hunduu akka dhaabatti wal yaa morman fi walii galuu haabatan malee amma tokko keessa isaniitti sabatiinsa inuma qabatuu turan. Hojjetanis hojjechuu baatanis.

Hara garuu maqaa jaarmaya tokkootin jaarmaya Oromoo kan jedhaman hundi ciniinamaa dhiigfamaa jiru. Jijjiiramni Mooraa qabsoo Oromoo keessatti ta’aa jiru kuni fooyoomina otuu hin taanejijjiirama diigmayaa ta’uu isaa qabxiilee kanaan gaditti tarrefaman laalaato isinumti murteessaa

Murni Jijjiirama ofiin jattu kan duraatif ABO diiguu yaalte sanirraa dhaladhe jette, itti aansuu dhan AWO bakka lamatti foxoqsite, GBUO irra namoota amma tokko irra foxoqsite, Tokkichuumaa keessa namooota amma tokko baafatte, fi ULFO walumaa galattu diigne jatte. Adda tokkummaa jechuu dhan jarmaya kijibaa kan bakka tokko gahuu hin dandenye, kan garuu wayyaaneef kunoo hojjenne jira nama jechisiisu tokko labsuuf erga biqilli naqamee bubbulee amma farsoon isaa unamuuf ABO taanee koree dhaabbane jachaa jiru. Koreen ganna gannaan dhaabbattu maal akka taate sichi arguuf teenya. Kan hunda irra nama dinqu yakkamtoonni hundi walitti qabamuun walibaqiinsa dhaabootaa labsuu isaani ti. Walitti baqiinsa namoota dhaabbooni adda addaa ofirraa tufe moo, dhugumatti walitti baqiinsa dhaabootaati kan jadu ifatti mul’ataa dha. Wanni ifaa tahe bubuutuu dhaaboota keessaa baasani otuu dhaabichi jiruu tokkummaa ummanne jachuun soba, sammuu ummata Oromoo maqaa tokkummaan jaamsuuf yaaluu fi ergaa wayyaanee golgaa tokkummaan guutuu malee hikkaa biro hin qabu.

Tokkummaan Oromoon barbaaddu tokkummaa bubuutuu namootaa osoo hin tahiin tokkummaa qabsaawoota Oromoo, kanneen qabsoo tana bakkaan gahuu dandayan tahuu isaa gadi fageessani xiinxaluu dhabuu qofa otuu hin tahiin otuu beekkanu fakkeessuun ummata sobuu fi ergaa dhooysaa bakkaan gahuu tahuu isaa walumaa galatti ummata Oromoo fi keessaa qabsaawoota Oromoof ifa raasaa jiru.

Wan fe’ee yaa ta’u, kabajaa/integrity dhuma Oromoof jedhaati wan kana sirnaan xiinxalani laaluu fi adeemsa dhaaboota Oromoo keessatti shororkaa fi laafina uumaa jiru kana hubachuun barbaachisa taya. Nagummaa mooraa qabsoo fi hulluuyxuu ergamtoota Wayyaanee irraa moraa qabsoo tiyfachuun murteessaa dha. Tookummaan dhaaba tokko waliin ta’u kan miseensa dhaaba sanaa yoo xinaate keessa 1/5 ille hin ammanne maal jedhama? FIDOn otuu jiru, kanneen achi keessaa badii adda addaan tarkaanfiin irratti fudhatame ofitti fiduun, GBUO otuu jiruu kanneen achi keessaa arhaman ofiiti fiduun, AWOn otuu jiruu, kanneen hidhata Wayyaanee qabachuun dhaabicha keessaa arihaman fudhatani tokkummaa uumna jachuun akka ani ilaalutti tokkummaa otuu hin taane akkuma jachaa ture, hawwi fi fedhii diigumsa dhaaboota Oromoo bakkaan gahuuf kan tahe jadha.

Gara biraan kanneenuma Jijjiirama ABO jadhan akkuma amma dhaaboota Oromoo diigaa jiranitti ABO diiguuf yaalani dadhabnaan nuutu ABO dha jadhanii heeraa fi seera bira tara seeruma dhaabni tokko itti dhaabbatuu fi addaan deemu tokkollee haala hin qabneen miseensota wayya baafi hoggana heeraa filame dhiisani akka waan ABOn Minneapolistti dhaabatee wahitti magaalaa sanitti of labsan.

Eegaa adeemsa kana yoo ilaallu, wanni ammallee hojjatamaa jiru adeemsuma sana kan hordofe tahuu isaa ifa bahe. Kuniis danayan dhaaboota kana micciruun fedii wayyaanee lafa jalaan hujjii irra oolchu dadhabamu ammo akka andaaqootti ririfani suutuma dadhabsiisuu fi diiguu kan jadhu. Kanas Ibsoota dhaaboonni kun basan dubbisuun ragaa qabatamaa dha. Amma kan dhagayaa jirru ammo noonni dhaabota irraa ririfaman nutti dabalamn jadhanii labsuu irra tokko taane hogganaas fillanne jachaa jiru. Dhaabooni miseensota dabalachaa deemuun waan namuuf ifa tahee otuu tahee jiru, namoota qubaan lakkaawaman miseenomsani tkkummaa raaboota jachuu waan raajii ti. Fedhii fi hawwii sammuun irrataa tahe garsiisa jedha.

Eenyummaa/Personality namootaa walitti baqiinsa ilmaan Oromoo caalattu wal nyaachisuuf deemu kana kessa jiran silaa osoon tokko tokkoo isaani isinff tarresse nan jaalladha. Hedduuun isaa interview Obbo Afron radio Minnesota irratti kenne sana fakkaata. Garuu hamma tokko fakkeenyaaf tuquun barbaachisaa waan taheef, seenaa dhumaaf namoota diigmaya jaarmaa kana keessatti qooda fudhatan hamma tokko yaa ilaallu: Tokkoffaa: Amaan Kadir dabballummaa dargii irraa gara ABO dhufee gandummaa achi keessatti babal’isuu malee takkaa lolee nama hin beeyne. Dhukkuba yeroo hunda nama himatee maayyii irratti finfnnee irraa Kenya seenee achin biyya alagaa kana dhufe. Eegaa kana jiddutti haddaa seenaa isaa yoo himan waan namatti hin tollle waan taheef bira tarra. Garuu biyya alagaa kanas dhufee xalayaa dhaaboota Amaaraa waliin maqaa ABO dhaan mallatesse kan dhaaba keessaa arihame dha. Oloolli inni ofaa ture garuu otuu hin dhaabbatiin warra AWO dhaabe keessaa tokko. Diinaan waliin hidhata waan qabuuf ULFO keessa erga seene, ULFo diiguu irratti hamma AWOn of keessaa ariite amma ABO jala hiriira jachuun mataa isaan deemee baqutti nama diigamayaa fi daba yaaduu malee bu’aan inni oromoof buuse hin jirre dha.

Lammaffaa: Ahmed (Afroo) – nama biyya alaa kana hamma bahutti oromummaa isaattu hin ammane tokko ture. Erga biyya alagaa kana bahe, Tokkummaa Barattoota Oromoo Europe keessatti yeroo gabaabaaf qooda fudhate. Achuma keessa otuu jiru Nagasoo Gidaadaa waliin Somali dhaquun Jaarraa Abbaa Gadaan biyya alatti bakka bu’aa nu godhi jadhanii gaafatani harkaatti didame. Achii deebinaa Nagaasoon duraanu shira wayyaaneef kan akkas godhe waan taheef yeroo biyyatti galu inni achumaa qabsaawoota irratti oloola otuu ofuu Odaa Bultum Murna harar kan jadhu fi akeekni isaa Ethiopia Demokrati taate dhaabu kan jadhu dhaabani oliif gad kaachaa ture. Sana booda akkuma tahetti gaafa sanitti IFLO amma FIDO dhatti miseensoome otuu achi keessa jiru akkuma baratetti Amaan faa waliin ULFO diiguuf otuu shira xaxuu FIDO keessaa arihame dha. Gaaffii deebisaa (interview) inni dhaluu tana Radio Hawaasa Oromoo Minneapolis keessa jiruuf kenne irraa namni kun nama akkam akka tahe barachuun hedduu salphaa dha jannee bira kunna. Garuu amma ammo dhaaba sagantaa hin qabne kan takkaa oromoon hin dhagayin dhaaba Murti Guutoo jadhu dhaabbane jadhee waanuma tahe ibsuu nama dadhabe dha.

Kan sadaffaa Ibsaa Nagawoo – inni kun nama Dariif hojjachaa quba namatti laachaa ture. Biyya Djiboutitti baqatee, osoo mana saboontittii oromoo takkaa maqaa oromoon qubatee jiruu, intaloo hadha manaa ulfeesse, sabab asniin balaan irratti buute dha. Erga biyya alatti dhokatee bahellee takkaa intala isaatu nama hin gargaarini. Yaa ta’u biyya alaa kana erga bahe boota takka ABO, takka Gumii tahee otuu jiruu shirri isaan hojjachaa jiran itti damaqame nama arihame tahuu isaa ibsa GBUO baase ifa godhee jira. Egaa kana kan tuquu barbaadeef hammam tahha namoonni kun dhaabina sabatiinsa qqabu tokko akka hin qabnee fi fedhii isaani jala deeman kanneen Qabsoo oromoo gururachuuf yaalaii fi fulduraas irraa of hin qusanne ta’uu garsiisuuf qofa. Kanneen biro yoo barbaachisaa tahe fulduraaf takka takkaan yaaluu fi kanneenuma amma akka fakkenaytti kaafne kanaas dubbii isaani babalisani saaxiluun ni dandayama.

Tokkummaan ilamman Ormoo gidduu dha wanuma irratti wal falamani hin qabu. Kan nama dinqu tokkummaan kun garuu jacha bakkaa fi akka maletti hiikkamaa jiru tahuu fi diinnan ummata oromoo yeroo adda addaatti – ammallee dabalatee kan dhimma itti bahaa jiran tahuu isaati. Ummanni Oromoo saba tokko dhiiga tokko hiree tokko kan qabu tahuu isaa ilmaan Oromoo iddoo dhalootaa fi amantii osoo hin filatin bakka takkatti lolanii kufani kufisaa turanii fi jiran, akkasumas ummanni Oromoo bakka takkatti bira dhaabbachuun mana hidhaa keessatti guuramuu, dararamuu fi ajjeefamuun tokkummaa Oromoon qabdu kanaaf ragaa guddaa dha. Kana tokkummaan Oromoo maalirratti akka hundaawe ibsuuf qofa tuqe malee fakkiilee tarrisuun ni dandayama. Kan dubbatamaa jiru tokkummaa jaarmolee Oromoo yoo tahe garuu akkasitti ibsamuu fi hubatamu waan qabu. Hawwii fi fe’ii kanneen qabsoon Ormoo tarii kanaan sakaalamee laata jedhan hundaanu hawwatamuu dha. Garuu, Jarmayaan nama kaleessa mooraa diinaa kessa bahee dhufeen hogganamu, bifa kanaan yoo jaarmolee Oromoo hunda ciniinuufi dhiigsu callisanii “lakki Tokkummaa Oromoo tif Gaarii dha jechuun” hojii sanirra hirmaachuu dhan ala hin ta’u. Kara birootiin ammoo dogoggora tokkummaa jacha jadhu sana ifatti mul’isa.

Kun tokkummaa namoota yaadan gargar jirra jadhanii fedhiin ammo tokko tahanii jiranu malee kan Oromoo hin calaqqisu. Warri jijjiirama jachuun as bahan kun akkuma ofii ABO diiguuf bara dheeraa hojjatani itti milkaawuu dhabuun amma of gadi baasani dhaaboota biro diiguuf yaaluun seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti asxaa gurraacha tokko kan dhiisu tahuu beekkamaa dha. Gandummaan wal gurmeessuu jalqabani Oromoo hundi itti damaqnaan tokkummaa sobaa fi sagantaa diigumsaa kana hafarsaa jiru.

Sagantaa diigomsaa kana faarsuun osoo gargalchani hin ilaaliin kanneen barreessa jiran hunduu boru seenadhuma galmee kessanii yoo gara galatanii laaltan maaluma ofiiin jettuu laata. Kanneen kaleessa ilmaan Oromoo Wayyaanee waliin fixaa turan, kanneen ummanni oromoo yaatahu jachuun qabsotti dabalamani of baraaran jadhee eeggachaa ture arra gochuma diinummaa sanitti yeroo bobahan cal’isani laaluun doggora qabsaawoota hawwii kanaan ofitti fidan hojjatan irra caalu tahuu hubatamuu qaba.

Kanneen gartuu kana waliin haaluma adda addaatif ijjettanii jirtan yoo boruun jiraate tajjabdiii seenaa boruu keessa sof baasaa. Jijjiiramuun waraaqsaa foyinaaf malee diigmayaa fi moti. Jireenyi ilmi namaatu jijjiirama guyya guyyaati. Jijjiirama evolutionary ta’e dhaadheessuun of booda nama deebisu dha. Sadarkaa qabsoon oromoo irra jirtu irraa kaafne fuunduratti akkamitti deemnaa irratti hojjachuun kan sabboonoota hundaa ti. Kanneen sadarkaa amma jirru kanarraa tapha joolleen fuuldura tarkaanfachuu otuu hin tahiin; bakkuma jirrutti dhiinnu fi diinatti gallu nu taasisuuf toftaa addaa wayyaaneen saganteefame kana dammaqiinsaan ofirraa eeguufi dura dhaabbachuun murteessaa fi waan yeroon gaafatu jedha.

Maqaa tokkumaan Oromoo sobuun hin dandayamu!

Karaa Gaarii

Nagaan jiraadha




No comments:

Post a Comment

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia