WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, December 21, 2008

Seenaa Gabaabaa Goticha Jaal Lagasaa Waagii Meetta

Jaal Lagaasaa Wagii abba isaani obbo Wagii Meetta fi haadha isaani addee Buzunaash Ayyaana irraa bara 1960,Godiina Lixa Shawaa, konyaa Mannaa, Aanaa Shinoo Meettaa Robii, ganda Kuyyuu Giccii jedhamtuu keessatti dhalate.


Jaal Lagaasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo gahu, mana baruumsa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa 1-4 barate. Barnoota isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa 10-11 magaluuma Finfinneeti barate.


Jaal Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa 11ti barate booda barnoota akadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barateera. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaa irraatti bobbahuun hojjaachaa ture. Jaala Laggaasaa Wagii hojii daldala irraatti bobbahuun magaala Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa turan yeroo tahu, hojiidhuuma daldala kanaaf meesha daldaala adda addaa fe’achuun gara Dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe.


Jaal Laggaasaa Wagii obbolaa shan kan qabu yeroo tahu,Waxbajjii 27 bara 1987 haadha mana isaanii Waynisheet Getahuun fudhe. Hadha Mana isaa kana irraa ijjoollee dubartoota sadii (3) kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Firehiwet Laggasaa fi Nestaannet Laggasaa kan jedhamaaniis godhate.


Jaal Laggasa Wagii jaalalaa fi fedhii guddaa ummata isaaf qaba. Akkasumas hacuccaan ummata isaa irra gahu boqonnaa waan isaan dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaallatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e.


Dammaqiinsaa fi hubaannoo Jaal Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaa’uun dhaaba keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamuutti barate. Akka baratee baheen dirqama dabballummaan zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi gahummaa isaa ilaaluu dhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa tahee fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee dha.


ABO mootummaa Cehumsaa keessaa akka baheen WBO naannoo jirtuu dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture. Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa J. Laggasaa tokko ture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangaatti deebi’ee keessa ture Jaal Laggasaan. Bara 1993-1998 tti sadaarka miseensuummaa irra kaase haga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee qabsaawaa dhugaan qabsaa’ee qabsoo gosiisee dha.


Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii J. Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare, QBO irraa qooda akka fudhatan taassisee jira.


Jaala Lagasaa Wagiin bakka fi haala dirqaamni qabsoon isa feete hunda keessaati qooda ol’anaa nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama baha turee dha. Akka kanaati jaal Lagaasa Wagiin bara 1998/99 irraa kaase itti anaa moona leenjii WBO waliigala tahe hojjaacha turuun isaa seenaan isaa adeesa. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO-Zonnii dhiha J/Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaaa fi quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun bara 2002 dirqama dhaaba fudhatee gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa bobba’e. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 baddalee Dhiha Oromiyaa Qeebbe, Dambii Dolloo, Gidamii , Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hogganummaa mul’ataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO Dhiha Oromiyaa J/Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 05/11/2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa tahuun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin tahe hoggana waraanummaa fi siyaasaa kennaa ture


Jaal Lagasaan dirqaama sadaarkaa adda adddaatti irra ture hunda keessaatti, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa miseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsahoota fi sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf nama tahe dabree dha.


Jaal Lagasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha keessa waan tureef KS-ABO-3ffaa bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus bakka inni hin jirreetti miseensa GS-ABO tahuun kan filaame. Dirqaama fi itti gaafatamuummaa dachaan itti kenaame kanaas gahuumaa fi of-kenniinsa haga wareegaama lubbuu isaati kennu goota qabsoo tahuu isaa mirkaneesse jirra.


Jaala Lagasaa Wagiin; bishiina qabu irraa, tooftaa fi mala qabu irraa akkasumaas gootuummaa qabu irraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baayyee jaallatamu fi kabajaamu dha. Akkasumaas, jaal Lagasaa Wagiin diina biraati kan bayyee sodatamuu fi gootummaa fi abbaa toftaa fi mala tahuun isaa diinoota keenyaa utuu hin jaallatin kan ragaa bahanii dha.


Mootummaan gita bituu ilmaan Tigray, TPLF Wayyaaneen, yeroo adda addaa humna ishii kumatamaan lakkaawamaan, meesha gurguddaa fi humna qileensaa illee osoo hin hafiin duulaa fi sakataa adda addaa yeroo itti zoonii dhihaa keessaati bana turteeti, WBO hogannuun, hoggaansa cimaa kenuun, lolaa lolchiisaa humna diina dirree lola irraatti kan qaneesee fi gootummaa WBO kan mirkaneesa ture jaal Lagaasaa Wagii fi jaallewwaan isa waliin lola lolchisaa, diina kufiisa kufa kanneen turanii dha.


Mammaksi Oromoo “Namni gaafuma dhalaate du’e” jedha. Gooti marraa tokko duwwaa du’a, dabeessii garuu lamaa fi sanaa oli du’a. Ammoo lubbuun dhugaa fi haqaaf jedhame bahu akkasumaas, lubbuun qabsoo saba ofii fi kabajaa ummata ofiif jedhaame kafalaamu kan seenaan barabraan yaadatamu dha. Wareegamni, lubbuu qaalli taate mirga sabaa fi biyya offiif jedhamee kafalaamu wareegama akka garaa ulfattuu, kan seenaan yaadataa hafuu dha. Mirgi saba ofii akka kabajamuu fi abbaan biyyumaa ummata Oromoo akka mirkanahuu taasisuuf waan hunda caalaa gootummaan murteessa dha. Sadarkaan gootumma inni dhummaas egaa lubbuu ofii mirga sabaa fi biyya ofiitif jedhamee kaffalamuu dha. Jaal Lagasaaniis, waregaama qaali taate kana kennuun kabajamuu mirga saba isaatii fi abba biyyuummaa Oromoof gootaa of kenne waan taheef seenaan isaa hogayyuu barabaraan kan yaadatamuu taha. J/Lagasaan dirqama sabummaa isaa kana bee’a'e dheebodhe, dadhabe, gaara bahuu, daggala cabsuu hifadhe osoo hin jenne baddaa fi gammoojjii keessatti roobaa, qorra aduu osoo hin jenne rakkinoota qabsoo hadhawoo hundaa kana danda’uun waggootii kana hunda kayyoo kabajamaa kanaaf qooda ol aanaa kennaa turuun ammoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa akka qabaatuu isa taasisa. Qabsawota bilisummaaf fakkii guddaa tahee jira.


Dhiigni jaal Lagasaa dhangala’e, dhiiga akkanumaan lafaati dhagalaahe hafe fi hafu osoo hin taane, dhiiga bilisummaa saba keenyaa dhiheessuu fi umurii diinaa kan gabaabsu waan taheef Oromoota biratti kabajaa fi fakkii guddaan ilaalama.Gumaan isaa qabsahoota haqaa, qabsoo bilisummaa saba isaaniif falmaaniin kan baafamu fi akeekii fi kayyoon Jaal Lagaasaa Wagiin falmaafii ture galmaan gahuun kan mirkanaawu akka tahu mamiin tokko illee hin jiru.


Jecha Maammo Mazamiir “ Qabsahaan Kufuus Qabsoon Itti Fufa!!!

6 comments:

  1. Anonymous10:36 PM

    Baay'ee baay'een guddun gadda garuu haala qabso keessa Ajjesuuf wareegamun wanuma jiru dha .Dutni gootichaa oromoo dhabuun keenya waan heddu nama gaddisisuu dha.
    Jechuma maammodhan of jajabisana
    galatooma seena isaa waan nuu dhiheessitanif.
    Qabsa'a dhugaan hangaa du'atti

    ReplyDelete
  2. seenaa laggasaa wagii dhaga'uun gaarii dha;gaaruu nutii immoo laggasaa biraa ta'uu qabna!!

    ReplyDelete
  3. Anonymous6:27 AM

    laggasaa biraa ta'uu qabna!!!

    ReplyDelete
  4. Anonymous1:49 AM

    Excellent!

    ReplyDelete
  5. Anonymous10:59 AM

    I have really felt sick since the event was fresh till now.

    ReplyDelete
  6. Anonymous6:19 AM

    Galatoomaa! Seenaa yaadatamuu qabu akkasii kana maxxansuu keessaniif. Qabsoon itti fufa, Oromiyaan in biliisomti. Gootota qabsoof wareegaman akkasii kana yaadachaa qabsoo isa qabnee jirru sirriitti itti haa cichinu. Garuu waan baayyee na gaddisiisen isinitti hima. Qabsoo laafaan isin irratti arge. Innis maali yoo jettan dogoggora keesan duwwaa dha. Attamittiin maxxansa amma kana ga'u qubee Afaan Oromoo dogoggoraan barreessitu? Mee irra deebi'aa ilaalaa. Bayyee nama qaanessa, baayyee nama gaddisiisa, umna nama buusa. Gara fuula duraatti barumsa isiniif haa ta'u. Beektonni Oromoo guutanii jiru. Itti fayyadamaa, ofiis baradhaa. Afaan kan biraayyuu itti rakkachaa turtani. Attamitti Afaan Oromoo akkas mijatu kun isin dhiba?

    ReplyDelete

I am responsible for my posting.

Map of oromia

Map of oromia