WELCOME TO OROMONET

The Home of Oromo Views & headline News from the Horn of Africa

Gabcast! Gotoota Oromo Haa Yaadannu. #17 - Wallee.






Sunday, January 01, 2012

IBSA EJJENNOO HOOGGANOOTA FI MISEENSOTA ABO

KAAYOON BILISUMMAA OROMIYAA GURGURAMUU HIN HAYYAMNNU

Umanni Oromo eega biyya Oromiyaa humna waraana habashootan saamame, waggaa dhibba caalaa tahun beekamaa dha.Weerara habashoonni Oromiyaa irratti banan ifirraa ittisuu dhaaf wareegama gudda fi qaalii kan akka harka, miila, harma fi mormaa muruu kafaleeti jira. Akkasumatti kiyyo gabrummaa jalaa bahuu dhaaf hanga ammaatti wareegama qaalii kana kafalaa akka jiru seenaan diddaa gabrummaa sirritti ibsiti.
Habashootiin gargaarsa meeshaa baranee biyyoota alaa irraa arkataniin Oromiyatti dulanii eega cabsan booda, Oromoon gabrummaa jalatti kufe, biyya isaa irrattti alagoomee, gabrummaa hamtuu adunyaa irratti hiriyaa hin qabne mudate. Oromoon araddaa fi qe'ee isaa keeysatti akka bineensa bosonaatti aloolame ajjeefame, akka beeyladaatti dhimma itti bahame. Gabra fijaa hin qaabne ka hojjatee nafxanyaa Amaara gabbaru, kan osoo ilmaan isaa beelaa, daaraa fi doofummaan hubamanii, ilmaan nafxanyaa nyaachisuu fi barsiisuu dhaaf dirqamu tahe. Walumaa galatti roorroo fi miidhaa ilma namaa mudachuu hin qabne nafxanyoonni Oromo irraan akka gahan seenaan ni mirkanneysiti.

Haa tahuu malee, ummanni Oromoo hiree argamte hundaatti dhimma bahee, gabrummaa habashootaan isaan mudatte fonqolchee ifiraa kaasuu dhaaf, yaroon qabsoo irraa harka maratee taa'ee hin jirtu. Arralee, qabsoon Oromiyaa harka gabroomfataa habashaa jalaa walaboomsu dhaaf godhamtu itti fufaa jirti. Hanga Oromiyaan walaba taatuu, hanga ummanni Oromoo bilisa tahe hiree isaa dhiibaa takkaan maletti murteeyfatu qabsoon Oromiyaa walaboomsuu fi ummata Oromo bilisoomsuu dhaaf, kaayoo ABOn labsamte wareegama qaqqaalii kamillee yoo gaafattee hamma galiin fiixa baatuu qabsoon itti fufti jenne amanna.

Akkuma beekamutti, nuti miseensotiin ABO, bara 2008, keessa rakkoolee dhaaba keenya fuula dura deemuu dhoorkan irra aanuu dhaa fi furmaataas itti barbaadu dhaaf dhaaba keessatti jijjiirama hundee labsuun keenya ni yaadatama. Labsa jijjiirama kana irra kan ka'ee miseensota fi hoogganni dhaaba bakka lamatti qoodamuun, ABOn rakkoolee addaa keessa seenuun waan beekkamaa ti. Rakkoolee jaarmaya keessatti nu mudatan tanneen wal’aanuu dhaaf tattaafiin adda addaa godhamanillee haga ammaatti raakkoolee tanneen irra aanuun hin dandayamne. Kun tahuun qabsaawota, sabboontotaa fi ummata Oromoo bal'aa hamilee caphsuun waan dhokataa miti.

Dhugaan jirtu osoo tana taatee jirtuu, nu miseensota jijjiiramni hundee ABO keessatti arkamuu qaba jenee kaane, haallan ifirraa hin eeyne, haallan ni taha ja'amee hin yaadamin nu mudatee jira. Haallan kanneenis haallan gaddisisoo fi haallan murnoota maqaa ABO himatan kamillee irraa hin eegamne.

Hallan Kanneeniis:
Hoogganootiin hagoon ABO (Jijjiirama) geggeesan,

1 Kaayoo Adda Bilisummaa Oromoo tan (Kora Sabaa tiin bara 2004 tumamte) heeraa fi seera dhaabatiin alatti jijjiiruun,

2 Kaayoo Itoophiyaa dimokraateysuu akka kaayoo dhaabaatti fudhachuu dhaan qabsoo ummata Oromoo xurree irratti jaaramte irra fageeysuu dhaaf, afanfaajjii hammana hin je'amnne ummata Oromoo keeysati akka uumamu godhuun.

3 Sabboonummaa Oromoo kolaasanii, Habashaaf guggufanii, qabsoo bilisummaa Oromiyaa dura dhabachuu dhaaf murteefachuun,

4 Fedhii saba Oromoo irra fedhii Habashoota mirkaneeysuuf, Habashaaf irree tahuu filatani waan murteeyfatanif jecha,

Nuti, hooggantoonni fi miseensoonni dhaaba tarkaanfiilee asi gaditti tareeyfaman fudhanee jirra.

1. Hoogganoota dhaabaa kanneen kaayoo Itoophiyummaa filatan arra irraa jalqabee akka hoogganoota dhaabatti isaan hin beeynu.

2. Kaayoo Itoophiyummaa tan farra bilisummaa Oromiyaa ta namoota waa xiqqoon maqaa ABOtiin labsamte tana waan dandeenyu hundaan dura dhaabanna.

3. Nuti miseensoota fi hooggantoonni tarkaanfii tana fudhanne, dhaaba keenya akka kaayoo isaa irratti deebi'ee qabsaawu miseensota dhaaba waliin taanee qabsoo teenya ta Oromiyaa blisoomsuu,ta ummata Oromoo abbaa biyyaa taasisuu itti fufna.

4. Namoota Kaayoo dhaaba jijjiiranii kaayoo Itoophiyummaa (kaayoo Habashootaa) Oromoo irratti deebisanii mootomsuu filatan miseensotiin dhaaba, sabboontotiin Oromoo fi ummanni Oromoo bal'aan akka dura dhaabatan yaamicha goonaaf.

Dhaamsa:

Dhaabni keenya dhaabolee Oromoo walaba tahani fi moraa qabso bilisummaa oromiyaa keeysa jiran wajjiin qabsaawuu dhaaf qophii dha. Tanaas hujiin mirkaneeysuu dhaaf Koonfirensi Araaraa fi Dadaa Tokkummaa hatattamatti akka godhamu dhaaboolee bilisa tahani fi qabsaawoota hundaafuu yaamicha keenya ulfinaan dabarsina.

Nuti miseensoonni maqaan keenya armaa gaditti tareeyfame murtiin tun teenya akka taate mirkaneeysina.

1. Ibrahim Muumme, Miseensa gumii sabaa fi miseensa KHR, Dubbataa Dhaabaa.

2. Damsho Ali, Miseensa gumii sabaa, itti gafatamaa Birkii Siyassa.

3. Abdi Ibrahim (Rushi), Miseensa Gumii Sabaa, Itti gaafatamaa Birki Jaarmaya Biyya Alaa.

4. Samiya Usman, Miseensa Gumii Sabaa itti gaafatamtuu Dhimma Dubartootaa.
5. Ahmed Ibroshee, Miseensa Birkii Siyaasaa

6. Abbaa Abdii miseensa Koree Jaarmayaa

7. Diriba Hordofa, Miseensa GS,

8. Ahmed Yassin, Miseensa Koree Aadaafi Beeysisaa (waraabi)

Injifannoo ummata oromootif
Oromiyaan ni Bilisoomti

Amajjii (January) 1, 2012


Tuesday, December 06, 2011

Corruption Currents - Ethiopian Illicit Outflows Doubled In 2009, New Report Says

By Christopher Matthews

Ethiopia lost $11.7 billion to outflows of ill-gotten gains between 2000 and 2009, according to a coming report by Global Financial Integrity.

That’s a lot of money to lose to corruption for a country that has a per-capita GDP of just $365. In 2009, illicit money leaving the country totaled $3.26 billion, double the amount in each of the two previous years. The capital flight is also disturbing because the country received $829 million in development aid in 2008.

According to GFI economist Sarah Freitas, who co-authored the report, corruption, kickbacks and bribery accounted for the vast majority of the increase in illicit outflows.

“The scope of Ethiopia’s capital flight is so severe that our conservative US$3.26 billion estimate greatly exceeds the US$2 billion value of Ethiopia’s total exports in 2009,” Freitas wrote in a blog post on the website of the Task Force on Financial Integrity and Economic Development.

The report, titled “Illicit Financial Flows from Developing Countries over the Decade Ending 2009,” drew on data from the World Bank and the International Monetary Fund on external debt and trade mis-pricing to calculate illicit capital leakage. The study, which will be released later this month, measures the illicit financial flows out of 160 different developing nations.

Ethiopia is one of the poorest countries on earth as 38.9% of Ethiopians live in poverty, and life expectancy in 2009 was just 58 years.

“The people of Ethiopia are being bled dry,” Freitas wrote. “No matter how hard they try to fight their way out of absolute destitution and poverty, they will be swimming upstream against the current of illicit capital leakage.”

Map of oromia

Map of oromia